OMN: Mata Duree Oduu Ama 2, 2017

#oromoRevolution

OMN: Mata Duree Oduu Ama 2. 2017
Bulchiinsi Magaalaa Burraayyuu rakkoo hojii dhabdummaa magaalitti keessa jiru fura jechudhaan namoota kumatamatti laka’aman galmeessuudhaan kanneen keessaa goxii tokkorra nama sadii qofaaf carraa kennudhaan hojjechattii jiraachuun gowwomsaadha malee rakkoo kaa furu miti jechuun Jiraattonni komatan.
Kara biraatiin ammoo Magaalaa Burrayyuu keessaa rakkoon qulqullina sirnaan eeggamaatti kan hin jire tahu illee jiraatonni dubbatan.
====================================
Godina Walloo, aanaa Harxummaa Fursee – Keessatti jiraattota naannoo fi Hidhattoota Mootummaa gidduutti walitti bu’insi uumamuun himame.

Jiraatonni akka jedhanitti – Gama hidhattoota Mootummaa irraas ta’e gama uummataa irraa namni lubbuun darbe jiraachuus dubbatu. Uummanni sodaa irra kan ka’e mana osoo gadi hin ba’aanii cufan tahuuf dirqaama isaan illee jiraatonni kunneen himaniru.
===========================
Godina haraghee lixaa Magaalaa Hirnaa irraa namoonni 52 guyyaa har’aa gara mana hidhaa cirootti dabarfamu isaanii jiraataan magaalaa kana OMNtti himan.
Akka namni kun jedhanitti, magaalaa kana keessaas tahe, naannoosheetti dhiibbaan mootummaan wayyaaneen lammiilee nagaarratti raawwatamatti jiru daraan hammate akka jiruus dubbataniru.
===============================
Labsiin yeroo muddamaa hatattamaatti haqamuu dhabnaan rakkoolee dhalatan kamiifuu kan itti gaafatamu sirna mootummaa Wayyaaneeti jechuun godina addaa Oromiyaa naannawa Finfinnee kutaa bulchiinsa magaalaawwan Sandaafaa, Laga-Xaafoo-Laga Daadhii fi, bakka adda addaatti waraqaan bittinfamuun himame. Kana sababeeffachuun gareen komaandipoositi jiraattota goolaa akka jiran ibsameera.
===============================
Dargaggoota keessan dhiheessaa jechuun magaalaa Dirre Dhawaa keessatti maatiin hedduun hiraarfamaa jiraachuun himame. Dargaggoonni baayyeen magaalittii keessaatti hidhaa jala baqachuuf jecha jireenyaa baqaaf saxailamuu isaaniis jiraattooni OMN tti himan.
======================
Mootummaan wayyaanee baajataa barsiisotaaf ramadamee humnoota waraanaaf qoode waan xumureef, barsiisotaaf mindaan kaffalamuu dhabamuu barsiisonni aanaa Sulutaa magaalaa Caancoo dubbatan.
Rakkoon baajataa kun, bulchiinsaa magaalaa sulutaa irra kan hafe magaaloota godina addaa Oromiyaa hedduu keessaatti mudaacha kan jiru tahus maddeen odeeffannoo keenya himan jiru

Advertisements

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

Create a free website or blog at WordPress.com.

Up ↑

%d bloggers like this: