Qixxeessaa Lammmii | Amajjii 18, 2017

Namoota beekaa rincican humnaan ariifachiisuun ni ulfaata. Kanneen beekaa jallatanis irreen qajeelchuun hin haffallatu. Beekaa duudota akka dhagahan gochuuf yeroo murteessaa of irraa balleessuu irraa waan gurri isaanii jaalatu biratti lafaan dhahuu/gurra ciruudha. Ykn ammo isaan itti dhiisanii duudota Rabbi duuche waliin walii galuuf tattaafachuudha. Raajiin gadaa kanaa kan dhibame fayyisuuf waldhuu bira taramee sadarkaa kan du’e deebisuuf ijibatni itti godhamuu itti eegale keessa jirra. Kanas ta’ee sana garuu sadarkaa guddinaatiin hawaasni addunyaa ammayyuu taanaan akkuma qubsama isaatiin baay’ee wal gatuun ni jiru. Kan guddate baay’ee fagaatee, kan hin guddatin baay’ee dubatti hafee jira. Kan duuba jiru isa dura jiru dhaqabatuuf, inni dura jiru inni duuba jiru akka isa hin dhaqabneef oriisaan jiru garmalee oowwaadha.

Duudotni beekaa of duuchan guddina mul’ataa kana dhagahuu fi argus hin fedhan. Yoo danda;ameef sirna duubatti hafoo woggoota dheraa dura ture bakkatti deebisuu kajeelu. Guddinna gosa hundaa ija jibbaan ilaalu, gurra jibbaan caqasu. Baasota guyya guyyaan maddan hundaa akka uumaan mormuutti mormu. Waan hundaa kan uumu uumama ta’utti hin amanan. Jijjiiramoota dhala namaan addunyaa biyya afaa tana irratti mul’atan cufaaf maddi Rabbuma. Dandeettii addaa namaaf kennee dandeettii sanaan waan addaa akka uuman kan namtti agarsiisuu fi itti nama ajajuu/qajeelchus isuma malee namni humna mataa isaatiin qofa gargaarsa isaatiin ala tasa waan takkas tasa uumuu akka hin dandeenye itti hin amanan.

Namoota baratan, waa beekna jedhan, dhuguma waa beekan waan beekan hojii irra yoo oolchuu baatan beekkomsi isaanii maaliin beekkama? Nama woyuu hin beekne hanguma beeku sana hojiin lafa irratti mul’isutu irra gooma. Addunyaan tun beektota wallaalota waan ofii beekaniin addunyaa tana gargaaran hin geetneen guutamteedha. Osoo beekan wallaaltota warra hanqatan dammaqsuuf yeroo gubuu irra wallaalota barsiifachuuf yeroo dheeraa fudhatu irra barbaachisaadha.

Akka beektota Oromoottis yoo ilaalle, har’a Oromoon beektota qabaachuun impayera Itiyophiyaa keessaa tarree duraa irra akka jirtu beekkamaadha. Oromoon beektotaan badhaadhee jira jechuu ni danda’ama. Beektotni keenya waan beekaniin ummata isaanii tajaajiluuf wal fakkaatanii gadi ba’uu dhabuun isaanii ammoo baay’ee nama gadisiisa. Murni hagoon wixxifatullee akka silaa hawaasni bal’aan isaan irraa eegu gadi dhiisanii fedhii mataa isaanii jala gorutu irraa calaqqisa. Gariin inumaahuu har’allee diinaaf gurraa fi ija ta’uudhaan ummata isaanii diinaan waliin wal gargaaranii yakka shanyi duguugdummaa irratti raawwataa jiru.

Hojii kan qottoo maali? kan qottoollichaa haa caalu jedhe mukni mammaaksa jedhu hojitti hiikanii jiru. Alagaan ijaa gurra hin qabne har’a biyya abbaa qabdu irratti abbaa ta’ee kan bookkisuuf sababa isaan ulee ta’aniifiidha. Wallaalaan wallaaummaa isaaf diinaaf yoo ija ta’e, beekaan ammoo beekkumsa isaatiin ijaa fi gurra alagaaf yoo ta’e mee maal jedhama? kun hiikkaa lama qaba. Namoota Oromummaa hin qabnee fi namoota diqaalummaa qaban yoo ta’an malee dhala Oromoo isa dhugaa ta’anii haadha, abbaa, obboleessa, obboleettii isaanii diina waliin walii galanii hin fixan. Musxafaa Huseen kanaaf raga gaarii ta’ee jira. Goota seenaa isaa daabaan galmeessisee dabre kan yoomiyyuu sabni Oromoo ittiin bonuu fi yaadachaa jiraatu seenaa hin moofne galmeeffatee dabreedha.

Haala ksan irraa kan dur waa hin beekne har’a baratee jira. Bilisummaa ykn du’a jechaa jira. Kan jiruu fi jireenya isaaf jecha lubbuu qomoo isaa dabarsee balleessiisu yoo jiraate abaarmtoota qacceen isaanii boru baduuf deemtu qofa. Warri akkasii duudota beekaa ofii of duuchan waan ta’aniif akka isaan dhagahan gochuuf falli biraa kan jiru akka isaan sirritti duudan gurra irraa ciruu qofa. Kanaaf asii achi isaan sheleen hin barbaachisu.

