Kuma 10 Qofa Hiine Jechaa Turanii  Kuma 30 Gadi Dhiifneen Maal Jechuudha???!!!

Kuma Afaan Oromoo is an official language in Ethiopian prisons

Wayyaaneen ilmaan Oromoo  nagahaa manneen barnootaa, bakka hojii fi iddoolee gara garaatii dharaan yakkitee  hidhaa, dararaa fi ajjeesaa turuu fi  jiraachuun ni beekama.  Ilmaan Oromoo  daandii, mana isaanitii  fi bakka hojiitii  Agaa’aazii fi hidhattoota sirnichaatin butamanii hidhaman kunneen akka kuma dhibbootan lakkaawwamanis gabaafamaa ture. Gabaafamaas jira. Kanneen ajjeefamanii fi bakka buuteen isaanii dhabames akkasuma manni yoo lakkaawee fixe malee hanga hin qaban. Ilmaan Oromoo yakka tokko malee karaa,manaa fi bakka hojiitii akkaanfamanii guuramaa turanii fi jiran kunneen ammoo akka seerri sirnichaa fakkeessiif bahe sun jedhuttilleen  seeratti hin dhihaanne. Hundi isaanituu mooraa leenjii waraanaatti guuraman.

Mooraalee leenjii waraanaa Xolaayi, Sanqallee, Huursoo fi  kKF keessatti dararamaa turan,jiranis.

Dhugaan  waggoota 25n darbaniif  keessumaa waggaa 2n darbanii as Impaayeera Itiyoophiyaa keessatti muldhachaa jiru kan biraa,kan Wayyaaneen hololaa jirtu ammoo kan biraati. Akkuma  Ra’een gamana forguggeen gamas jedhamu san kan ummattoonni biyyattii  keessumaa ummanni Oromoo itti jiruu fi  Wayyaaneen  hololtu wal –faallaa dha.

Dhugaan lafarra jiru kan biraa yoo ta’u  kan wayyaaneen  odeessitu ammoo  karaa dhugaa kana haguuga jettee yaaddeen oduu biraati.

Ummanni Oromoo qabsoo walirraa hin citin, FXG irra jiraachuun ifaadha.

Wayyaaneen garuu kana dhoksuuf sobaa, holola fakkeessii hololaa oolti, dhugaa dhoksitee akka waan nagaa fi tasgabbiin jiruutti odeeffachuuf yaalti. Dhugaan garuu dhokachuu hin dandeenye.

Har’a haalli  Impaayeera  Itiyoophiyaa keessa jiru kan duriin adda.

Keessumaa erga qabsoon ummata Oromoo FXG finiinee itti fufee asii haalli biyya kana keessa jiru, sadarkaan Wayyaaneen itti jirtu hundeerraa jijjiramaa jira.  Waggoonni 2n darban ammoo  kan addaati.

Barroonni 2n as aanan baroota qabsoon Oromoo impaayeera Itiyoophiyaa bira darbee gutummaa addunyaatti ifee muldhatee dha. Bara dhugaan Oromoo eenyufuu ifa  itti ta’ee dha.  Gaafiin Oromoo gaafii  haqaa, gaafii sirrii fi gaafii deebii atattamaa argachuu qabu ta’uunis  bara caalaatti itti mirkanaayee dha.  walumaa galatti waggoonni lamaan as qabsoon Oromoo, FXG bara Faashistummaa Wayyaanee addunyaaf  itti saaxilee dha. Wayyaaneen  hara’a qabsoo Oromootin dhiphattee, baaragaa jirti.

Ummanni Oromoo kan qabsaawaa jiruuf   mirga saba biraa dhiibuuf, haqa

namaa, qabeenya  saba biraa, barbaadee ykn biyyaa fi daangaa saboota biraa weeraruufii miti.  Mirga saba biraa dhiibuun aadaa isaas miti.

Oromoon  saba dhugaa, nagaa, bilisummaa  jaalatuu dha,  saba yoo ollaan nagaa hin qabne mana ykn qayee kiyyas nagaan hin jiru jedhee amanuu dha. Nagaafis iddoo olaanaa kennuudha.  Oromoon ummata mirga namaaf iddoo ulfaataa qabuu dha. Kanarraa ka’uun Oromoon haqa isaa, mirga abbaa biyyummaa isaaf falamachaa ture, falamachaas  jira malee akka Wayyaaneen jettu ummata gooleessaa miti.  Dhugaa Oromoon qabsaawuuf kanammoo saboonni olla isaa jiranis ta’ee biyyoonni olla Impaayeera Itiyoophiyaa jiran martuu ni beeku.  Kanarraa ka’uun wayyaaneen maaliyyuu hololtus, dhiibbaa fi dhiittaa kamuu gaggeesitus qabsoon Oromoo roga kamiinuu qabsoo haqaa, qabsoo  mirga ofii ofiin murteeffachuu waan ta’eef  xumurri isaa milkiidha. Fakkeenyummaan isaas saboota cunqursaa sirna Wayyaanee jala jiran maraafuu akkuma ta’aa jiru bilisummaan isaas bilisummaa saboota ollaa isaa jiranii akka ta’u shakkiin hin jiru.

FXG ummanni Oromoo gaggeessaa turee fi jiru ummata Sidaamaaf, Koonsoof, Amaaraa fi saboota biroofillee fakkeenya guddaa ta’eera.

Saboonni kun caalaatti akka Wayyaanee irratti  gaafii mirgaa, fincila gaggeessan taasiseera, onnachiisee jira. Kana birattis  qabsoon hidhannoo  ummanni Oromoo dhugaa isaa deeffachuuf  karaa dhaaba isaa ABOn finiinsaa jiru  akkasuma  qabsoo haqaa ta’uu kan hubatan dhaaboleen  bilisummaa saboota akka Sidaamaa, Ogaadeen, Beeniishaangul Gumz,  fi Gaambeellaaf qabsaawan  kunoo tumsa qabsoo  ABO waliin ijaarratanii qabsoo hidhannoo finiinsaa jiru. kun injifannoo dha.

Oromoon kalees har’as qabsoo bilisummaarra jira, qabsoon isaa ammoo akkuma  muldhachaa jiru firii naqachaa, daran finiinaa diina raasaa jira. Amma bilisa bahuttis qabsoo roga maraa gaggeessurraa dubatti waan jedhuu miti. Humni duubatti isa deebisuus hin jiru. hololli , hidhaa, ajjeechaan Wayyaanees kana hin dhaabu.

Wayyaaneen  namoota nagahaa kumoota hedduun lakkaawwaman  kan karaarraa hartee  mooraa leenjii waraana ishiitti  naqxee hiitee

dararaa turte tibba kana   leenjisee  heebbisiisee jiraa jettee  karaa

TV fi Raadiyoo ishii hololaa turte.  Baayyee  nama raja!  Calqaba jarri kun maal leenji’an waraana ta’an moo maali..? kan mooraa leenjii waraanaatti leenji’u waraana waan ta’eef.  Inni biraan gaafiin ijoon Wayyaaneen asiin dura hidhe jettee kan himaa turte nama kuma 11 hin caalu. Ammammoo kan leenjisee gadi dhiise jettee karaa TV  ishii nutti argisiisaa jirtu  yoo xiqqaate marsaa 3n yoo namni kuma 30 ol ta’u tiishartii ykn qomee  ayyidagamiim jedhu uffatee  gadi dhiifamuu dha.

Gaafii asirratti ka’uu qabukaa  namni kumni 11 qofatu  hidhame jedhamee sobamaa bahee, kumni  35 ol  eessaa dhufeet hiikame kan jedhuudha?  Essaa dhufe namni kumni 20 ol  gaafa gadi dhiisii itti dabalame?  Isa kanaaf  Wayyaaneen deebii hin kenniine.  Kennuus hin barbaaddu.? Nus irraa hin eegnu  maaliif jennaan wayyaaneen sobduudha.

Deebiin isaa dhugaan jiru Wayyaaneen   namoota kuma 11tti hiiqanan qabee hidhe jettee  haa haaltu ykn haa kijibdu malee  durumaa akkuma miidiyaaleen adda addaa fi dhaabonni mirgoota namoomaaf falaman himaa turan kan Wayyaaneen ajjeefaman kumootaan lakkaawwamu. Kan karaa fi bakka hojiitii yakka malee haramanii kaampii waraanaatti dararamaa jiran  kuma dhibbaa oli. Isaan keessaa kan murtaaye gadi dhiisaa jirti. Ammalleen kan hin hiikamin ilmaan Oromoo  kumoota hedduun lakkaawwamu. Dhugaa kan kanneen ijaan argan ragaa bahaa jiru.

Kanarraa ka’uun  kan Wayyaaneen  barsiisee Ayyidaggamiim jedhan jettee argisiistu hololaafi. Kan hundaawuu hiikee jira jettee humnaan tiishartii ykn qomee itti uuwwuftee nutti  argisiisaa jirtus dubbii dharaati.  hololii fi sobni akkanaa ammoo  murni tun  ammam akka murna sobaan guutamte muldhisuu malee hiikoo biraa hin qabu. Maaliif jennaan ummanni Oromoos ta’e saboonni biroon sichi qasbootti jiru malee akka Wayyaaneen odeesitu kanatti Ayyidaggamiim ykn  itti hin deebinuurra hin jiran. Warri tiishartiin sobaa kun humnaan  itti uwwufamees kanuma dhugoomsaa jiru.

Gaafiin ummanni Oromoos ta’e saboonni biroon gaafachaa turanii fi jiran maaltu furame?, Wayyaaneen  maal gaafatmeet maal deebii kenniteet? Namni mirga isaaf qabsaawu Ayydaggamim jedha? Kan ummanni Oromoo gaafatee fi gaafataa jiru  hiree ofii ofiin murteeffachuu dha, deebiin Wayyaanee ammoo dhukaasanii ajjeesuu, hidhanii dararuu fi saamuuu ture, ammas isumatu itti fufaa jira.  Haala kana keessaatti

maaltu galama gaheet ummanni mirga isaaf qabsaawu   ayyidggamiim ykn

itti hideebinu jedha?  Kun oduu fakkaatuu miti.  Hin jennees hin jedhus. Wayyaaneen of sobaa jirti.

Oromoos ta’ee saboonni biroo saamamaa, ajjeefamaa, hidhamaa fi dararamaa akksumas biyyaa godaansifamaa  itti hin deebinu, fincila dhiifne gabrummaa tole jennee fudhanne hin jedhan, jedhaniis hin beekan,  Amma gabroonfataan akka Wayyaanee jiruttis qabsoon itti fufa.

Kan ta’aa jiruu fi muldhachaa jirus kanuma.  Kanaafuu hololli Wayyaanee holola fudhatamaa hin qabneedha. Holola fakkeessiti. Dhugaa kana hubachuudhaan  iddoo jirutti qabsoo keenya, FXG  haa jabeessinu.

Diinarraa Of ittisuun, saba ofii ittisuun kennaa uumamaati! dirqama lammuumaatisi

Baarentuu Gada a IrraaKuma

Advertisements