Wayyaaneen Irraa-Jalaan Ummata Oromoo Fixaa Jirti, Kun Dacha’uu Qaba.

Ummata Oromoo

According to Oxfam between 50% to 90% of Ethiopia suffered all or major crop failure due to the latest, greatest drought (this is just a guess because Oxfam isn’t allowed access to most of Ethiopia). Millions upon millions have now exhausted their food stocks and major starvation has begun. April 5, 2016 Ayyaantuu

Gama tokkoon Aga’aaziin  qayee Oromootti bobbaafame, dhalataa Oromoo kamuu gaafii malee hidhee darara, karaarratti ajjeesa, gama biraan waraanni Wayyaaneen leenjiftee,hidhachiiftee bobbaafte Liyyuu hayiliin haaluma walfakkaatuun ummata Oromoo gama bahaatin  weerararee kunoo ajjeesaa, qayee fi qabeenyarraa buqqisaa, kaanis ukkaamsee  eessa buutee dhabamsiisaa  jira. Saamichi silaawuu hojii ijoo  sirnichi waggoota 25n darbaniif ittiin beekamuudha.

Wayyaaneen waraana ishii bobbaasuun  ajjeechaan, hidhaa-dararaan, akkasumas saamichi waggoottan 25n darbaniif gaggeessaa turtee fi jirtu quubsuu dadhabnaan kunoo ammammoo  ummata Oromoo beelaan fixaa jirti.

Nama beeleessuu qaama qabsoo ishii godhattee  dhimma itti bahaa jirti. Ummanni  Oromoo beelaan adabamaa, lubuun namaa hedduutis yeroo ammaa kana gaaga’amaa jira.   Wayyaaneen akkuma waraana bobbaaftee Oromoo qayee fi qabeenyarraa buqqaasaa turtee fi jirtu beelaanis buqqisaa, qayee isaa dhiisee akka godaanu taasisaa jirti.  Godaansa qayee isaa dhiisee gara mgaalaaleetti godhaa jiru kanaanis iddoo hedduutti kadhaa fi dararama hedduuf saaxilamaa akka jiru kan quba hin qabne hin jiru.

Beelli, dheebuu fi dhibeen erga ummanni Oromoo sirna Habashootaa jalatti kufee asii kan irraa dhaabbatee hin beekne ta’ulleen  takkaa akka bara wayyaanee kana akka ta’ee hin beekne eenyufuu ifaadha.

Ummanni Oromoo osoo biyya lalliftuu fi gabbattuu kan biraafuu haftu qabuu  imaammata weertoonni gabroonfattoonni akka wayyaanee irratti diriirsaniin har’a  gadadoo hamaa jalatti kufee beela hamaa  jala jira.  Ummanni  Oromoo waggootan 25n darbaniif  kan rakkoolee adda addaan mankaraaraa ture dhiifnee  beela  yeroo ammaa kana impaayeera itiyoophiyaa muudatee fi namni  miliyoonni 15 ol itti gaaga’amaa jiru kan yoo fudhannee ilaalle mil. 10  ol Oromoodha.  Onoota 22 ol  beela hamaaf saaxilamanii waan nyaatanii dhugan dhabanii sa’aa- namni balaa guddaaf saaxilame keessaa akka dhaabooleen mirga namoomaa fi dhaabbanni nyaata addunyaa FAOn  ifa godhe keessaa 19-20 kan ta’an Oromiyaa keessa.  Balaan dhaqqabaa jiru kan jedhamaa jiruu oli.

Walumaa galatti  wayyaaneen ta’e jettee Oromoo beelaan adabaa jirti.

