Gurraandhala 29,2017
DIDDAA 2Mootummaan abbaa irree wayyaanee baatii darbe keessa barsiisota godinaalee Oromiyaa keessa jiran keessaa walitti qabuudhaan maqaa dabballii miindaa peersentii dhibbaa keessaa 95% ol- isiniif guddifna jechuun waadaa jabaa barsiisota kanneeniif galuudhaan walga,iin wayyaanee xumuramuun barsiisonni gara hojjii hojjii isaaniitti akka deebifaman godhamee turuun ni yaadatama.
Haa ta,uutii dhiimmi daballii miindaa wayyaaneen barsiisota godinaalee oromiyaa hunda keessaa barsiisaa turaniif ammas kanneen barsiisaa jiraniif dhimmi waadaa daballii wayyaanee soba ta,uu barsiisonni tokko tokko dubbachaa jiran.
Waadaan Wayyaaneen yeroo darbe barsiisotaaf seentes guutummaan guutuutti waadaa sobaa fi kijibaa ta,uurraan wal qabatee yeroo ammaa maanneen barnootaa golee oromiyaa hunda keessatti barsiisonni heedduminaan hojii dhaabanii akka jirantu gabaafamaa jira.
Addattimmoo barsiisonni oromoo heedduun holola sobaa maqaa daballii miindaan wayyaaneen lafa nutti dhiphisaa jirtu nurraa haadhaabdu jechuun wayyaaneetti muddama jabaa naqaa akka jirantu ibsame.
Dhimuma daballii miindaan wal qabatees yeroo ammaa barsiisonni heedduminaan golee oromiyaa mara keessaa hojii dhaabuu,walga,ii wayyaanee lagachuu, faatu bifa wal fakkaataan godinaalee oromiyaa cufa keessatti mullachaa joraachuu qeerroon gabaase.Kanumaan wal qabatees sirni afaan qawweefi aangoon ijaaramte wayyaaneen yeroo ammaa dhiphuu fi gidiraa keessa seenuudhaan afanffaja,aa akka jirtu maddeen qeerroo golee Oromiyaa keessaa dhufaa jiran gabaasan.                              https://youtu.be/_0qxKz2YAUo

 

 

Advertisements