Qabsoo Bilisummaa Oromoo  Fi Wal-Xaxiinsa Gaanfa Afirikaa

Duubbee Gaanfa Afirikaaoromia3.jpg

Biyyotni Gaanfa Afirikaa biyyoota ykn godinoota Afirikaa biroorraa seenaa fi qubsuma adda qabu. Sababiin isaa daangaan lafa isaani walitti isaan hidha. Jaarroota baayyeef lolli qaxxa muraa fi biyyota keessatti geggeffama ture. Lolli wal- irra hin cinnee waggota dheeraaf deema jira. Biyyota kana keessa dimookiraasiin dhabamu fi olantumma ykn angoo siyasaa, waraanaa fi dinaagdee humna waraanaa fi tikatu of harkaa qaba. Biyyotni Gaanfa Afirikaa uumama isaani irraa kaasee hanga hammatti lafa wali wali isaani kajeelaa fi dangaa wal-irra fudhachaa jiratu. Teessumni lafaa fi sanyummaan saba isaani walitti hidhaadha.

Saboonni Gaanfa Afirikaa seenaa, aadaa, amantii fi sanyummaa sabaa wal-fakkataa qabu. Waggota dheeraaf saboota giddutti lola gosaa, amantii fi daangaa wali weraruutu adeemaa jira. Saboonni kunnin irra hedduun isani  dhufaati isaanii giddu galeessa Baha fi Araba akka ta’etti himatu.  Kaan isaani immo dhalatama Gaanfa  Afirikaa ta’u himatu.

Sabotni Gaanfa Afirikaa gariin biyyota Dhihaa ni   aabdatu kaan immo ni komatu. Seenaan siyasa godina kana harkisoo fi hidhata biyyota Dhihaa qaba. Harra ille biyyotni Dhihaa, Bitaa fi Eshiyaa godina kana keessaa qabenyaa, waraana, hojjetootaa fi dinagdee gurgudda qabu. Sochiin Godina kana keessatti godhamu biyyota Dhihaa ni yaadessa ykn  ni gammachiisa. Kanaaf sochiin saboota Gaanfa Afirikaa ija warra Dhihaa jalatti tikfamaa jira.

Mootummoonni godina Gaanfa Afirikaa saba isaani caalaa humnoota alaa ykn Dhihaa sodaatu/kabaju. Saboonni godina kana qaroomina fi ejjannoo dhawataa fi cichoomina qabachuun saboota Afirikaa biroorra amalaa fi ilaalcha addaa qabu. Saboota Afirikaa keessaa baayyinaan saboota Gaanfaa Afirikaatu biyya lafarra faca’ee jirata. Kunis sababa loloota ganna dheeraa goodinichatti adeemsifama jirurra ka’a.

Akkuma biyyotni Dhihaa Gaanfa Afirikaa keessa harka seensifatan biyyotni Arabaas godina kana keessaa seenuuf carraqa jiru. Kanaan wal-qabate godinni kun dirre wal-dorgommi biyyota Dhihaa fi Arabaa taate argamti. Kanarra ka’uun waanti sabonni godina kana godhan harkisa fi hidhata dheeraa qabata dhufe.

Saboonni godina kana lafa wali walii isaani wal-irra fudhachuf daangaarratti lola addan hin cinne kan jaarra baayyetu deemaa jira. Fkn Sumaliyaa fi Oromiyaa giddu lola waggota dheeratu tu deema jira, Sudan Kaabaa fi Gondar irran falmi siyasa lafarratti hunda’etu waggota dheeraaf deema jira, Sudan Kaabaa, Misiri fi Itiyoophiyaa giddu falmii siyasaa galaana Abbayyaatu deemaa jira. Halli qilleenssaa fi tessuma lafa isaanis inaffaa fi saaminsa lafaa kanaaf shora olana qaba. Fkn Kaabaa fi Bahii Gaanfa Afirikaa gammojjii yommu ta’u Dhihaan immo baddaadha. Teessuma lafaa fi jijjirama qilleenssaa kanarra ka’un balaa fi diigamsa hammas hin jedhamneef wal-saaxiluun wal-gaga’aani diinummaa hundee wal-giddu ka’a jiru. Lolli gosaa biyyota keessaas dhibdee guddadha.

Misir teessuma lafaan godina Gaanfa Afirikaa irra fagaatullee aadaa, amantii, dinagdee fi seenaa dhan isanitti hidhamti. Misir Gaanfaa Afirikaa qofa osoo hin taanee Bahaa Afirikaa wajjin dinagdee dhan walitti hidhamti. Lagi Abbayaa Itiyoophiyaa, Sudaan Kaaba, Misir, Sudaan Kibba, Ugandaa, Tanzaniyaa fi Ruwandaa, Kongoo fi Burundii walitti hidha. Kanaaf Misir  Gaanfaa Afirikaarran qaarite  Baha Afirikaa qaqabdi hidhatiinsa dinagdeetin. Walitti hidhatiinsa  dinagdee kana siyasatu walitti gudunfee jira.

Kenyan seenaa Gaanfa Afirikaa fi Kaaba Afirikarra seenaa addaa mataa ishee qabatulle gidduu isaanitti marfamte waan jirtuuf waanti godinichaa fi naannowwan sanatti ta’u cuftinu ishe ilallata. Sababiin isaa sabooni godina kanaa kitilan Kenya keessatti baqattumma fi hirkattummatin jiratu. Sabonni godinicha fi qabsa’onni isaani cuftinu Kenya keessatti wal-argu ykn wal-qaxxaa muru. Biyyotni Dhihaas Kenya keessan dhimmota godinicha hordofu. Akkasumas biyyota godinicha wajjin daanga wali qooddatti.