Biyya kam keessattuu  roobni dhabamee gogiinsi dhalachuu danda’a. ykn roobni hammaatee miidhaa geechisee  sa’aa- namini miidhamuun rakkoon dhalachuun waanuma jiru.  Haata’uutii googiinsi ykn qilleensi jijjiramee roobni baayyachuun beela sa’aa nama fixu ni uuma jechuu miti.  Biyya mootummaa qabdu, biyya sirna balaa jijjirama qilleensatiin dhufu hundaafuu qophii qabdu keessatti caamnis hammaatulleen, roobnis jabaatu ummanni beelaan hin dhumatu.

Beeladoonni akka baalaa harcahanii qotee bulaaf horsiisee bulaan hin harcahu. Biyya  mootummaa aantummaa ummataa qabu, biiya bulchiisni gaariin keessa jiru keessatti balaan kamuu dhufu  rakkoon dhufe osoo balaa hin geechisin furama.  Yoo  balaan dhufe humna biyya sanaatii ol ta’eelleen aadaan addunyaarratti barame gargaarsa biyyoota birrraa gaafachuudha. Kan impaayeera Itiyoophiyaa wayyaaneedhaan bulaa jirtuu garuu  kanaan adda.

Wayyaaneen 1ffaa beela impaayeera itiyoophiyaa keessatti uumamaa turee fi jiruuf madda ta’uu ishii caalaayyuu  gurraa fi ija addunyaa jalaa dhoksaa turte.  Beela Imaammataa fi poolisii ishiin hordooftun ummattoota biyyattii keessumaawuu ummata Oromoo mankaraarsaa jiru kana karaa danda’ameen addunyaatti himuun gargaarsa kadhatanii furuu, akka inni lammitti hin deddeebine mala Saayinsii fi teeknooloojiin akka qonni  guddatu qonnaan bulaa deeggaruurra  inumaawuu akka beelli biyya san keessaa hin dhabamne  yoo shira hojjettu muldhachaa ture, muldhachaas jira. Guyyaa tokko caamnaan ykn rooba hamaa roobnaan iddoo baayyetti ummattoonni biyya sanii ni beela’u.  kan amma muudachaa jirus  kanuma.

Wayyaaneen  gongumaa akka beelli  impaayeera itiyoophiyaa keessaa badu hin feetu. Ykn hin barbaaddu,  Beelli ishiif daldala bu’aa olaanaa qabu, kan  horii guddaan irraa argataa turtee fi jirtuudha.  Murni tun bara qabsoorra jirtu irraa eegaltee midhaan  maqaa gargaarsatiin  nama beela’eef alarraa dhufe murna gurgaratee  dhala namaa kuma hedduun fixaa turteedha. Kanaaf ragaan ammoo isaanuma qondaaloota wayyaanee warra yeroo sanatti midhaan gargaarsaa alarraa gurraa turanii fi amma dhaabicharraa bahaniidha. Ammas kanumaatu  wayyaaneedhaan maqaa beelaatin itiyoophiyaa keessatti raawwachaa jira.  Namni ni dhumaa wayyaaneen garuu midhaan gargaarsaan dhufaa jiru daldalachaa jirti, bu’aa ishiii irrigataa maqaa beelaatin daldalti. Kun yakka guddaa, yakka dhala namaarratti hojjetaman keessaa isa olaanaadha.

Har’a ummanni Oromoo googiinsa muudatee fi imaammata  misoomaa wayyaaneen diriirste, Duula  Liyyu hayilii fi waraanni Agaa’zii irratti bane jiruun tasgabbii dhabee beelaa fi balaa guddaaf saaxilamee jira. Ilmaan Oromoo kun mana hidhaatti guuramanii, kuun ammoo sababa  adda addaatiin  qayee fi qabeenyarraa buqqifamanii qotatanii jiraachuu ykn daldalatanii jiraachuu dadhabuun beela hamaa keessa jiru.

