#oromiyaa irraa

hojjatanni banki misooma Ethiopia kan sanyin oromo ta’an sababa malanmaltumma hojjatan jedhun ari’ama jira.akkuma beekkamu presidantin bankicha obbo Isayyas Barihe ji’a tokko dura malanmaltummadhe jedhani arianis hin hidhamne.garu inni kan ariame sababa ummanni bankin kuni ummata tigre qofaf liqessa jedhe gaffi kaasef san tasgabessufi.garu dhugan jiru ijollen oromo amma aria’ama jiran sila secret kana ummat baasanif.hnaga ammati ijollen jaha yeero ari;aman jahanu oromodha.kana nama dhibu garu 95% ligeffatan banki kana tigreedha. Via Mohammednur Guye 


Godina Arsii bakkoota adda addaatti Qeerroon barattoota Oromoo manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa fincila xummura gabrummaa(FXG) gaggeessaa jiraachuun dhagahame jira, Arsii Aanaa Suudee M/B Haliilaa, M/B Darrabbaa, Aanaa Roobee M/B Ataabaa Adamii,M/B Haddaa Baamoo, M/B Suudee Sinbixaa, Aanaa Loodee Heexosaa M/B Loodee, Aanaa Limmuuf Bilbiloo M/B Garjeedaa Aanaa Arsii Nageellee M/ B Nageellee fi Aanaa Seeruu M/B Seeruu keessatti mormiin bifa Faaruu Alaabaa lagachuufi Barnoota Lammummaa Amala gaarii barachuu didanii jiru. Qeerroo irra


#OromoRevolution
Dubii Oromiyaa irraa dhuftee
Qabsoon keenna garam deemaa jira laata?
===================================
Dhimmi dhuunfaa kootiif jechan Adaamaa Ka’ee gara Universiitii Arsii magaalaa Asallaa deddebi’aan ture torbaan kana keeysa karaa Adaamaa kara Awaash Malkaa sa’aa geessuu irratti injifannoo qeeyrroon keenna galmeesse keeyssaa inni tokko lafa shoonkooraaf jecha shiftootni Woyyaanee qotee bulaa harkaa saamanii turan hedduu isaa ibiddaan barbadeeysanii jiru isa kana laalee gammachuun guuttamaa abdiin kos haalaan cimaa akka guyyaa takka Oromoon bakka jiruu ka’ee diina keenna akka awwaanisaatti itti duudee lafa irraa buqqisu utuman yaadaa deemuu haala qaabsoon keenna itti deemaa jiruuf akka diinni keenna akkuma bofaa mataa dhayanii biyyee arrabee lafaa ka’uu deebisee uf dhaabuuf sardamuu yoon laalu baay’aa aaree matanis na dhukkube haaluma kanaan magaalaa Dheeraatiif Magaalaa Itayyaa keeysatti gowwajjeesi hedduu ganama gamana leenjiif ulee diinaa ta’uuf karaa irra fiigu argaatiin aaraatiin baay’ataniif utuu hin taane kutannoon lolutuu fala jedhee gowwajjeesitti kolfaa bira darbe gama biraatiin immoo Adaamaaf Awaasha Malkaa Sa’aa jiddutti ijaarsa maqaa paarkii indastrii jedhuun woyyaaneen ariifachaa hojjattun laalee kunis yoo Rabiin jedhe kama lammiilee keennatti jedhee abdiin bira darbe Via Anii Sifa Hamid
https://www.facebook.com/plugins/video.php?href=https%3A%2F%2Fwww.facebook.com%2Ftiyya.hamid%2Fvideos%2F586561271537663%2F&show_text=0&width=400


Wayyaaneen Oromiyaa bakkoota gara garaa keessatti milishoota gandaa walitti qabuudhaan leenjii kennuuf dirqaa jira.

Amajjii 30,2017 Murni Wayyaanee yeroo ammaa kanatti Oromiyaa iddoowwan garaagaraatti milishoota gandaa walitti qabuudhaan leenjii waraanaa kennaafii jira.
Haaluma kanaan yeroo ammaa Godinaalee akka Harargee, Shaggar Lixaa, Wallaggaa fi Jimmaa keessatti aanota baay’ee keessatti leenjisaa jiraachuun baramee jira. Shirri mootummaan wayyaanee milishoota kanneen leenjisaa jiruufis sochiin ummata Oromoo daran jabaachaa jiraachuu irraa soda guddaa waan qabuufi.
Akkuma kanaan dura bare Wayyaanee irree ummata Oromoo ummatuma Oromootiin cabsuuf yaaluuf ta’uu hinhaalamu. Ilmaan Oromoo wal ajjeesisaa, walirratti duulchisaa umrii dheereffachaa kan har’a ga’e mootummaan wayyaanee ammas shira walfakkaatuun Humna Ittisa Ummataa dadhabsiisuuf milishoota kanneenitti dhimma ba’uuf akka ta’e ifatti barame. Milishaan gandaa mootummaa wayyaaneetiin leenji’ee ilmaan Oromoo biyya abbaa isaaniif falman irratti dhukaasuuf yaaluun garuu, ofii fi maatii ofii irratti murteessuu akka ta’e asumaan dhaammanna. “Sodaa abjuu hirriiba hindhaban” akka jedhamu sana leenjii milishaa gandaaf kennamu sodaatee Oromoon gaaffii abbaa biyyummaa irraa duuba hindeebi’u. Ummatni Waraana Agaaziitiif hinjilbiiffatin milishaa gandaaf jilbiiffata jedhanii yaaduun gowwummaa fakkaata. Via 
Falmii Lakkuu

Advertisements