#oromoRevolution
MUDDE 03,2016) Mootummaan faashistii wayyaanee ummata Oromoo waanjoo garbummaa jalatti ukkaamsee bulchuuf hawwiin qabu qabsaa’ota Oromoon fashalaa ture; fashalaas jira.
Bara garboomfataan kun biyya keenya, Oromiyaa, weerare irraa kaasee ummata Oromoo hidhaa, ajjeesaa, biyya irraa ari’aa ture; ammas jabeessee ittuma fufeera. Fincilli Diddaa Garbummaa bara 2014 keessa Yunvarsitii Jimmaatti qabsiifame, yerosuma Yunvarsitii Ambootti cehuun boodas guyyoota muraasa keessatti guutummaa Oromiyaa waliin gahuudhaan sirna wayyaanee muddama keessa galche. Qabsoo baratoonni, dargaggoonnii fi kutaaleen hawaasa Oromoo adda addaa irraa qooda fudhatanii gaaffii Oromoo addunyaaf agarsiisan kana keessatti lammiiwwan Oromoo dhibbootaan wareegama lubbuu baasaniiru. Kumootaan kan lakkaa’aman ammoo jumlaan hidhamuun dararaa mudatan.
Itti fufa FDG bara 2005 keessa ABOdhaan labsamee kan tahe sochiin diddaa bara 2014 kun bara 2015tti Gincii irratti bifa haaraan dhoohee magaalaa-baadiyyaa Oromiyaa hunda waliin gahuun qabsoo Oromoo gulantaa haaraatti ceesise. Kanaanis FDGn waggoota 10f gaggeeffamaa ture gara Fincila Xumura Gabrummaatti jijjiiramuudhaan dursitummaa Qeerroo Oromootiin ummata Oromoo hirmaachisee kunoo waggaadhaaf gaggeeffamaa jira.
Ilmaan Oromoo Wareegama feesisu baasnee Gabrummaatti xumura gochuu qabna” jechuun murteeffatanii diina meeshaalee hammayyaa hidhate gootummaan dura dhaabbatanii mirga abbaa biyyummaa fi bilisummaa isaanii dhugoomsachuuf qabsoo itti fufuuf ejjennoo jabaa qaban agarsiisan.
Kan kan hubate diinni gaaffii ummataa humna qawween ukkaamsuuf Labsii yeroo hatattamaa jechuun labsee, murna Komand POSTII jedhuun tarkaanfilee hammeenyaa fi faashistummaatiin aangootti cichuuf murteeffate.
Labsiin kun, keessa mootummaatti wal shakkiin uumamuu, waldhabdeen qondaalotaa bal’achuu fi guddachuu, malaammaltummaan daangaan ol hammaachuu fi OPDOn rakkoo hamaa keessa seenuu irraayi. Labsii kana boodas miseensota amanamoo wayyaanee kan tahan Godinaalee Oromiyaa kanneen akka Harargee, Baalee, Arsii, Wallaggaa, Shawaa Bahaa, Iluu Abbaa Booraa fi Jimmaa keessaa murna amanamaa TPLF taheen hojii irraa ari’amaniiru. Gariin immoo hidhamaniiru. Akka fakkeenyaatti kaasuufis:
1. Bulchaan Godina Harargee lixaa Jamaal Nuuree aangoo irraa kaafameera.
2. Bulchaa Ona Kombolchaa kan ture Abdii Muhammad
3. Bulchaa Ona Ciroo Muraad Ahmad
4. Bulchaa magaalaa Roobee Muhammed Yaaqob
5. Ibraahim Taadhii bulchaan Ona Moyaalee
6. Aliyyii Yusuuf bulchaan Ona Gooroo
7. Gaafatamaan dhimma nageenyaa Roobee Obbo Qaasoo Umar hundinuu kanneen sirna abbaa irree wayyaaneetiin hidhaman keessatti argaman.
Kunneen aangoo irraa kaafamanii fi hidhaatti darbataman amanamtoota faashistii wayyaanee kanneen turan keessatti argamu.
