Dabaree Seenaa Irraa 

4965Diinni Oromoo hundaa olitti Adda Bilisummaa Oromoo sodaata. Guyyaa Addi Bilisummaa Oromoo bu`uureffame kaasee hanga har`aatti diinotni dhihoo fi fagoo, keessaa fi alaan dhaaba irratti duuluu irraa takkaa adabatanii hin beekan. Sababa duulli dhaaba irratti banamuuf kunis; dammaqinsaa fi ijaaramuu ummata keenyaaf ABOn bu’uura waan ta’eef; kana malees Walabummaa Oromiyaa fi Bilisummaa Ummata Oromoof waan qabsaawuuf. Ajandaaleen holola adda addaas kan diinaan wixiname ABO irratti wal irraa citinsa malee gaggeeffamuuf kanumaafi.ABO fi Ummata Oromoo gargar baasuuf, Diinotni ganama tokko ka`anii Adda Bilisummaa Oromoo dhabamsiifne kana booda boqonnaa arganna jedhanii labsuu, galgala ammoo ABOn bakka akkasiitti osoo inni tarkaanfii fudhachuuf socho`uu qabanne, ABO tu akkas godha jechuun waan ofumaa dubbatan deebi`anii falleessuun shirri isaan kaabaa oolan diigamaa har`a gahe. Bifa kamiinuu Adda Bilisummaa Oromoo dhabamsiisuun akka hin danda`amne diinni keenya tolchee beeka. Kana waan hubatuuf afaan qawween sabicha hanga gaafa dhabamuu isaaniitti bituuf ijibbaatu.

Gantoota sabaa warreen garaaf gugguufan of cina buusuun ABO irratti hololchiisu.

Gama biraan mootummaan TPLF/EPRDF Adda Bilisummaa Oromoo maqaa shororkeessuummaan yakkee kophxoomuu dhaaba keenyaa abjootus osoo hin milkaa`iin badhaadha abjuu ta`uun hafan. As deebi`uun ummata keenya caasaa waaraanaa fi basaasaatiin tiksuuf, tokko shaneen ijaaree, qabsoo mirga abbaa biyyummaaf godhamu masheensuuf tarsiimoon tolfamaa bahe ganama tokkotti Qeerroo Bilisummaa Oromootiin diigamuun awwaalame.

FDG gara FXGtti geeddaruun QBO-ABOn durfamu waliin jiraachuu ifatti labsan. Ummatni Oromoos golee Oromiyaa cufa keessaa Adda Bilisummaa Oromoo waliin ta’uun QEERROO cinaa hiriiruun qabsicha boqonnaa haaraatti tarkaanfachiisuun diinatti dhukkubbii dhalchan.

Oromiyaa keessatti ummataan tufamuu kan hubate sirnii burkutaa`e kun, jabina fi guddina QBOtti akkaan rifatuun jala deemtota isaa hagoo maqaa Di`aasbooraan(diaspora) biyyoota olla fi gama fagoo keessa jiloota isaa bobbaasuun asii fi achi sorogga`uun warra akka bishaan gabatee irraa asii fi achi fiigan muraasa dantaan micciree akka qabsaa`ota sabichaaf quuqama qabaniitti tolchee QBO, Hooggana ABO fi QEERROO irratti holola oofsisa; kanaafis horii guddaa dhangalaaseera.

Jilli Minaasee(Abbaa Duulaa) faatiin durfamu kana dura Miniiyaapoolistti dirqama kan kennaan hirbaata waliin nyaatanii shubbisaa buluun miidiyaa garii irratti saaxilaamuun yaaddannoo yeroo dhihooti. Sabboontotni Oromoo gaafa Qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa baasan, mataa warra biyya Hambaatii wacu keessaa gaaffii fi deebii raadiyoo VOA afaan Amhaaraa irratti kenneen, qaama mootummaa dhimmi ilaalu waliin akka wal haasa`aa turanii fi waadaa waliin qaban himachuunis dagatamuu hin ta`u.

Minaaseenfaa,Namoota hagoo haga tokko biyyumatti fudhatanii galuun,kuuwwan ammoo bakkuma isaan jiranitti dirqamicha itti kennuun karaalee miidiyaa adda addaa qabsoo sabichaa akka naaffisan walii galame. Maqaa xiinxaltoota jedhuu fi akka raagdotaatti of bocuun carraa argatan hundatti dhimma bahuun Hoogganoota dhaabaa fi qabsaa`ota dhugaa dhiigaa fi lafee isaanii qabsoo kanaaf itti dhaban,qabsoo afaan/mangaagaa diinaa keessaa baasuun dhaloota har`aan tana falmiitti jiru horan biratti kabajaa fi ulfina dhabsiisuuf morma mirmirsuu jalqaban.

Warreen kun kaleessa yeroo biyyaa yaa`an qabsoof osoo hin taane,gariin isaanii ergama diinaa baadhatanii dabballummaa tikkaa fudhachuun, gariin ammootu carraa barnootaa mootummichi kenneefiin yoo ta`u, kunniin hafan immoo maqaa Adda Bilisummaa Oromootiin laga ce`anii warra of irraanfatanii dha.

Shirri hagam tuulamee irri isaa dammaan dibamee mul`atus summichi oolee osoo hin buliin dhohee mul`ate. Qeerroon dhabamuun hawwameefis daranuu humnoomee akeekaa fi kaayyoo diinni Oromiyaa bakka lamatti kutuuf abjootte dhiiga dhangalaasuun injifannoo boonsaa galmeessuun fashalsan. Warri haalaala taa`ee wareegama Qeerroo Bilisummaa Oromootti qoosus warruma diinatti hidhatee shibbisu kana jechuu dha.

Gaafa Qeerroon golee Oromiyaa guutuu keessaa sagalee isaa dhageessisaa ture, ‘‘Resistance flag’’hin qabatiinaa, huccuu adii qabadhaa bahaa jechuun, lagannaa Alaabaa Adda Bilisummaa Oromoof qabanii fi dirqama diinaan isaanitti kenname ifatti suuta as baasan. As garagaranii kana Alaabaa keenya baataniif jaalatanii baatu osoo hin taane yoo alaabaa kana laganneetum dhiifne, ummata biyya keessaa fi namoota ala jiran kana qabachuu hin dandeenyu, akka saree maraattee kophaa fiiguu ta`a kan jedhu yaadanii ti.

Gaafa namoota walitti qabanii horii maqaa hedduun guuran, boru qawwee binna,gaafa miidiyaatti deebi`an immoo ilmaan Nafxanyootaa duuba yoo hin hiriirre humna hin taanu jechuun Empaayera maqaa Xoophiyaan jirtu kan saba keenya akka sabaatti of keessatti arguu fi dhaga`uu hin feene suphuuf tattaafatu. Tunis ergamicha kan jabeessu ta`uun ifa galaadha. Warra har`a maqaa kora Atilaantaa jechuun harka lafa jalaatiin akeekaa fi kaayyoo ummata keenyaa doolaratti sharafuun bidden furdaa warra hawwan jechuutu salphata.

Korichis saaqama isaatiin Dhaaba ummatni keenya kallachummaan deeggaru, dhaaba isaaniitiif jedhanii kumaatamni itti of kitimaa jiru abaaruu fi busheessuutti fuulleffate. Namoota kaleessa dhaabni Oromummaa barsiisee fi waaroo dukkanaa fuula irraa saaqe hundi deebi`ee dhaaba komachuu fi qeequun saalfii tokko maleetti mul`ate.

Warreen kora sana waaman eenyu fa`i? Kaleessa kaasee hanga har`aatti mooraa kam keessaa laaqii laaqqataa turan? Har`a immoo gaafatama akkasii eenyu itti kenninaan qabsaa`ota fakkaatanii wawwaatu barbaadu?

‘‘Garagalchii intalli dahumsa haadha gorsiti’’akka jedhamu,Halkan diina waliin qabsoo Oromoo dhabamsiisuu irratti, guyyaa ammoo fira fakkaachuun waa`ee qabsoo nutti himuuf yeroo tattaafatan mul`atan.

Walgahii isaanii irratti kan hirmaate sadarkaa duratti waamicha addaa godhameefii deggertootni isaa harka dhaananiif ganticha Junaddii Saaddoo kan harki isaa xurii qabu ture. Junaddiin seenaa Oromoo keessatti gidiraa gurguddaa nama Oromoo irratti dalage, godaannisni sun bade jedhee miidiyaa irraa wacaa turedha. Yakki namni kun nu irratti rawwate keessaa;

  1. Magaalaan guddoo muummee Oromiyaa, Finfinnee ta`uun hafee gara Adaamaatti akka geeddaramu kan hojii irra oolche,
  2. Barattoota Oromoo mana barnoota Ol aanoo (Yuuniversiitii ) Finfinnee irraa al tokkotti ijoolleen 350 ari`muun seenaa adduunyaa keessatti kan fakkaataa hin qabe nu irratti hojjetee hojjechiise. Ammayyuu ni ari`amu fooddaa cabsinaan jechuun afaan guutee jireenya dhala Oromootti nama qoosaa ture,
  3. Waldaan Wal Gargaarsa Maccaa fi Tuulamaa Adda Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabdu, isintu barattoota Yuuniversiitii Finfinnee fi Kanneen biroo irraa ari`ame horiin gargaaraa jira, waamicha diddaa Magaalaan guddoo Oromiyaa akka Adaamaatti hin jijjiiramneef gootan jechuun, Peresidaantii Waldichaa fi hayyoota gurguddoo gaafatamaa garagaraa irra jiran,miseensotaa fi deeggaraa waldichaa mana hidhaatti kan guursise, qabeenya waggaa afurtamaa oliif waldichi kuufate kan saamsisee fi WMT waa’ee Finfinnee dubbachuuf mooraalii maalii qaba jedhee kan waldaa hangafa Oromoof bu’aa gugurdaa buuse kanatti qoosee hanga har`atti cufsiisee jiru dha.
  4. Ummatni Oromoo magaalaa Adaamaa jiraatu himatu keessaa, maqaa Amantiin Guraagee, Dorzee fi kanneen biroo, qotee bulaa lafa isaanii irraa buqqisuun qubachiisuun haalaan miidhamuu kulkulfatanii himatu.
  5. Galma Abbaa Gadaa ijaarsisuu keessatti seenaa Oromoo waliin kan wal
    hin simne tolchuu isaatiin kan abaaramuu fi
  6. Dargaggoota Oromoo FDG gaggeessa turan irratti garaa laafina tokko malee rasaasa roobsisuun karaatti hanbise keessaa meeqan maqaa dhahee dhiisa.

