Oromiyaa naannoo horsiisee bulaatti horii hedduutti bokkaa dhabee dhumachuutti jira

Oromiyaa naannoo horsiisee bulaatti horii hedduutti bokkaa dhabee dhumachuutti jira

Bokkaan Ganna dabree hin diqqaate bokkaan Hagayyaa ka baranaa hin oole.Rakkoon bokkaa diqqeessite ta akkanaa tun Oromiyaa, Amaara, Somaalee,naannoo ummata Kibbaatii fi Affaar keessatti rakkoo guddoon dhufte.

Akka gabaasii Tokkummaan Mootummootaa namaan gargaaru,OCHA-n jedhutti barana nama miliyoona 5 fi kuma 600 gargaarsa eegata. Tana malee gargaarsa $miliyoona 948-tti barbaachisa.

Dhaabbilee mootummaa hin tahinii fi mootummaalleen gargaarsaan kennumatti jira.Cidii fi furushkaa haguma taheefuu namaa kekkennuutti jiran.

Rakkoon tun godina Booranaatii fi Gujiitti harka 36,naannoo Somaalee harka 29,naannoo Amaaraatii harka 11,naannoo Kibbaatii harka 8,Affaarii harka 7 baballatte.

Akka gabaasa gara garaa argannetti rakkoo tattanaan barana bara 2009 godina Gujiitii fi godina Booranaatti mana barumsa 141 cufame, ijoollee 47,000 barumsa jidduutti kute.

Naannoo Somaaleetti rakkoo midhaanii fi bisaaniitiin manneen barnootaa 442 cufame ijoollee kuma 183 barumsa jidduutti dhaabe.

Horsiisee bulaan rakkoo baranaa ta bara 1977 bara horiin akkanumatti harachee dhumateen wal fakkeesse.

Godinii Booranaa godina rakkinnii kun guddoo itti hammaatee horiin hedduun du’uutti jiru.Bokkaan Gannaa ka barana eegatani sunuu yoo tole roobuuf gara ji’a lamaatti hafe.Suniin duratti ammoo horii kuma hedduu dhumachuu dandahaa jedhanii sodaatan.

Jaarsii biyya aanaa godina Booranaa magaalaa Dubuluqii keessaa dubbifne, aabba/Dr.Borbor Bulee akkana jedha.

“Aanaalee sagallan Booranaa horiin keessaa hin dhumatin hin jiru.Ollaa kiyya keessaa horii torbatti dhumate.Loon kiyyallee sadii kaasa.Fulaan horii akka malee dhumateef aanaa Areerootii fi Taltalleeti.Dubuluqii ani jiruufiiyyuu yabbii,haawwicha,dulloota itti daran gara 1000 hin gaha dhumate. Guyyaa 10n duubatti horii hedduutti dhumata jennee sodaanna.Gara Eel Wayyee, Waacillee,Magaadoo,Miyoo,Guchii Goofaa Suruphaa fi hedduu”

Koomishinineerii koree yero balaa mootummaa federlaaa,Mitikkuu kaasaa rakkoon tun rakkoo guddoo falumatti jirraa jedha.

“Duri yoo bonii dhufu bokkaan walti aanee rooba,Naannoon hind andmataman,Horiillen humna horata.Amma ammoo boni wlauma dhufa horiin tanaaf miidhame.Amma wantii guddoon hojjatamuu male horii gabayaa barbaaduu. Kana karaa lamaan hojjatan tokko hori laafe bitanii qalanii foonjii jajii tolchanii ummataa akka gargaarsaatti qooduu.Horii faaydaa qabuun irraa bituu. Horii foon qabuu ammoo horii faaydaa qabuun irraa bituu.Tana ammoo mootummaa federalaa mootummaa naannoo waliin hojjachuutti jiraa jabeessanii itti fufuu wayya.”

Gama barumsaatiin akka jecha obbo Mitikkuutti:”Gama barumsaatiin dhugumaa ijoollee hedduutti rakkoolee midhaanii fi bisaaniitiin barumsa dhaaban.Mootummaan federalaaa mootummaa naannoolee dabalee qarshii miliyoona 198 ramadee baratoota galmeessuutit jrianii.Brumsa isaan dhaban ammoo irra deebihanii barsiisuu.Tahuu baannaan ammo saati manii barumsaa silaa itti cufamu dheeressanii barssiisanii akka isaan barumsa bara itti aanuu 2010 dhaqqabatan tolchuu.”

Rakkoo bonii kun Oromiyaa godina akka akkaatti fide torbaan dhufu itti deebina.Bonii baranaa kun waan akka akkaatiin dhufe.Kana keessaa guddaan akka Dhaabii OCHA jedhutti jijjiirama qilleensaa, El Ni·ño baanan kaan.

Advertisements