Amajjii 22,2017

Gootowwan Qeerroon bilisummaa Oromoo magaalaa Naqamtee fi naannoo ishee keessatti argaman guyyaa ayyaana cuuphaan wal qabsiisuun diddaa mootummaa abbaa irree wayyaaneef qaban mullisan.

Humni komaandi poostiis uummata magaalaa naqamtee bahaaf gala dhorkuudhaan goolaa akka oolee tures qeerroon magaalichaa addeessanii jiru. Keessumaa waraanni komaandi poostii magaalicha keessatti humna waraana kora bittinneessaa oromiyaa irraa hidhannoo hiikkachuudhaan harka duwwaa akka isaan taabota duukaa deeman taasisanii jiru.

Gootowwan Qeerroon magaalaa naqamtees sodaa waraanaaf osoo hin jilbeenfatin halkaniifi guyyaa osoo hin jedhin guutummaa magaalaa naqamtee keessa barruulee warraaksaa facaasuudhaan mootummaa goolessituu wayyaaneetti muddamsuu akkaan jabaa ta,e itti naquudhaan rifaasisan.

Guyyaa taabonni gara mana isaa irraa ka,uun gara laga cuuphaatti imaluu eegalus wallee warraaksaa kanneen akka

oo yaa booree bilisummaan namararee,

Oo korma guduruu ABO,n leencuma duruu,

Oo baala baddeessaa wayyaanee baasaa nu keessaa

Biyya abbaasheetti fakkaatee buraayyuuf iyyuutti kaatee

Jechuudhaan wallee warraaksaan wayyaaneetti lafa dhiphisaa oolanii jiru.

Hanga taabonni gara laga cuuphaa ga,ee ol gara mana isaatti galuttis  walleewwan warraaksaan dabaaluun wayyaanee waliin wall,aansoo wal qabaa akka oolan maddeen qeerroo leeqaarraa nu qaqqaban ibsan.

Kanummaan wal qabatees qeerroon magaalattii namni afur kan maqaan isaanii yeroof hin beekamin ayyaana cuuphaa irratti humna waraana komaandi poostiin ukkaamfamuu qeerroon leeqaa naqamtee addeessan.

Advertisements