Kun gaaffii ummataaf deebisaa waan hin taaneef, diddaa ummatichaa daran hammeessuu qofa odoo hin taane, warreenuma mootummaa fi OPDO diddaa haarawa ummata keessatti duwwaa osoo hin taane warreen mootummaa fi OPDO keessattuu waldiddaa dhalche. Akkasumas gaazexeessotnis dhugaa ummatichaa odoo arganii fi beekanii ajaja sirnichaan laatamuun haqa jiru awwaalanii kijibaa fi olola mootummaa duwwaa akka gabaasaniif dirqaman. Sababni isaa ammoo qorannoo haaromsa bulchiinsaa fi caasaa OPDO jedhamee deemaa jiru keessatti gaaffii hedduun wayyaanee mudate.
1. Mootummaan maaliif ummata dhiifama hin gaafatne?
2. Komaand postiin sun eenyufaati? Yakkamtootaa fi
saamtotarraa maaliin adda baasna?
3. Garbummaa irratti maaliif garbummaan dabalame? gaaffiileen jedhanii fi kanneen biroo haaromsa bulchiinsaa fi caasaa OPDO gad fageenyaa jedhu keessatti hojjattootuma mootummaatiin gaaffilee ka’an keessatti argamu.
Kana malees, toora interneetii cufuun ummatni daandii itti wal qunnamu akka dhabu, barattootni qaraatii ykn barumsa isaaniif haala mijataa akka hin arganne dabalatee danqaaleen hedduun akka uumaman tahuun immoo daranuu gaaffii belbeltuu caasaadhuma sirna abbaa irree wayyaanee keessatti gaaffiilee kaasisaa jira. Gaaffilee kanneeniifis deebisaa argachuuf fincila jabaatu deemaara.
Wayyaneen gaaffilee haqaa ummanni kaasaa jiru kana murna Komaand Poost baanu ijaarrateen ukkaamsuuf yaalus, Ummatni Bahaa-Dhihatti, Kaabaa-Kibbatti komaadi poostiif bakka hin laatne. Barattootni yuunivarsiitiis diddaa daran finiinsaa jiru. Wayyaanenis artistoota Oromoo hidhaa, dargaggoota ol guddatanis ajjeesuun reeffa kennaa jira. Kun ammoo ummatni Oromoo cunqursaan irra gahu hammam hamaa akka tahe akka hubatu gochuun FXG akka jabeessuuf onnachiise malee akka diinni hawwetti qabsoorraa hin laaffifne.
Diddaa ummataa kanaan wal qabatees magaalaa Dirree Dawaa keessaa artistootni Oromoo bebbeekkamoon kan Artiist Ahmad Ibrooshee, Caalaa Daggafaa fi Falmataa Roorroofaa kanneen sirna wayyaaneen hidhamanii dararamaa jiran keessatti argamu. Kana malees Yuuniversiitii Haramaayaa keessaas barattootni Oromoo hedduun barnoota irraa ari’amaa jiru. Sirni abbaa irree wayyaanee magaalota kanneen akka Haramaayaa, Awadaay, Qarsaa, Dhangaggoo keessaa funaanuun lammiilee Oromoo 300 ol tahan mana hidhaa Addeelleetti naquun dararaa jira.
Barattootni yuniversiitiilee Jimmaa fi Amboo FXG jabeessanii itti fufaniiru.
Yuniversitii Haramayaa keessattis sodaa diddaan eegala jedhuun mooraan waraanaan eegamaa jira. Wal shakkii humnoota hidhattoota wayyaanee keessatti uumameenis humni poolisii federaalaa fi waraanni wayyaanee ija shakkiin wl ilaalaa jiran.
Yuniversiitii Jimmaa keessatti diddaa bifa kanaan jechuun labsii muddamaa wayyaaneen baafteen booda eegaleen barattootni Oromoo hedduun hidhamaniiru. Isaan keessaa gariin ykn muraasni maqaan isaanii kan armaan gadii kana ta’uun ifa taheera.