1 Qabsoo Bbilisummaa Oromoo fi  Werara Sumaalee Jalqaba

Qabsoon Bilisummaa Oromoo bifa hammayyomaan bara jaatamota keessa sochii warraqsa baratootaa sadarkaalee adda addaa keessatti jalqabe.   Sochiin kun deeme deemee waggota muraasa booda Warraqsatti jijjiramun humni waraana mooticha Hayilee Sillasee angoo siyasa impayeericha fonqoolcha mootummatin dhuunfate. Kanaaf waanti abjootame hafee humni hin egamin mooticha bakka bu’e impayeericha afaan qawwen tiksuu fi saboota cunqurfamoo cunqursuu itti fufe. Kanaaf namoonni sochii baratootaa sana sochosa turaan warri wareegama irra bararamaani fi kan biroon wal-ta’ani qabsoo hidhanno gadi dhaabuf dirqaman.

ABO’n qabsoo hidhanno, siyasaa fi hariiroo hajaa alaa bifa qindawaa fi tarsimawaan eegaaluuf qophii yommu xumuratu deggersa, duubbee fi michumma biyyota ollaa fi fagoo barbaacha eegale. Kanaafuu bara 1975  jila, Sumaliyaatti ergate. Jilli sun Sumaliyaa ga’ani egeree Oromoo fi Sumaalee walin qabachuuf malan mootumma Said Barre’tif erga ifa godhani booda guyya biratti wal-argani ballinaan dubbachuuf beellama fudhatani biyyatti deebi’ani. Baruma sana keessa guyyan beellama isaani geenyan marsa lamaffa ABO’n jila bira Sumaliyaatti erge. Jilli marsa lamaffaaf Sumaliyaatti bobba’e bu’a/ wal-ta’insa tokko malee deebi’e gale. Jilli marsaa lamaffaa kunis erga mootummaa Sumaalee Said Barre tin durfamu dubbisani. Sanaan booda keessa isanitti rakko isaan dura hin qabnee fi hin egnetu isaan mudate.

Sadarkaa sanatti Sumalootni sagamtaa lafa Oromoo hamma laga Hawwashitti qabachuu fi daangaa Sumaliyaa gudditti ijaaruf qophii eegalaniru. ABO’n immoo akeeka Sumalootaa akka kanatti quba hin qabu ture.  Yeroo haasaan mootummaa Sumaalee wajjin godhamu kanatti Jaarraa Abbaa Gadaa fi murni isa wajjini mana hidhaa Sumaliyaa keessatti dararaa fi rakko jabatu irra ga’a jira.  ABO’n ‘Sumalootni Sumaalee akka isaani; Ogadeeniyaa Bilisoomsuuf deemu, nutis Oromoo Bilisoomsuuf qabsoofna’ jedhani yaadaa fi of amansisaa turan malee  daangaan Sumaliyaa Gudditti  walakkessa Oromiyaa nyaachuuf akka deemu hin yaadne turan. Bara 1976 iccitin Sumaloota ABO tif ifa ta’a dhufe. Kanaaf hariiroo mootummaa Sumaalee wajjin qabachuuf abjootaa turan irra abdi kutachuun dhaaban.  Bara 1976 qabsoon hidhanno Dirre Bahatti marsa lamaffaaf deebite eegalamte abdachiisa ta’a dhufu fi sochin siyasaa maagala keessatti  godhamu dhiphachaa dhufuun wal-qabate  hogganoonni fi bu’uressitootni ABO Dirretti ba’uuf dirqama dhufan. Kanafuu Hayyu dureen ABO obbo Magarsaa Barii fi qondaaltootni fi miseensonni koree giddu irra jalaan Dirre Baha tti qabsoo hidhannorra qooda fudhachuuf Dirretti ba’an.

Waraanni Bilisummaa Oromoo/WBO tartiibaan Dirre Baha tti ijaarama oso jiru Sumalootni sochii WBO dhaga’an. Akeekii Sumalootaa utuu galmaa hin ga’iin Oromoon waaranaa/jaarmiyaa isaaf dhaabatu argachu isa akkuma dhaga’anin labsii waraana 1977 seenuuf jarjaran. Sadarkaa kanatti mootummaan Dargiis hin tasgabbofne. Sababiin isaa warraqsa 1974 booda humnoonni sochi baratootaa keessa turan Dargii angoo siyasaa irraa buusuuf mormiin isaani  gama hundaan jabaacha dhufe. Kanaaf  ‘Sumalootni akka salphatti injifanne daangaa keenya ballifanna’ jedhani of soban. Sumaalootni  weerara 1977  Baha Oromiyaa irraan jalqaban hamma Jijjigaatti humna waraanaa isaani ol fidan. WBO fi waraana Dargii waluma qixa waraanu turan. Kanaaf WBO’n of dandamachiisuuf tarkanffi ittisa fudhachu dirqame. Kanaaf adda durumman weerara Sumaalee qolachuu keessatti shora olaanaa xabateera. Sumaalootni waanti isaan abjootan hafee of duuba deebi’uuf dirqisiifaman. Hata’uyyu malee Qabsoo Bilisummaa Oromoo/QBO fi ummata Oromoo irratti gadoo qabatan. Kanaafu tooftaa fi shira haxxummadhan masakameen QBO dhabamsiisuu fi diinoota horuufi jalqaban. Kanumarra ka’un humnoota  Abisiniyaa/Kaaba Itiyoophiyaarran qabsoo hidhanno geggessan warra akka Adda Bilisaa Baasaa Ummata Tigiraayii/ABUT ykn Weyane fi Adda Bilisa Baasaa Ummata Eritiryaa/ ABUE ykn Shabait  wajjin hariroo sadarkaa adda addatti qabaachaa turani, qabaachaa jirus.

Bara 1980 keessa hogganni ABO abdi kutanna tokko malee jila sadarka adda addaatti mootummaaa Said Baree tti ergachu jalqabe. Jilli sun Moqaadishoo ga’e Said Barre wajjin haasa’e Dirre Bahatti  deebi’e waamicha sirnaa mootummaan Sumaalee  hoggantootaa fi qondaaltoota waraanaatif godhe hoggantoota Dirre Bahaatti hime.  Kanumarra ka’uun hogganni dhaaba wali gala; Hayyu duree, hoggansa miseesnaa koree hojii rawwachiiftuu, koree gidduu fi qondaaltoota waaranaa dabalate namni kudha tokko, Moqaadishoo dhaqaani mootummaa Sumaalee Said Barre wajjin haasaa sirnaa gochuuf amna eegalan. Erga jilli kun daangaa Sumaaliyaa; Ogadeniyaa seenee lafa Shinnigaa jedhamutti loltootni riphani isaan eegaa turaanin marfamani to’anna  jala olan. Sana booda kaayyoo fi adeemsaa isaani erga qoratani booda amanitin adda baasani ajjesuuf ‘Kiristiyaanni as goraa Musilimni achi goraa’ jedhani. Jilli kun ‘nuti amantaan adda hin baanu sababiin isaas nuti Oromumma irratti malee amantii irratti hin ijarmne; nuti Musilima ykn Kiristiyaana osoo hin taane Oromoo dha’ jechuun didani bakka tokkotti bolla tokko keessatti jumulan Ebla 1980 tti ajjeffaman. Gochaa fi shira Sumaloota kana shiftoota Sumaaleetu godhe jedhame irra tarame hamma harratti. Garuu Sumaalootni QBO fi ummata Oromoo naannoo sana dhabamsiisaani daangaa biyya isaani hamma laga Hawwashitti balliffachuu abjuu isanirra boodatti deebi’ani hin beekan humna itt dhaban male. Kanaaf harra diinoota QBO fi ummata Oromoo wajjin tumsa sadarkaa adda addaa guyya guyyan ol guddifacha jiru. Tumsii sumaaleen humnoota Abisiniyaa Afaan Tigirinyaa dubbatani wajjin qaban tumsa tarsiimoo malee toofta ykn yeroo gababduti jedhani qabsa’onni Oromoo of gowwomsaa jiru.

1.1. Wal-xaxiinsa Siyasaa Gaanfa Afirikaa

Sumaalootni bittaa garbummaa jalaa  Adolessa1960 bilisa ba’ani. Battaluma walaboomanitti Sumaalee Land fi Sumaaliyaan waliitti dabalamani Sumaaliyaa guddiitti ijaaruu irratti wal-ta’an. Adeemsii Sumaalootni ittin Sumaaliyaa gudditti ijaaran kunis humna waraanaa fi afaan qawwee ta’u irratti wal-ta’an. Akka ilaalchaa fi ejjennoo isaanitti ‘Sumaliyaan biyya guddoo fi jalbduu tokko turte dhufaati humnoota garboomffatoota Awurophaa dura’. Sumaalootni ‘Humna garboomffattuu Awurophatu Sumaaliyaa bakka ja’atti qircate’ jedhani amanu.  Kanaaf ‘Sumaalootni biyyota garaagaraa keessa jiraan akaakuu garbummaa garaagaraa jala jiru’ jedhani yaadu. ‘Daangaan biyya keenyaas sharafamera’ jedhani waan yaadanif daangaa fi saba isaani bilisoomsaani ofitti dabaluuf qabsoo eegalan. Sumaliyaan bakka ja’atti qircamte sunis: Sumaalee Abbo; Oromoo, Ogadeniyaa/Itiyoophiyaa, Jibuutii,  Sumaalee Land, Sumaaliyaa fi Sumaalee Kenya ti. Biyyoota kana cufa keessaa Sumaalee walitti deebisaani Sumaaliyaa gudditti ijaarutti hundumtii isaani ejjenna tokkon  weerara 1977 Bahaa Oromiyaatti eegalan.

Adeemsa Sumaaliyaa gudditti ijaaruu keessa QBO fi mootummaan Said Barre wal-dura dhaabbanna gudda kan hoggantoota ABO hamma Hayyuduree tti gaga’e sanan osoo hin dhaabbatin kara kibba Bahaa Oromiyaa tin Sumaaleen Abboos dhibdee biraa ture. QBO’n bara 1963 kibba Bahaa Oromiyaatti eegalte sana gara qabsoo dantaa Sumaaleetti  jijjiruuf Said Barre qabsiicha bute. Kanarra kan ka’e QBO karaa kibba Bahaa eegalte sun dantaa adda addatin nashaa’amte waan irra maddite irra maqxe hamma 1991 mootummaan Dargii fi Said Barre golgoola’anitti.  Kufaatii mootummaa Said Barre tin wal-qabatee qabsoon Sumaaliyaa gudditti fi  Sumaalee Abboo ni fashale. Sumaaliyaa gudditti ijaaruun hafnaan Sumaaleen akka sabaa fi biyyatti wal-jiraachisu dadhabani lola gosaa fi amantitin Sumaaliyaan ijaaramte utu hin xumuramin diigamte. Hamma harratti lola gosaa fi amantitti jiru. Kunis naanna’e naanna’ee QBO gaga’a jira.

Sumaalootni daangaa Sumaaliyaa gudditti hamma laga Hawwashitti Sidaamaa dabalate ballifachuuf qabsoo godhan keessatti kisaaraa guddan waan irra ga’eef of duuba deebi’ani ille ilaalchii sun hamma harratti laphee Sumaaloota keessa hin duune. Sababiin isaas lafa gabbataa, jiidhaa, qonnaa fi bishaan qabu qabachuuf hawwa jiru. Kunis lafti Sumaaloota irra heedduun gammajjii fi lafa qonnaaf hin mijanne gogaa ta’u isaatif  lafa baddaa fi bishaan qabu dhuunfachu kajeelan. Kana keessa waanti Sumaalootni abjootan gufannan  QBO wajjin wal-dura dhaabbanna godhamen wal-gufachisan.

ABUT fi ABUE waajjira Moqaadishootti banatani Sumaaliyaa keessan biyyota garaagaraa irraa gargaarsa; meeshaa waraanaa, nyaataa fi birrii heedduu argataan. Garuu ABO’n waajjira banachuun miti qabsa’onni mirga baqatummaa mootummoonni gamtooman/MG addunyarra tti iyyamun  Sumaaliyaa keessa yeroof jiraachun dadhabame.  Kana cinatti rakko amantii, gosaa fi naannummaa qabsa’oota Oromoo keessatti gadi dhaabuuf ijjibata irra mayi godhanitti hin milkain hafan.