Namoota akkasii waliin akka ABOn hirmaatu kan barbaadu diina Oromooti. Akkuma olitti xuqame namootni maqaa Oromoo dhahachuun,harka lafa jalaan ergama gooftolii isaanii tarkaanfachiisuu irratti harsuphee bu`uu barbaadan Akeekaa fi Kaayyoo dhaabaa wallaaluu fi ummata keenyaaf diinummaa malee aantummaa dhabuu isaanii mul’isuun alatti hiikaa biroon itti kennamu hin jiraatu.

Warri qabsoo Oromoo xiqqeessuu fi dhiiga ilmaan Oromoo baroota dheeraaf dhangala`aa as gahe haalan kun,hamilee kamiituu waa`ee Oromoo dubbatuu hin qabaatan.Waamicha FDG ABOn bara 2005 godheen injifannoolee gurguddaan itti galmaa`e irratti qaxaleewwan ilmaan Oromoo qaqqaaliin lubbuu isaanii jijjiirraa qabne wareegama laatan,kanneen akka:
1. Barataa Jaagamaa Badhaanee,
2. Barataa Kabbadaa Badhaasee,
3. Barataa Yaasin Mohaammad,
4. Barataa Gaaddisaa Hirphasaa ,
5. Barataa Alamaayyoo Garbaa,
6. Barattu Amalawarqi Bulii,
7. Barattuu Dirribee Jifaaraa,
8. Barattuu Burtukaan,
9. Durbee Ayishaa Alii,
10. Barataa Simee Tarrafaa,
11. Barataa Malaakuu Tarraf,
12. Barataa Shibbiruu Damisee fi kanneen kumaatamaan wareegaman kabaja
dhoowwachuun wareegamtoota waggaa tokkoo ayyaaneffannaadhaan seenaa jal`isuuf hiixatu.
Bilaasha gochuuf seenaa micciraa oolanis itti hin milkaa`an.  ‘Oromoo pirooteest,Oromoo Riivuluushiin’ jechuun maqaa guyyuu jijjiirrachaa ooluun sochii FDG isuma guyyaa diinni dirqama itti kenne irraa lakkaa`uun ummata keenya wal dura dhaabuuf miixatuun isaan saaxile.

Harcaatotni diinaa fi jala deemtootni kun ABO galma seena dhabeessa sana keessatti waliin xurii laaqqachuu dhabuu irraa holola afaanfaajjii bal`aa ta`e miidiyaa hawaasummaa irratti banuutti deebi`an. Namoota ergamicha beekanii fudhatanii fi hin beekne dabsuun quba isaanii ibidda seensisuun (account fb) dachaa ykn afurii haga shanii baafachiisanii dhaaba akka balaaleffatan gochuun gocha diinummaa seenaan dhiifama hin gooneef hojechuu itti fufan.

Deemsi isaanii xaliila`ee adda bahuutti kan rifaatan,uunkaa isaanii fuula tokkotti naannessuun namoota wal fakkaatanii fi ergamicha walirraa qolachuu danda`aniin sadarkaa hooggana dhaabaa maqaa dhahuun ergama isaanii dhoosanii safuu akka sabaatti qabnullee moggeessan.

Maqaa ammaan dura qaamni micciiramaa gosaan of ijaaree Adda Bilisummaa Oromoo irratti duula maqaa balleessii gaggeessaa ture butatanii ABO – Shanee jechuun gurra wal duuchuutti jiran.Namootni eenyummaan Oromoo keessaa hongaa`e kun qaama irraa huccuu deeffatanii xiqqeenya namoomaa qabaniin, Hayyu Duree Adda Bilisummaa Oromoo Jaal Daawud Ibsaa maqaa dhahuun hammina qabsoo Oromoof qaban, saba bal`aa Oromoof mul`isan.

Akkuma mata duree barruu kiyya irratti eeretti,Titiisni huursiteef,qodaa hin buqqiftu kan Oromoon jedhu,Diinni bifa kamiinuu of qindeessee ABO irratti duuluun kan jalqabaa fi kan dhumaa waan hin taaneef, miseensotni dhaabaa fi Deeggartootni Adda Bilisummaa Oromoo bakkayyuu hojii manee dhaabni keenya nutti kennee fi Ummata keenyaaf baanee jirru fardeessinee galiin gahuuf cimnee hojechuutu nurraa eegama. Titiisni haa huursitu, qabsaa`otni hojii keenyatti yaa jabaannuun ijoo dhaamsa kooti !

IUOf  https://youtu.be/RHC7RhBRdqg

Advertisements