Wayyaaneen daldala maqaa ummattootaain mi’eeffatte jabeessitee itti fufuuf; 1ffaa beelicha dhoksaa turte, 2ffaa isuma beele’e jetteeyyuu kan Oromoo xiqqeessitee ibsaa, ykn himaa turte, 3ffaa gargaarsa maqaa ummata beelee’eetiin alaa dhufe  daldala siyaasaa Oromoo irratti ittiin gaggeessaa jirti, beelaan Oromoo adabaa, aarii irraa qabdu itti bahaa jirti. Kun yakka, yakka  sanyii balleessuuti, yakka addunyaan beekuu fi hubachuu qabuudha.

Ummanni Oromoo biyya keessaa fi alaa jiru keessumaa kan naannoo beelli  kun itti hammaatee jiru jiraachaa jiru; ummanni Oromoo hargee bahaa fi lixaa, Booranni, Baalee, Gujii fi gammoojiin shawaa bahaa  yakka kana sagalee olkaasuun addunyaatti  iyyachuun dubii fardiidha. Addatti ammoo ummanni Oromoo naannoo beelli kun itti muudateen ala jiruu fi hawaasi Oromoo biyyoota gara garaa keessa jiru yakka wayyaaneen Oromoorratti gaggeessaa jirtu kana addunyaaf saaxiluun dirqama lammummaati. Lammii isaa biyya keessatti wayyaaneen beelaan adabaa jirtu baraaruun dubbii fardiidha. Yakka kana Addunyaan beekuu qaba. Saaxilamuus qaba.

Hara’a  midhaan maqaa saba kanaatiin dhufaa jiru daldala siyaasaaf oolaa jira. ummata Oromoo beelaan miidhamaa jiru bira gahaa hin jiru.

kan gahaa jirus wayyaanee deeggartan  malee jedhamee  nama addaan qooduun hiramaa jira. Keessumaa  naannoo beelli kun itti hammaatee jiru, Harargee bahaa, fi lixaa  gammoojjii Baalee, Shawaa  bahaa, Booranaaa fi Arsii lixaa.. keessatti  ummata balaa goognsaa fi immaammata wayyaanee dogongoraa ta’een beelaaf saaxilame beeladoonni jalaa dhuman  sirnichi  mormii narratti kaasaa turtanii fi jirtan ittiin jechuun beelaan adabaa jira. Yakka Adoolfi hitiler ayhudoota kaampiitti naqee beeleessuun  raawwachaa ture kan fakkaatu irratti raawwachaa jira. Yakki  Kun sirnaan balaaleeffatmuu qaba. keessumaa ummanni Oromoo biyyoota alaa jiru yakka kana addunyaatti saaxiluu irratti qooda isaa isa guddaa fi olaanaa bahachuu qaba.// Yeroo ammaa kana yakkatuu wayyaaneedhaan ummata Oromoorratti raawwachaa jira, yakki kun yakka sukanneessaa dha, yakka  dubbachuufuu nama suruuruu dha, wayyaaneen gama tokkoon waraana bobbaasuun oromoo fixaa jirti, gama biraan ammoo  akkuma addunyaan quba qabuu fi ragaa bahaa jirutti beelaan ummata Oromoo adabaa jirti.  Yakki kun karaa danda’ame hundaanuu nurraa  dacha’uu qaba. Diinni innikaan nu weertee nusaamaa, nu ajjeesaa, nu  hidhaa fi nu dararaa jirtu Wayyaaneen gateettii keenyarraa bu’uu qabdi.  Kan gateettii keenyarraa butu ammoo qabsoo keenya walirraa hin cinneen ta’uun wal nama hin gaafachiisu.

Kan dirqama kana galmaan gahuu keessatti qooda olaanaa qabuu fi dirqamni dachaan irra jiru ammoo dhalootuma har’a qabsoorra jiru kana.

Dhaloonni kun kana hubatee bakkayyattuu  tokkumaa isaa cimsatee, irree isaa waleeffatee, qabsoo eegalame; qabsoo hidhannoo ABOn gaggeeffamaa jiruu cinaa hiriiruu fi  FXG finiinsee itti fufuun dubbii ijoo fi fardii dha

Advertisements