Bara 1991 booda erga Sumaaliyaan bakka lamatti addan foxxoqtees  hoggantootni ABO Sumaale Land fi Sumaaliyaa keessan duubbe godhatani socho’uuf yaalan ille itti hin milkoofne. Sababiin isaas ABUT wajjin sadarkaa Gaanfa Afirikaatti wal-ta’insa tokkorra waan ga’anif. Gaafa sana kaase hanga harratti  humnoonni tikaa ABUT Sumaaliyaa keessa akka garaa isaanitti socho’un naannicha to’ata jiru. Kufaatin Sumaaliyaa inni dhumaa 2006 kaafte bulchiinsa waraanaa fi tika ABUT jala jirti. Bara 2006 dura yeroo Sumaliyaan bulchiinsa gosootaa fi amantii jalatti bittinnoftee turtes ABO’n Sumaaliyaa keessan qabsa’uuf ijjibata irra mayi godhulle wareegamarran kan hafe jijjiramni hin uumamin hafe. Qabsa’oonni heedduun  Dooyyaa ABUT tin Sumaaliyaa keessaan butama turan, butamaa jirus.

Jiibuutin biyya xiqqo naga qabeetti taatee qarqara galaanatti waan argamtuuf qubsuma waraana galaanaarra naannoo sanatti godhamurra fayidaa heedduu biyyota garaagaraa irraa argata jirti. Kunis akka isheen biyya of dandeesse taatee itti fuftuf shora olaanaa xabataa jira. Akka ABUT dhiibbaa karaa heedduu irratti godhaa jiraanif kanaan dura Itiyoophiyaa jalatti dhuunfatamte. ABUT dinaagdee fi humna waraanaan naannoo sana kan isa gitu ykn sodaatu waan hin jirref Jiibuutii keessa maadhheffatani sochii Yemen fi Eritiyaa keessaa to’atu.  Humni tikaa ABUT Jiibuutii akka biyya isaanitti ofitti amantummaa dhan keessa socho’u. Kanaaf humnoonni isaanin morman Jiibuutii keessan socho’u fi gargaarsaa adda addaa seensifachuu hin dandeenye. Qabsa’oonni heedduun Dooyyaa ABUT tin Jiibuutii keessaan butamaniru, butamaa jirus.

Yemen teessuma lafaa fi miseensa biyyota Gaanfa Afirikaa ta’u baattulle harkisaa fi hidhata siyasa godinicha qabdi. Waggota dheera duraa kaase sochiin Itiyoophiyaa keessatti taasifamu Yemen keessatti hidhata fi miiltumma qaba.  Hamma Tokkumman Soviet diigamutti Yemen  biyyota giddu gala Bahaa fi Gaanfa Afirikaaf  giddu gala daldala siyasaa biyyota bitaa turte. Kanaaf wanti Yemen keessatti godhamu eegeen isaa Itiyoophiyaa keessaa mullata. ABUT wal-ta’insa tikaa fi waraanaa Yemen wajjin tolfatanin qabsa’oota heeddu butaniru, butaa jirus.

Kenyan  miseensa Intergavernemantal Authority on the Development/IGAD erga taatee booda ABUT jalatti bitamuuf dirqamte. Isa duras humni tikaa ABUT akka hoggantootni  ABO fi qabsa’oonni Oromoo Kenya keessa hin qubannef dhiibba heeddu godhan. Bara 1995 kaasee ABUT mootummaa Kenya wajjin wal-ta’ani hoggantoota fi qabsa’oota heedduu Kenya keessa butan turan, butaa jirus. Dooyyaan ABUT hidhanno dhan Kenya seenani tarkanffi waraanaa heedduu qabsa’oota Oromoo irratti fudhan. Qabsa’oota gariin immo balaa konkoolaataatin jumulan fixan. Humni tikaa Kenya malamaltumma dhan  nashaa’amani qabsa’oota baqatummatin biyya isaani keessa jiran basasani  Dooyyaa ABUT kenna jiru.

Mootummaan Sudaan Kaabaa fi  ABUT akka dhaaba biyya tokkotti wal-abdatu. Hariroon kunis kan galgala tokkotti uumame osoo hin taane seenaa dheeraa qaba.  Bara 1991 booda sochiin ABO Sudaan keessaa daangeffame. Waajjirrii, mooraan leenjii Dirre Dhihaa fi Radiyoonin Sagalee Bilisummaa Oromoo/SBO’n cufaman. Qabeenyaan ABO Sudaan Kaabaa keessa qabata tures ni saamame. Hoggantootni fi qabsa’oonni heedduun Sudaan Kaabaa keessaan butamaa turan, butamaa jirus. Wareegama fi gaga’ama heedduutu Sudaan Kaabaa keessatti baafamaa jira. ABO’n mootummaa cee’umsaan booda kufaati isa mudaterra dandamachun 1995 miseensoonni WBO fi qondaltootni ABO Dirre Dhihaa deebisani gadi-of dhaabun qabsoo hidhannoo akka haaratti eegalan. Shira mootummaan Sudaan Kaabaa fi ABUT xaxanin WBO’n birgedi tokkotti gaashu Sudaan Kaabaa keessatti hikkachifame facaafame. Hidhannoon isaan wareeegaman waraana ABUT irra biyya keessatti hiikkatani fi  boji’an Sudaan Kaabaa keessan deebifamef. Humni WBO gaafa sana facamfame deebi’e of ijaaru dadhabe gaga’ama adda addatin bittinna’e. Mootummaan Sudaan Kaabaa  yakka duguggaa Sanyiin himatame yeroo biyyota gamtoomanin barbaadamu kanatti Itiyoophiyaa keessa yaaddoo male deema. Dooyyaan Sudaan Kaabaa dhibbotan lakka’amantu Itiyoophiyaa keessa jirata. Qondaaltootni Sudaan Kaabaa heedduun isaani bakka dawwatoota tuuristi; Sodaree, Langanoo, Bushooftuu fi kkf’atti tti bashananu. ABUT gargaarsa maqaa nageenya Gaanfaa Afiriaa fi piroojeektii/project adda addaan biyyota Dhihaa irraa argatanin Dooyyaa Sudaan Kaabaaf miinda baasuuf. Dooyyaan ABUT,  Sudaan  Kaabaa fi Eritiyaa walitti dhi’acha dhufuu keessa darbani wal-keessa seenaa jiru.

Adda Bilisummaa Ummata Sudaan Kibbaa/ABUSK  fi ABO ‘n 1984 – 1990 tti wal-loolaa turan. Bara 2011 booda ABUSK mootummaa Sudaan Kibbaa ta’e hoggansarra jira. Sudaan  Kiibbaa ijaarama osoo jirtu diigamte. Kanaaf waraanaa ABUT tu wal-irra isaan tiksaa jira. Lola gosaa fi saamicha dinaagdeetin mootummaan Sudaan Kibbaa bakka lamatti addan ba’e jira. Kanaaf Dooyyaan ABUT maqaa nageenya naannicha jedhun Sudaan Kaabaa keessa buufate sochii naannicha to’anna isa jalatti bitaa jira.

Ummatni Afaan Tigirinya dubbatu Marab oli fi gadi saba Afaan, aadaa, amantii, seenaa fi kaayyo tokko qabudha. Qondaaltooni ABUT fi ABUE firummaa dhiigaa fi hiriyumma walin qabu. Wal-dhibden isaan giddu jirus wal-dorggommi namoota mursaati male dhibde saba keessa jiru miti. Harra ummatni gama lamanu jirenya hawwasumma walin jirachaa jiru. Dooyyaan ABUT Eritiriyaa keessa, Dooyyaan ABUE immoo Itiyoophiyaa keessa jiratu. Diasporan warra galaana Diimaa durooman maqaa misooma/investment jedhun Itiyoophiyaa keessa dhangala’ani saamicha diinagde tti jiru ABUT wajjin wal-ta’un. ‘ABUT Oromoo fi Amaraa wajjin dinagdee Itiyoophiyaa fi angoo siyasaa qooddachuf qophii miti garuu humnoota Afaan Tigirinyaa dubbatan Marab Oli wajjin nu saamani, duroomani quufani buluuf qophiidha’ jedhe obbo Leencoo Lataa. Yeroo Fincillii Diddaa Garbummaa Oromoo ABUT hudhee qabe jiru kanatti ummatni Afaan Tigirinya dubbatan Marab oli  akkuma warra Marab gaditti yaaddoo fi cillanffanna isaan ABUT tif qaban  saba-himale hawwaasa irra arga jirra.

Humni tikaa ABUT gaalaana Diimaati qabe hangaa kismayotti, galaana Indiyaatii qabee hangaa Daarfuritti caasaa isa dirirfate godinicha to’anna ABUT jalatti eegaa jira. Alaarran naannoo keenya yommu ilallu QBO marfama hamaa fi wal-xaxaa kana keessa jirti.  Biyyaa keessaan immo sabonni bicuun olla Oromoo fi Oromiyaa keessa jiran sodaa guudda QBO irra qabu. Yoo Oromoon Bilisoome jiraachu akka isaan hin dandeenyetti wagga afurtama olif Habashonni itti lallaba jiru. Ummatoota sabummaa fi biyya himatu hin beekne kitilan lakka’amutu Oromiyaa keessa jirataa jira. Qabeenyaa uumamaa Oromiyaa keessa jiru irratti saboonni heeddun hirkatani waan jiraanif jiraachuu fi dhabamu isaani murteffattu Oromiyaarratti. Sumaaleen rakko nagaa fi tasgabbi  gudda utuu qabdu sana moggatti dhiisani lafa Oromoo murachuuf lolatti seenun isaani lafa gabbataa, jiidhaa, baddaa fi bishaan qabu barbachaaf. Sumaaliyaan laaga lama kan Oromiyaa keessa maddu irratti hirkatte jiratti. Lagni sun yoo irra jallifame bishaaan maleyyi ta’u jechudha. Namni immo bishaan male hin jiratu. Kanaaf daangaa biyya isaani hamma Hawwashiitti ol butachuu kajeelun sun  madda lageen sana daangaa biyya isaani keessa olfachuf. ‘ Gogaa koofaan jibbama’ jedhe Weenniinin mammaksa Oromooti.

Biyyota Dhihaa, biyyota ollaa ykn Gaanfa Afirikaa fi saboota Itiiyoophiyaa ollaa Oromoo fi Oromiyaa keessan QBO yommuu ilallu diinaa malee fira tokko ille hin qabdu. Erga gaafa Oromoon bitta garbumma Habashaa  jalatti garboomuuti hanga harratti hallii  biyya keessaa, naannoo Gaanfa Afirikaa fi addunyaa guyya tokkollee QBO tif mijatee hin beeku. Keessa Oromoo fi QBO yommu millannus  dadhabbina heedduutu jira. Dadhabina keessa kana yoon saba-himarratti dubbachu baadheyyu bakka lamattin hiira ilala. Isaanis:

  • Dadhabinaa ummata Oromoo keessa: jaarmiyaa siyasaa fi jaarmiyaa garaagaaraa jalatti ijaaramu hanqachutu guddate mullata. Oromoon baayyiina lakkofsa uummata male baayyinaa qabsa’oota hin qabu. Lakkofsi ummataa fi bayyinni qabsa’oota Oromoo waan nama aja’ibudha. Oromoon saba balla Gaanfa Afirikaati qabsa’oonni Oromoo garuu qabsa’oota sab-bicuu gadi.
  • Dadhabinaa qabsa’oota keessa: qabsa’oonni afaan tokkocha dubbachu, hirira tokkicha seenuu, kaayyoo tokkichan masakamu, fi ejjenno tokkicha qabachu hanqachutu dirre ba’e alagaan ittin QBO fi sabichatti qoosaa jira. Kanaaf ummatni hangam yoo fincile illee jaarmiyaa ititaa fi jaba sadarkaa adda addatti bakka isa bu’u waan hin qabnef kisara male bu’a buusaa hin jiru 1991 as. Qabsa’oonni Oromoo wali isaani fi diinaa isani irratti wal-qixa qabsa’a jiru.

2  Humnota waraana Galaanarra Biyyota Dhiha, Arabaa fi Qabsoo Bilisummaa Oromoo

Erga 2001 tti AL-Qayidaa/ fiinxalessii Isilamaa Addunyaa gooluu egalani kaasee biyyotni Dhihaa xiyyeffanna isaani gara giddu galessaa Bahaa, Kaaba Afirikaa fi Eshiyaa tti deebisan. Kanaaf biyyotni Gaanfii Afirikaa qalbii biyyota Dhihaa harkiisaa jiru. Kunis tooftaa fi tarsiimoo waaranaaf mijataa waan ta’ani fi galaanaan marfamani waan jiranif.  Rakkon keessa Gaanfa Afirikaas gadi fagoo fi wal xaxaa ta’uu dhan rakko finxaleessitootni umaanin walitti hidhata waan qabuf.  Amerikaa, Awurophaa, Raashaa, Chayinaa fi biyyota Araba dabalate biyyotni heeddun humna waranaa gudda Gaanfaa Afirikaa irra naannessani qubachisaani jiru. ABUT dorggomme kana seenuuf humna waraanaa gudda Sumaaliyaa, Jibuutii fi Kismayo tti mooraa waaraanaa guddaa tolfatani waaraana akka ofi barbaadanitti ajajaani fi fedhi isaani qofa tiksu qubachiisani jiru. Humni tikaa ABUT galaana Indiyaati hamma Daarfuritti caasa isaa dirirfate waan jiruuf sochii godinicha keessatti godhamu ukkamse qabun to’ata jira. Maqaa nageenya Gaanfa Afirikaa eeguu jedhun ABUT dollari billiyona heddutti  lakka’amu USA qofa irra argata. UN, Chayinaa  fi Awuropha osoo hin dabalatin.   Humna tikaa fi waraanaa ABUT tif miindaa USA baasaafi.  Humna tikaa leenjisuu fi meeshaa waraanaatin immo UK tu deggera jira. Fkn waraana kuma dhibba lama/200,000 bara 2008 tti liyyuu polisii/para military jedhamu kan leenjisee fi hidhachise Biritaniyaa dha. Kanaaf biyyotni Dhihaa keessattu UK fi USA ABUT jaallachuu keessa darbani akka dhaaba isaanitti sadarka ilalaani ga’an. Rakkoo fi badii dhaabi kun ummatoota biyyattirran ga’a jiru utuu iji isani argu akka nama hin agarre ta’u. Yeroo dhaabbati mirga dhala namaaf falmuu fi mormitootni himatan immo ‘gorsa jirra, ni sirrattuu’ jedhani ofirra isaan debisu malee guyya tokko ille gargaarsa irra dhaabun hafnan sagalee jabaa irratti dubbatani hin beekan. Kunis dantaa mataa isani irra ka’ani deggeru malee loogii adda godhuf miti. Sababiin isaas ABUT ummata biyyatti caala biyyota Dhihaaf ajajamani ergaama isaani rawwatu. Waan hojjetan keessatti biyyota Dhihaaf dursa kennu. Waraanni ABUT Sumaaliyaa weeraruun, Burundii dhaquun, Sudaan Kibbaa jiraachuun, Ruwandaa seenuun isaa ajaja USA fi UK tin. Kunis ilmi USA fi UK tokko biyya Ormatti wareegamuurra waraana ABUT birriidhan bitani ergachutu irra isaanif salphaa dha. Weerara USA Iraq irratti gote keessatti ga’en ABUT kan dagatamu miti. Xayarri nama maleyyi/drone jedhamtu Arba mincii kaatee Sumaaliyaa keessatti Al shababiin  halelti. Wal-dorgommiin biyyota akka Raashaa, Chayinaa, Iran fi Biyyota Arabaa gaalanaa Gaanfa Afirikaa naanna’e jiru irra waraana isaani qubsisuun godhani  akka USA fi UK’n  ABUT caalatti abdataan taasise jira.Yeroo dhihoo as keessattu erga Fincilli Xumura Garbummaa Oromoo sadarkaa olanatti ol guddate ti immoo sochiin, Misir Gaanfa Afirikaa irratti goochaa jirtu ABUT heedduu yaaddoo fi dhiphu cima keessa galche jira. Waraanni biyyota Arabaa Asaba, waraanni Iran fi Misir immo Barbara qubatani jiru. ABUT waraana isaa Sumaaliyaa keessa jiru  irratti waraanaa fi moraa waaranaa fi kuufataa meeshaa waarana hammayomaa qabu, Kismayo irratti ijarun qubsisani jiru. Yeroo amma kana Misirii fi ABUT sochii wali isaani ija keessatti wal-eega jiru. Keesattu ABUT waan mootummonnoo olla godhan ija shakkii fi sodaatin ilaaluu bira taree mootummaan Sudaan Kibbaa; Salbakir kayiroo/Cairo dhaqu isaatti sagalee naasuu fi dhekkamsa dhagesisan. Abboti tayitaa fi qondaaltoota mootummaa fi  angowwan naannoo isaani to’achu keessa darbani ugguruf deemu. Sochi isaani Misiri wajjin godhanirra ka’un. Sochii qabsoo ummata Oromoo fi saboota biyyattis yeroo hadhessaan mootummaa ‘Misiri tu gargaaraa’ jechu erga egaalani wagga tokko guutera. Mootummaan Misiri  kara garaagaraan dhiibba siyasaa ABUT irratti akka gocha jiranis ifa gala.

2.1. Master Pilaanii Qindawaa Magaala Finfinnee fi Naannowwa Ishe

Sochiin master pilaanii qindawaa magaala Finfinne/MPQMF 2008 waajjira tikaa  ABUT keessaatti calqabe. MPQMF kun duubbee irra madde qaba. Akekni isaas Oromiyaa yoo xiqqate bakka lamatti muruu fi baayyina Oromoo fi ballina Oromiyaa xiqqessu yaada jedhutu duuba jira. Karoorri kun immo kan wixiname 1992 mootummaa cee’umsaa keessatti falmi sirna federeshiinii sab-daneessa godhamurra ka’ani ABUT murtoo fi ejjenno kana fudhachurra ga’an. Kunis yeroo sanatti hagganonni  ABO ummata Oromoo  bakka bu’ani mootummaa cee’umsaa keessaa qooda fudhachaa yeroo turanitti baayyina ummataa Oromoo, ballina lafaa Oromiyaa fi qabeenyaa uumamaa dacheen Oromoo qabdurra dhaabbatani mirga ummatichaa fi dantaa sabicha kabachisuuf tattaffi isaan godha turan ABUT hedduu haarse. Sababiin isaa ABUT mirga Tigiree malee kan saboota biroo of keessaa waan hin qabnef gaafa mirga fi dantaa saba biroo dhufuu isaan aja’iba ture. Kan isaan qabsa’anif  dantaa fi mirga sabaTigiree  kabachisuuf malee dantaan saboota biroo dhimma isani hin turre. Harralle waanti isaan irra calaqqisuu fi imammata isanirra argamu isuma kana. Caffee/parlama ABUT keessa ta’ee, Mallas ‘baayyinaa ummataa fi ballina lafaa Oromiyaa  ABO’n  ittin dhadatu adeemsa keessa  sab-bicuu fi lafa dhiphatti deebisun ni danda’ama’ jedhe dhadate. Dhadannon gaafasi sun kara hedduu irratti hojjetama oso jiru 2008 gaafa ABO  bakka lamatti addan baqaqe ‘kanan booda humni nu dura dhaabbachu danda’u hin jiru’ yaada jedhurra ka’ani MPQMF gadi baasan. Wali isaani giddutti marii wagga tokko; tooftaa fi taarsimoo isa erga wixinani booda 2009 tti pilanicha waraqata irratti  ogeessota/engineers Faransayii tin magaala Lyon tti hojjetame. Sababa du’a Mallasin wal qabate wagga lamaaf lafarra harkifate tureyyu erga haala hunduumaa mijeffattani tasgabba’ani booda 2014 tti  mullinatti lafarratti hojjechuuf gadi ba’an.  Wareegama lubbu Oromoota dhibba lama oli fi hidhamuu namoota kuma hedduun wagga tokkof dhaabatu ille 2015 tti marsaa lamaffa deebi’e akka haaratti jalqabe. Kanaaf mormini fi Fincilli Xumura Garbummaa Oromoo 12 Sadasaa 2015  magaalaa Gincitti dhowe. Sanaan booda golee Oromiyaa cufa keessa nanna’e lubbu Oromoota kuma fi dhibba shani 1500 wagga tokko keessatti galafachun namoonni kumataaman lakkama’ani qama hirratani, kaan achii buuteen isaani dhabame, gariin bineensaan nyaatamani, kumatamaa kurnaanootaan itti hidhaman, kaan immo biyya baqachifamuun maatiin faca’e. Warri biyya qabachiifaaman kumataman gaalanan nyaatamani irbata Qurxummi ta’ani, gaariin immo gammojji Sahara keessatti bineensaan nyaataman.

Gaanfa Afirikaa

Warraqsa kana keessa miseensonni meeshaa cunqursaa Tigiree/ Dhaabbata Dimookiratawaa ummata Oromoo/DHDUO’n harka lafa jalaan waan deggeranif ABUT to’achu dadhaban. Dhumarratti 2 Onkololessa 2016 tti namni dhibbi torba ol laga Hora Dirre Irrechatti humna tikaa ABUT fi xayyara gaasii summi gadi roobseen ajjeffaman. Kanaan wal-qabate guyyuma sana waaree booda irraa kaasee ummatni Oromoo qabenyaa ABUT irratti tarkanffi haloo ba’u fudhachuu jalqaban. Torbaan tokko booda ABUT labsi yeroo muddama labsiten guutummaa Impayeericha afaan qawwen; humna tikaa fi waaraana isheef amaanaman/Tigiroota jala galchite. DHDUO’nis PMQMF akka dhaabatuf labsi baasanin rarra’e jiratu yyuu ABUT  MPQMF akka hojirra oluu yeroo adda addatti  dhadacha fi hojiitti hiikaa jiru.