1. Dirribaa Ayyaanaa Electrical and Computer Engineering waggaa 3ffaa
2. Addunyaa Hundeessaa Electrical and Computer Engineering waggaa 3ffaa
3. Nugusuu Guddataa Civil Engineering waggaa 2ffaa
4. Firoomsaa Taammiruu Information Technology waggaa 2ffaa
5. Solomoon Taayyee Electrical and Computer Engineering waggaa 2ffaa
6. Guutuu Taklee Information Technolgy waggaa 2ffaa
7. Olyaad Tashoomee Information technology waggaa 2ffaa
8. Rabbumaa Baay’isaa Computer Science waggaa 2ffaa
9. Leencoo Abarraa Civil Engineering waggaa 5ffaa
10. Shimallis Namarraa Chemical Engineering waggaa 4ffaa
11. Gammachuu Dirbabaa Computer Science waggaa 2ffaa
12. Tashoomee Gonfaa Mechanical Engineering waggaa 2ffaa
13. Eebbaa Galaalchaa Mechanical Engineering waggaa 2ffaa
14. Saamu’eel Qabaatoo Mechanical Engineering waggaa 2ffaa
15. Eebbisaa Olaaaa Electrical and Computer Engineering waggaa 2ffaa
16. Caalaa Tuulluu Information Technology waggaa 2ffaa
17. Isxifaanos Maatiwoos Computer Science waggaa 2ffaa
18. Daagim Waqgaarii Civil Engineering waggaa 2ffaa
19. Asfaaw Mechanical Engineering waggaa 2ffaa
20. Miikiyaas Solomoon Information technology waggaa 2ffaa
21. Ibraahim Yusuuf Computer Science waggaa 2ffaa
22. Iyyaasuu Warquu Information Technlogy waggaa 2ffaa
23. Nimoonaa Mulgeetaa Electrical and Computer Engineering waggaa 2ffaa
24. Biraanuu Gaaddisaa Water Engineering waggaa 5ffaa
25. Lammii Jaafar Civil Engineering waggaa 5ffaa
26. Addunyaa Hundeessaa Electrical and Computer Engineering waggaa 3ffaa
27. Waaqboon Awwaqee Mechanical Engineering waggaa 3ffaa
28. Galaanaa Dirbabaa Electrical and Computer Engineering waggaa 2ffaa
29. Girmaa Gonfaa Computer Science waggaa 2ffaa
30. Caalaa Hambisaa Electrical and Computer Engineering waggaa 2ffaa
31. Biraanuu Gaaddisaa Electrical and Computer Engineering waggaa 2ffaa
32. Oromiyaa Moosisaa Agriculture and Veternary waggaa 2ffaa
Diddaan bifa haarawaan labsii muddamsaa wayyaaneen baafateen as eegalame kun Kaaba Oromiyaa godina Kamisees dhaqqabee jira. Ummatni poolisaa fi agaazii wayyaaneen bobbaase gootummaan dura dhaabbatee of irraa dhoorkeera; dhoorkaas jira. Tarkaanfii fudhatameenis poolisootni sirnichaa sadii ajjeefamaniiru. Diddaan kun ammallee Kamisee keessatti bifa jabduun gaggeeffamaa jira. Kana malees sochiin Oromiyaa bakkoota hedduutti bifa ho’aa taheenii fi bifa haaraan marroo biraaf eegale daranuu finiinuudhaan murannoo fi ejjennaa jabaa ilmaan Oromoo sabboonoon ummata isaanii waliin tahuun mirga abbaa biyyummaa fi bilisummaa isaanii dhugoomfachuuf qaban hundaaf mirkaneessaa jira. Kanuma waliin Warraaqsi Biyyaalessaa Fincilli Xumura Gabrummaa (FXG) golee Oromiyaa hunda keessaa gabroomsaa irratti finiinaa jiru, BILISUMMAAn Oromoo fi WALABUMMAAN Oromiyaa dhiyaachuu fi awwaalchi sirna nama-nyaataa EPRDF-OPDOs kalaahuu agarsiisa.
Advertisements