Hidhamtoonni Qilinxoo Gubdan Jedhamanii Himataman Gochaa Suukkanneessaa Mana Hidhaatti Irratti Raawwatame Kaleessa Mana Murtiitti Himatan

Hidhamtoonni Qilinxoo Gubdan Jedhamanii Himataman Gochaa Suukkanneessaa Mana Hidhaatti Irratti Raawwatame Kaleessa Mana Murtiitti Himatan

Hidhamtoonni Qilinxoo Gubdan Jedhamanii Himataman Gochaa Suukkanneessaa Mana Hidhaatti Irratti Raawwatame Kaleessa Mana Murtiitti Himatan

Qabeenyaa mancaasuu, mana hidhaa Qilinxoo gubuu akkasumas hidhamtoota 23 ajjeesuu fi ergama dhaabolii shororkeessotaa galmaan ga’uuf socho’an ittiin jechuun seera farra shorokeessummaan shakkamtoonni abbaan alangaa himannaa irratti dhiyeesse kaleessa mana murtiitti ennaa dhiyaatan komee isaanii kan dhiyeessan haala adda addaan ture.

shakkamtoonni kun dhaddachichi taa’uuf qophee irra ennaa turetti manni murtii akka gad taa’aniif ajajus tole hin jedhin hafan. Sababiin isaas maatiiwwan keenya ala dhaabatanii jiran ol haa seenan kan jedhu ture.

Miseensi maatii hangi tokko akka ol seenan taasisamee dhadachichi itti fufe.

Shakkamtoonni sun iyyannaa isaanii dhiyeeffachuuf harka ennaa ol baasan kanneen abukaatoo qaban karaa abukaatoo isaanii barreeffamaan waan dhiyeeffataniif kanneen abukaatoo hin qabaanne keessaa hangi tokko iyyannaa isaanii akka dhiyeeffatan carraan kennameefii jira.

Himatamaan tokko itti murtaa’ee mana hidhaa Ziwaay kan turan ta’uu ibsanii manni hidhaa shakkamtoota kana kanneen biraatti adda baasee dararaa hamaa irratti raawwachuu isaa ibsaniiru. maatiin akka warra kaaniitti kan isaan hin daawwanne, guyyaatti daqiiqaa 30 qofaaf akka aduutti gad baafaman yeroo kan biraa garuu itti cufamee oolanii kan bulan ta’uu mana murtichaaf ibsaniiru.

Himatamaa ka biroon immoo dhiittaa mirga namaa hamaatu na irratti raawwatame, ennaa qorannaan geggeessametti reebichi na irratti raawwatameera, kana males qaama dhaluu koo irratti waan ulfaatu natti hidhamee dararaa hamaan na irratti raawwatameera, cancalaan hidhamee rarraafameera, dararaan kun dirmammuun dhaqqabsiise qaama koo irratti argama, kana duras dirmammuu kana suraan kaafamee mana murtiitti akka naaf dhiyaatu gaafadheera jechuu dhaan irra deebi’anii iyyataniiru.

Yaada poolisiif kennan illee akka hafuuf gaafataniiru. Kana gidduu dhaan himatamtoonni hedduun iyyata ofii isaanii aarii fi miira cimaa ta’een dhiyeessuu waan jalqabaniif jecha adeemsi dhaddachichaa jeeqamuu jalqabe.

Abbootiin murtii fi abukaatolen himatamtoonni miira isaanii to’atanii akka seera mana murtiitti gaaffii isaanii akka dhiyeessan gaafataniiru.

Gabaasa guutuu kana cuqaasuun dhaggeeffadhaa

Advertisements

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

Blog at WordPress.com.

Up ↑

%d bloggers like this: