Image result for oromummaa maaliSabboonummaan akkamittiin akka ibsamu beekuun dura sabboonummaan maal akka ta’e beekuutu dursa. Sabboonummaan of beekuun booda waan dhuftu. Osoo eenyummaa ofii hin beekin sabaan boonun hin danda’amu. Seenaa, seera, duudhaa fi aadaa ofii erga beekaniin booda kabajuudha. Hiika eenyummaa erga beekaniin booda miira nama keessatti uumamudha. Sabboonummaan jechoota qindaawanii tarreeffamaniin kan ibsamu miti. Osoo akkas ta’ee namootni addunyaa kanarraa martuu sabboontota ta’u turani. Gantuun saba keessaatti dhalattee , saba ofii gurgurtu hin jiraattu turte.
Har’a namootni hedduun qabsaawaa/qabsooftuu, kutataaa/kutattuu, sabboonaa/sabboontuu jechuun wal leellisan hedduu agarra.  Tarii namoota hiika oromummaa illee sirnaan hin beekne jechoota afaan isaanii keessaa akka dammaa mi’aawee bahuun muudamni sabboonummaa kennamuufii mala. Sabboonmmaan gar dirree hawaasummaa kanneen akka facebook irratti jechoota babbareedanii barreeffamaniin illee kan ibsamu miti. Namoota osoo oromoo hin ta’in sababa afaan Oromoo qofa beekaniif dirree hawaasummaa irratti maqaa oromootiin daldalan hedduutu jiru. Yeroon akkas jedhu sabboontonni dirree hawaasummaa irratti namoota hin qunnaman jechuu koo miti. Sabboontonni illee marsaalee hawaasaatiin ergaa isaaniii ni dabarfatu.

Haata’u malee wantootni barreessinu qofaan sabboonummaa nun gonfachiisani. Namootni tokko tokko ammoo sabboonummaan  yeroo sirban, walaleessan, namoota gurguddoo waliin haasawaa taasisan itti fakkaatee , yeroo kaameeraan fula isaanii dhaabbatu qofa uffata gurraacha uffatanii
boohuun maqaa sabboonummaatiin daldalu. Ammas akka na hubattan kanin barbaadu kun amala namoota hunda irratti mul’atu miti. Namootni dhugumaan dandeettii qabaniin uummata kakaasuuf sabboonummaan keessa isaanii jiru isaan dirqamsiisee hojjetan ni jiru. Kanneen fudhatama argatanii onnee uummataa seenuuf qofa, osoo oromummaan isaanitti hin dhagayamin beekamtiin isaan dirqisiisee dalaganis akkasuma jiru.
Kanaafi kan ani sabboonummaan jechoota qindaawan tarreessanii dubbachuun hin ibsamu jedheef. Osoo sabboonummaan jechootaan ykn huccuu gaddaa uffachuu qofaan kan ibsamu ta’ee bara 2014 ergamaan diinaa beekamtichi abbbaa duulaa gammadaa illee kanneen ajjeesan ajajaa, gadda du’uu barattoota oromoof qabu uffata gaddaa uffachuun haasaa taasisee oromoo afaan faajjessuuf yaalee ture. Kanaaf sabboontota jechaan osoo hin taane gochaan madaalla.

Namootni kaan ammoo mooraa diinaa keessa taa’anii Oromoo ajjeesaa, jaallannee miti buddeena nutti taanaan malee nutis sabboonummaan nutti dhagayama jedhu. Anaaf jarreen akkasii hiika oromummaa illee hin beekani. Sabboonummaan lammii ofii nama ficcisiisu hin dhalanne, hin dhalatus. namni quuqama sabaa qabu akkamiin nama lammii isaaf quuqamee falmatu dhukaasee ajjeesa? Mooraa diinaa keessa osoo jiranii kanneen dhukaasa Oromoo irratti baname obsa isaan dhowwatee miiltoo isaaniitti afaan qawwee isaanii galagalchuun diina Oromoo ajjeesanii wareegaman ni jiru. Sabboonummaan akkana. Haala mijataa keessa jiraachuu hin feesisu. Miira nama keessaa dhohee bahudha. Sodaa fi doorsisni hin ukkaamsu. Namootni sabboonummaa beekan, kanneen oromummaa isaaniitti boonan haala fedhe keessatti iyyuu saba isaanii waliin hiriiruun gochaan mul’isu. Afaaniin qofa lallabanii kaan hirribaa kaasanii ofiif hin mugani.

Amma faaya oromoo dirachuu qofaan akka sabboonaa/ sabboontuutti kan of ilaalan illee danuudha. Micciirraa, odaa fi faayota oromoo biratti hiik guddaa qaban kana tuullatanii adeemuu qoftis sabboonummaa namaa hin ibsu. Har’a tikni mootummaa wayyaanee hedduun kan isaan ilmaan
oromoo sabboonaa fakkaachuu itti dhiyaatanii galaafataa jiran keessaa tokko faayota kana dirachuun adeemaniiti. Harka isaanii irra micciirraa, mormatti odaa uffatanii afaan mi’eeffatanii qaroo oromoo
hedduu funaannataniiru. Faaya ofii kabajuun, beeksisuun sabboonaa tokko irraa kan eegamu ta’ullee namootni faaya uffataniif qofa sabboontota jennee waamuu hin dandeenye. Sabboonaan gochaan mul’ata. Kanaaf jechoota isaanii caalaa gochaa isaanii irratti xiyyeeffachuu qabna.

