https://www.facebook.com/plugins/post.php?href=https%3A%2F%2Fwww.facebook.com%2FDhabassa%2Fposts%2F10210893231358523&width=500


https://www.facebook.com/plugins/post.php?href=https%3A%2F%2Fwww.facebook.com%2FDhabassa%2Fposts%2F10210894162821809&width=500


#QabsooOromoo-Godina Arsii lixaa Aanaa Kofalee magaalaa Waabee Gafarsaa irraa
Barsiisaaf qabsaawaa Abdulaxiif Roobaa Wottee kan jedhamu torbaan laamn dura ergamtoota woyyaanee kan ta’an obbo Jeylaan Garaadootiif Obbo Muusaa kadiiritiin qawwee hidhattoota irra hikkattee dhoksatte jechuudhaan bakka dhokatee eeramee shiftoota woyyaaneetiin ukkamfamee fudhatame mana hidhaa keessatti akka malee tumamuudhaan ajjeefamee jira.
Barsiisaan kun roorroo diinaa jalaa bayuuf jecha kara biyya ollaa baqachuuf utuu qophii irra jiruu kan qabame yoo ta’u Obboleessi isaas Jamaal Roobaa erga Univesiitii eebbifamee yeroo dheeraadhaaf dalagaa dhabuudhaan taa’aa turus rorroon ergamtoota diinaa itti hammannaan gara biyya ollaatti baqatee jira.
Magaalaan Waabee Gafarsaa qonna Shiftootni woyyaanee itti fayyadamtu gurgudda ( State Farm) kan akka Ardaayitaa,Goofariif Seeroftaatiin marfatee kan argamtu yoo ta’u tarkaanfii Qeerroon Waabeetiif Eddoo fudhatteen lafti qonna Seeroftaatiif Goofarii harka shiftoota Woyyaanee jalaa bayuun ni yaadatama. Via
Dhábasá Gemelal


ERGAMTOOTA DIINAA AKKAMITTI BEEKNA?

Gaafa namoonni danuun fuula miidiyaa hawaasaa irratti bahanii qaaqqisan, sababa hin taaneen oromoo kutaaf amantaan, dhaaba siyaasaaf lagaan addaan qooduuf kaayyeeffatan diinaa ergamuu isaanii akkamitti addaan beekuu dandeenya kan jedhuuf deebiin muraasni akka armaan gadii kana taha.

1ffaa. Namoota cal’isanii waan Oromoo addaan diiguu barreessan kallattiin fuula facebook isaa irra dhaquun baayyina hiriyoota inni qabuu ilaaluu. yoo baayyinni hiriyoota isaa 200 – 500 gad tahe inni ergama diinaa tahuu baraa

2ffaa. Ilmaan Oromoo tahee kan gootota kalee dabre komatuufi hamatu waan jiru nattin fakkaatu. Namoonni diinaan leenjifamanii gara miidiyaa hawaasaa ergaman ammoo gootota Oromoo kaleessa qabsoof waa gumaachanii dabran arrabsuu, suuraa isaanii balleessuu fi abaaruun akka Oromoon kutaan walitti bu’u taasisu.

3ffaa. Yaadota wal dha’uu fi wal diigu haasawuu guddisan, guyyaa tokko kutaa tokko taahnii kutaa biraa arrabsu, guyyoota muraasa booda ammoo kutaa biraa tahanii kutaa duraan tahan irratti xiyyeeffatanii akka sareetti dutu waan tahaniif qalbiin hordofuu.

4ffaa. Yaadoota namoonni adda addaa maxxansu irratti yaadni (comment) arrabsoo fi tasa ilmaan Oromoo walitti buuftu qofa kennuu irratti xiyyeeffatanii waan deemaniif yeroo mara yaadni isaanii barruu yaada irratti kennan waliin faallaa dha.

5ffaa. Namoota Oromoo biratti fudhatama qaban arrabsuu, jibbuu fi ilaalcha tuffii laataniifii yaada nama mormisiisuu fi wal nama dhabsiisu barreessuu fi maxxansuu irratti hedduu hojjachuuf tattafachuutu isaan irratti mul’ata.

6ffaa. Irra baayyeen namoota diinaan ergamuu fuulli facebook isaanii maqaa sabboontoota Oromoo fi maqaa Oromummaa calaqqisu kan moggaafatan yoo tahu hojiin isaanii ammoo faallaa amqaa isaaniiti. Suuraa fi ragaa isaan ibsu tokkollee facebook isaanii keeysaa hin argamu.

7ffaa. Yeroo hedduu facebook irratti hin argaman, sababniis facebook biraa waan qabaniif hogguma tasa qaawni Oromoo jiddutti uumame qofa facebook saniin seenanii jeequmsa Oromoo jiddu uuman waan taheef gaafa facebook isaanii laaltan dabree dabree seenuu isaanii wantoota isaan maxxansaniin beekuun ni danda’ama.

8ffaa. Yoo profile isaanii irra deemtanii laaltan namoonni akkasii kun yaada dhaabbiilee siyaasaa qabatamaa osoo hin taane akka baacoo fakkeeysuun dhaabbata tokko faarsa tokko arrabsuu baayyisuu isaanii arkuu dandeeysan.

9ffaa. Yeroo hunda yaadootaa fi barruu Oromoo walitti naquu qofa maxxansuu kan jaalatan tahuu wantoota garagaraa isaan amma dura maxxansan irraa salphatti hubachuun ni danda’ama. fi k k f………

Kanaaf namoota akkanaa gaafa agartan kallattumaan ergamtoota diina Oromootiin leenjifamanii argaman tahuu, warreen tokkummaa Oromoo hin barbaannee fi warra Oromoon yoo gamtoome shakkii fi yaaddoo if keeysaa qaban tahuu hubachuun dirqama taha. Garuu namoonni amala armaan olitti tuqe kana qaban marti diina jechuu koo osoo hin taane ilmaan Oromoo biyya keeysa ta’anii Facebook fayyadaman illeen dabree dabree seenuu, hiriyyoota xiqqaa qabachuufi maqaa fi ragaa isaan ibsu fayyadamuu dhabuu malan. Garuu ilmaan Oromoo dhugaan Oromummaan waan quuqamaniif maqaa jijjiiranii, ragaa iaanii awwaalanii gara miidiyaa hawaasaan fayyadam kun yaadoota kamillee kan wal falleeysu, kan Oromoo diiguu fi wal nama mormisiisuu hin dheeheeysan waan taheef laaftutti haala kanaan addaa baafachuu dandeenya. Namoota haalli armaan olii baayyeen irraa calaqqisu karaa salphaan ‘block’ godhuun gurra isaan dhagayu duuchuun fala furmaataati. Via #Saphaloo_Kadiir

Advertisements