Boortaan malee nagayaan bilisummaan dhuftu akka hin jirre ta’iinsa guutuu Oromiyaatti ta’e irraa waan guddaan baratamee jira. Qawween qawwee malee hin cabdu. Diinatti diina ta’an malee fira ta’anii waliin jiraatnaan Dr Maraaraa irratti nuuf gahuu qaba. Hayyuu keenya wallaalaa dandama hin qabne hanqisanii badii isaa malee hidhanii yoo itti taphatan baay’ee nu sheenesse. Akka isaan ABO waliin hidhata tokkollee hin qabne osoo beekan maqaa dhaaba kanaan sababaan hayyoota keenya hedduu hidhatti naqanii isaan dararaniif hin jiraatu. Kan seehatti dhaani jetnaan dhiirsi galee niitii dhaanee ykn waraabessi ollaa hin nyaatu dhabu agabuu hin bulu akkuma jedhamu sababaan hayyoottan keenya nurraa fixaniif hin jiru. Gochaan kun gochaa daran ummata keenya of barsiisu malee gochaa qabsoo irraa of duuba nama deebisuu miti.

Beekaa duudotni akka OPDO maxxantummaa Tigrummaa irraa duroomuu dadhabdee harka isiitiin ummata ni dhaabbatneef jettu yoo fixxu baay’ee garaa nama balleessa. Hamma Tigreen nu fixxuufuu nutis ummata keenya haa fixnuuf dhaadatnoo jedhu qabattee jirti. Ammoo dhabamni isisi fagoo hin jiru. Ilmi haadha harma ciniinu hin waaru. Kana hubachuu dhabuun isii waan nama gaddisiisu. Hawaasni addunyaan kan silaa nu gargaaruuf hawwii qabanilee sababaan guddaan dirre bahatti ummata keenya bira dhaabachuu hanqataniif afanfaajawiinsa isaan uumaniiniidha. Godni abbaa keessa jiruuf ifa akkuma jedhamu maqaa Oromootiin gaaguramanii Tigroota waliin dhaabbachuun isaanii qabsoo kana gatii akka hin argatne waan gufuu itti ta’e keessaa isa tokko akka ta’e beekkamaadha.

Kanas ta’ee sana garuu tooftaa fi karaan dhamaatotni kun ittiin yaalamuu qaban kan biraa Ilmi namaa kamuu abbaa haadha irraa dhalata. Oromoonis kan abbaa haadha malee dhalate hin jiru. Duulli amma itti aanu dhalli Oromoo hunduu fiixaan isaa tokko akka ta’e akka walitti hidhata qabuun kittillayyoota diina warra ta’an cufaa diina jalaa baasuuf ijibbaata dhumaa karaa maatii isaaniitiin akka qabaman taasisudha. Abbaa haadha didee kan Tigroota filate innuu tolfate waan ta’eef abaaranii waan dana’anii itti duuluun feesisa. Abbootii garaa warra nyaatanii hin quufne kan Tigroota irraa yoo bahan battalumatti waan dhuman seehan ammoo Oromootni qabeenya qaban qabeenya mootummaa hattuu tana irraa argatan caalatti laachuufiidhaan diina jalaa hambisuu irratti hojjachuun mala filmaata hin qabne akka ta’e beekkamuu qaba.

Yeroo hawaasni addunyaa guddatee kan dhibame wal dhaanchuun fayyifachuu bira dabree isa duraan du’ee deebisee addunyaa biyya lafaa tana irratti jiraachisuuf yaalii addaa irra gahee jiru kanatti sababni dhalli Oromoo lafa irraa duguguuggamuuf hin jiraatu. Kan nama ajjeesse ajjeessuu, kan nama hidhe hidhuu, kan nama saame saamuu, kan namatti roorrise itti roorrisuun ala furmaatni jiru hin jiru. Tigrootni kale lafee namoota dargiin ajjeefaman boollaa yaasiftee haarayatti warra itti boochiftee kabajaadhaa awwaalchisaa turte har’a sababaan jiraa lubbuun ilmaan Oromoo boollatti guurtuuf maaliifiidha? kan dargiin fixe dhala namaa ta’ee kan isiin fixxe bineessa ta’ee dhiiroo?

Yaa Oromoo! waggaa 25 of duuba deebi’aa mee yaadadha. Boohicha yeroo sana lafeef boohamee fi boohicha har’a jiraa Oromoof boohamuun uggurame. Wal bira qabaa ilaala. Ammaa achi fallii fi malli nuti Oromoon akka Oromootti qabnu mufii xixiqqoof bakka kennuu dhiifnee rakkoo keenya kan walii galaaf walii gallee diina keenya gamtaan dura dhaabbachuu qofa akka ta’etti amannee qabsoo hidhatnootti bobba’uu qabna. Beektotni wollaatotni, dhageettotni duudotni, argitootni jaamtotni cuftuu of jijjiranii dhimma saba isaaniitii fi akka matayyaattis ta’ee gamataanis qabsoo saba isaanii irraa hirmaachuudhaan walabbummaa Oromiyaa fi bilisummaa Oromoof of kenniinsaan gadi ba’uu qabu. Dawaan du’aa du’uma waan ta’eef ajjeefamnee hafuu hin qabnu.

ABOn, WBOn Fi Qeerroon keenya, Nutillee kan isaaniiti. Isaan gargar baasuuf yaaluun diinummaadha. Nuti cuftuu kan walii keenyaati. Kiyyaa dhiifnee keenyaan wal qabatnee fuula duratti akka sochoonu jedha.

Dhaadatniin keenya Du’a ykn Oromiyaa ta’uu qaba.

Injifatnoo Ummata Oromoof!

Qixxeessaa Lammmii

Advertisements