Kanneen hafan ammoo Jaal, jaala koo, jaallee jechuun wal waamu. Dhugumaan hiika jaallummaa osoo beekanii afaan guutanii akkanatti wal hin waamani. Aangawotni opdo har’a jaallee mallasaa jechuun afaan guutanii yeroo dubbatan ni agarra. Obbo mallasaan hamma lubbuun turetti nama boqonnaa malee ilmaan oromoo miidhuu irratti xiyyeeffatee hojjechaa ture akkamitti arrabni oromoo tokkoo saalfii malee jaala jedhee akka waamu anaaf hin galu. Obbo mallasaan opdo illee akka qodaa cabaa itti fayyadamee gadi darbe malee bu’aa buuseef hin qabu. Silaa uummata oromoo waliin ammo ijaa fi adaamiidha. Opdo’n quuqama sabaa qabna, miidhaan sabaa miidhaa keenya jettee miidiyaan ololtu kun sabboonummaan ishee jecha qofaan akka ta’e kan ibsu diina uummata isaanii illee mararteen waamu. Silaa jaalli jaala isaaf lubbuu illee hinmarafatu, haala kam keessattiyyuu kaayyoo waliin qabaniif waliin cichanii dhaabbatu. Aangawootni opdo garuu nama lubbuu isaaniifis ta’e uummata isaaniif dantaa hin qabne jaala jedhanii waamu. Kun dhugumaan hammam akka isaan hiika sabboonummaa hin beekne mul’isa.
Gidduu kana ammoo obbo Lammaa Magarsaa sabboonaa ta’uuf yaaluu miidiyaalee hedduun dubbataa jiru. Sabboonummaan obbo Lammaa jechootaan oromoo garaa moogessuuf yaaluu yoo ta’e malee namni dhumaatiin saba isaa isa hin gaddisiisne akkamittiin jecha mi’eeffatee akkasitti dubbata?
Har’a oromootni daangaa irra jiran weerara poolisii liyyuu haayil jedhamtuun weeraramee yeroo dhiphatu, warri TPLF waraana isaanii itti erguun yeroo ilmaan oromootti roorrisan obbo Lammaan osoo quuqama sabaa qabaatanii maaliif callisu? Koorri bittineessaa oromiyaa ilmaan oromootti roorrisu, kan maqaa oromootiin hundeeffamee oromoo lafarraa duguuguu irratti hojjetu;
ajaja gooftolii isaa fudhatee kan ilmaan oromoo miidhu kun osoo sabboonummaan Obbo Lammaa keessatti biqile kunquuqama dhugaa ta’ee oromiyaa keessaa hin bookkisan turani. Har’a obbo lammaan osoo sabboonummaa qabaatanii waranni kun gara daangaa adeemee oromoo
daangaa irra jiru akka harka qabu ajaju turani. Sabboonummaan obbo lammaa garuu afaan qofarratti sanuu hamma kaameeraan isaan waraabu dura isaanii jirutti qofa. Jechoota mimmi’eefatanii sobaan garaa nama raasuuf yaaluun isaanii isaan tuffachiisa. Har’a oromoon sabboonaa afaanii hin dhabne. Kan afaaniin sabboonu, kan hiika sabboonummaa cululuqsee barreessu, kan afaan dammaan dubbatee nama amansiisu hin dhabne.
Maqaa sabboonummatiin sababa afaan oromoo danda’aniif qofa har’a sabboontota boriif abdataman kan galaafatan sabboontota afaanii kana. Sabboonummaan kan haasofnee mul’isnu osoo hin taane kan jiraannee dhaloota dhaalchifnu.
Sabboontonni qeerroo fi qarreen, maanguddoonnii fi daa’immman oromoo illee sabboonaa/ sabboontuu dhugaa adda baafachuun qabsoo oromoo fuula duratti tarkaanfachiisuuf gargaara. Gaaga’ama maqaa sabboonummaan qabsoo oromoo irratti dhufaa jiran qolachuuf namoota dhugumaan sabboonummaan isan dirqamsiisee dubbatanii fi namoota jaallatamuuf ykn faayidaa dhuunfaaf dubbatan adda baafachuu qabna. Miirri sabboonummaa dhugaan keessa namaatii waan burquuf jechootaan hin madaalamani.
Hojiin ykn gochaan agarsiifamu. Daldalli maqaa sabboonummaan adeemsifamu illee dhaabbachuu qaba. Qabsoo oromoo fuul duratti adeemsisuuf namoota beekamuu fedhanii fi namoota waan beekaniin saba isanii cina dhaabbachuu fedhan adda baasuun dirqama. Namoota wallaalummaan sabboonummaa isaanitti fakkaatee waan sabboontota irraa hin eegamne raawwatan barsiisuun, beeksisuun ammoo dirqama sabboonaa tokkooti.
Walumaa galatti maqaa sabboonummaan afaan faajjii uummata oromoo gidduutti faca’aa jiran dhimbiibnee adda baasuun dirqama hunda keenyaati. Namootas beekuuf beekamtii isaan qaban caalaa wantoota isaan saba isaaniif dalagan irratti xiyyeeffachuu qabna. Egaa waa raasuun waa baasuufi jedhama mitiiree? Hundumti keenya dirqama keenya haa baanu! Waaqayyo nama lammiif ta’u nu haa taasisu.

Injifannoo uummata oromoof!
Gadaan gadaa bilisummaati! JIITUU GADAATIIN

 

Advertisements