Qorannoo Gaggeeffamu Keessa Hin Seenu : Jeff Seeshiins

 

Jeff Seeshiins

Jeff Seeshiins

Raashiyaan filannoo prezidaantummaa Amerikaa keessaa harka qabaachuu fi qabaachuu dhaba ishee mirkaneessuuf qorannaa mootummaan Federaalaa gaggeessu keessaa kan hin senne ta’u abbaa alaangaa mummichii kan Yunaaytid Isteetes Jeff Seshiins beeksiisan.

Seeshiins Kamiisa kaleessaa oduu gabaastoota waliin kan wal argan yoo ta’u kunis gaazexaan waashingtoon post seeshiins filannoo Amerikaa dura Amerikaatti Ambaasaaddara Raashiyaa Sergee Kislyak waliin yeroo lama wal argan jechuun eega gabaasee booda.

Odeeffannoo kanas yeroo aangoo haaraa kanaaf muudamuu dura mana marii bakka bu’ootaa duratti falmii gaggeeffame irratti hin ibsine jedhee gabaase.

Seeshiins yeroo sana waa’ee filannoo prezidaantummaa Amerikaa Ambaasaaddara Raashiyaa waliin dubbataniiru yoo ta’e gaaffiin jedhu dhaga’amaa jira.

Kakatee sobe jechuun seshiins aangoo haa gadhisuu jedhu Demokraatonni hangi tokko.Seera tumtoonni hangi tokko paartilee lamaan irraa koree qorannaa gaggeessuu keessaa of- haa baasu jechaa turan

Advertisements

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

Blog at WordPress.com.

Up ↑

%d bloggers like this: