Hariiroon motummaan Itoophiyaa fi Suudaan Kibbaa (SK) jidduu jiru hammaataa fi mi’aa fixataa dhufeera. Mootummooni lamaanuu wolhimataa, wolkomataa fi gocha woliitti obsa fixataati kan dhufan. Salvaa Kiir, perezidaantiin SK, tibbana Masrii gayee deebi’uun isaa shakkii yeroo dheeraadhaaf Itoophiyaa fi SK wolirraa qaban dhugoomseera.

Mootummaan Itoophiyaa fi Suudaan Kibbaa yeroo kanatti wolitti gaarriffatu; hidhii walitti cinniinnatu. Hariiroon dippiloomaasii daddaaqaadha. Michummaan Suudaan Kibbaa Kaayiroo waliin eegalte, ija Abbaay Tsahaayyee fa’aan, akka shira hidhaa Abbayyaa gufachiisuuf xaxameetti kan ilaallame. Kana malees Suudaan Kibbaa, jaarmayaalee mootummaa Woyyaanee hidhannoodhaan dhabamsiisuu hawwaniif doohannoo laatteerti ykn laatuudhaaf fedhii agarsiisteerti oduun jedhu gara Jubaatii bayuu eegaleera. Kuni hangam dhugaa akka ta’e ammatti mirkaneeffachuudhaaf rakkisaadha. Garuu, qilleensi siyaasaa keessaa fi alaa bubbisu hundi Woyyaanetti kan fidaa jiru bowwoo qofa jedhu taajjabdoonni.

Kanas cuqaasaa

Rakkoon Suudaan Kibbaa, garee Salvaa Kiirii fi Riik Mashaar,  jidduu yeroo dheeraadhaaf ture sodaa fi aabjuu mootummaa Itoophiyaa dhugoomsaa dhufeera. Itoophiyaan yeroo addaddatti, dhimma Suudan Kibbaa keessa harka naqataa fi waa’ee araara SK dubbataa turteerti. Yeroo kana gootu rakkoo fi naga dhabuun Suudaan Kibbaa Woyyaanee yaachsiee miti. Gamasiin humnoonni akka ABO fi G7 maandhee argachuu danda’u yaaddoo jedhuudha kan Woyyaanee ganna hedduuf hirriba dhabsiise.

Jarmayaaleen qawweedhaan Woyyaanee kuffisuuf carraaqan yeroo heddu biyya ollaa doohannaa isaaniif laattu dhabuun qabsoo geggeessan qancharsuu isaa dubbattu. Suudaan Kibbaa fi Itoophiyaa, akkasumas Masrii fi Itoophiyaa jiduu hariiroon jiru sadarkaa hamaa jedhamu irra gayuun isaa amma ifatti bayeera. Kana booda, ABO fi G7 foddaa carraa banamaa jirtu kanaan hulluuqanii seenu moo hanga balballi guutummatti saaqamu taaánii eeguun gaafii hundaati

Advertisements