2.2. Weyane fi Werara Sumaalee Lamaffaa

Halli sochii biyya keessaa fi Gaanfa Afirikaa Kanaan osoo jiru ABUT hagayya 2016 tti tooftaa fi taarsiimoo haaraa akka abuuraan saba-hima biyyatti/ETV dhan Abbayi Stayee fi Siyuum Mesfiin duguggaan sanyii/Jenocide akka labsame dubbatan. Haasaa isaani keessatti tumsa sab-bicuu/minority alliance akka tolfatani fi saboonni gurguddo akka Oromoo fi Amaraa sab-bicuu ballessuf qabsa’a waan jiraanif sab-bicuun tumsa tolfachuu akka qaban dhaaman. Torbanoota murasa booda magaala Jijjigaatti ummati Sumaalee kuma kurnanootan lakka’amu dirre kubba millaa fi karaatti  ba’e QBO fi ummata Oromoo balaleffachuu fi abaaru mullinatti egalan. Guyya gababdu booda alabaa Oromoo USA Minineapolis keessatti gubani video isa saba-hima Hawwasaa irratti maxxansan.  Torbaan gabaabdu booda ummati Affaris dirre ba’ee QB fi ummata Oromoo balaleffachuu fi abaaruu itti fufe. Akkuma dhadannoo Abbayii Stayee fi Siyuum Mesfiinitti tumsa sab-bicuu tolfachuu fi dugugga sanyii Oromoo jalqabuu isaaniti. Amajji 2017 tti   maqaa liyyuu Poliisii jedhuun waraanni ABUT Bahaa fi kibba Bahaa Oromiyaa  irran daangaa Oromiyaa cabsee ummata Oromoo saamuu, ajjessuu, lafa isa dhuunfachuu fi ummaticha laficharra godansiisu bifa qinda’an  eegalan. Loloota ummata fi humna tikaa ABUT wajjin godhame keessatti ajajonnii waranaa fi loltootni sun miseensa raayya ittisa ABUT ta’u Oromia Media Network/OMN ragaa waraqaa Enyumma isaani maxxanse ture. Kana cinatti yeroo ummati of ittisaaf tarkanffi fudhatu polisoonni Oromiyaa maaliif of ittistan jechun tarkanffi waraanaa ummata Oromoo irratti fudhachu jabessani itti fufan. Haala belbela kana keessa mummichi ministera ABUT Hayilee Mariyaam Jijjigaa dhaqee waraanaa fi humna tikaa ABUT ummata Oromoo irratti dugugga sanyii geggessa jiru galateffate aferra godheefi wajjin sirbee akka  dhiichise videon warabmte marsaa saba-himaa Hawwasa irra naanna’a turte ragaa ga’adha. Milishootaa fi poliisoota Oromiyaa hidhanno  ummata Oromoof laatan  jedhani shakkan DHDUO adabaa, hiikkachisaa fi hojii irra ari’a jiran. Peresedantin DHDUO Lamma Magarsaa Dirre Dhawaa dhaqee ‘ kan dangaa Oromiyaa cabsee ummata Oromoo weerare shiiftoota Sumaaleeti’ jedhe bira darbu yaale. Garuu kan Oromiyaa weraree ummata Oromoo ajjesa jiru humna tikaa ABUT akka ta’e ragaan waraqaa enyumma isaani kan raayyaan ittisa kennef caalu hin jiru.

Tarsiimoon ABUT tumsa sab-bicuu tolfatani Oromiyaa weeraraniif: MPQMF haandhuura Oromiyaa kaasaani  Oromoo addan foxxoqsu waan dadhabanif karaa Bahaatin jalqabani. Kunis duubbee fi harkisoo Sumaaliyaa gudditti ijaaru keessatti hiddi isa gadi fagatea jira. Harra yeroo humni tikaa ABUT fi polisonni Sumaalee Oromiyaa weeraraani ummata Oromoo ajjesa, saamaa fi qe’ee isanirra godansisa jiran garaan Sumaaloota hedduun dhadhaa dhugaa jira. Erga weerarrri kun eegale deggersi isaani ABUT  tif godhan daraan dabalaa jira. Sababiin isaa waan isaan wagga afuurtama dura abjootani humna itti dhaban tolaan argacha jiru waan ta’ef. Harra Bahaa Oromiyaarra aanaan/Konyan shani oli bulchiinsa  Oromiyaa jala humnan dhuunfatamani alabaa Sumaaliyaatu irra dhaabbate jira. Ummatni lafa sanarra buqqa’e goodanees bakka garaagaraatti faca’a jira. Sumaalootni kun gaafa lafa/ naannoo tokko weeraran qaabenyaa ummatichi qabu dhaabbataa fi socha’a cufa irra saamaani ari’u, kaan immo ajjesu.  Akkuma kaleessaa ABO’n shiftoota Sumaaleetu hoggantota keenya ajjese jedhe harrallee DHDUO shiftoota Sumaaleetu lafa keenya weeraraa jira jedhu. Jecha wal-fakkatatu wagga afurtama booda jedhama jira. Garuu ilaalchii fi shirri Sumaaloota daraan dabalaa jira malee irra of qusacha ykn dogoggora isani irra barata hin jiran. Sababiin isaas waan kaleessa hojjetan sanaaf adaba isaanif malu waan hin argannef hojii sirri waan hojjetan itti fakkataa jira. Namni ykn dhaabni maaliif kana gootan jedhe gaafatama jala isaan galchuu hin argamne amma hammatti. Garuu guyya dha guyyatti humna isaan deggeru Sumaalootni argachaa jiru. Kana cinatti Waldaan Hawwasa Sumaalee biyya ala jiraan tokko ille gadi ba’ani dabaa fi weerara Sumaalootni biyyaa keessa godhan balaleffate amma ammatti hin argamne. Namni dhuunfaas ta’e Waldaan Hawwasa kun hojii dabati jedhu  ammatti hin mullatin jira jaarmiyaa siyasa Adda Bilisa Baasa biyyolessa Ogadeniyaa/BBO male. MPQMF inni dura yoo rarra’elle kaayyoon pilanichaa lubbu ummata Oromoo nyaacha fi dalagamaa jira. MPQMF handhuura Oromiyaatin jalqabe gufate rarra’ee jira garuu kaayyoon sagamticha kara Bahaa Oromiyaa mullinatti hojii jalqabera. Isa kara Bahaa kanatu immo isa giddulessarra irra hamaadha. Sababiin isaas duubbee siyasaa wagga afurtamaa fi humnoota amantaa fi gosumman ijaramantu duuba jira waan ta’ef. Akkasumas rakkolee godina Gaanfa Afirikaarra qalbi biyyota Dhihaa harkisaantu oolee bulee dhufu mala. Shirri ABUT kana dalaga jiranifis QBO bilisummaa irra gara qabsoo ittin Weyanen dalda siyasaa ittin duroomanitti maqsuuf fiigicharra jiru. Yoo kanatti milka’ani Bilisummaan Oromoo hafee jirenyii Oromoo gaaffi jala gala. Sana booda qabsoon Oromoo  ABUT qofa wajjin osoo hin addunyaa wajjin ta’uuf deema.

ABUT sana hankasuuf  QBO kaayyo dhalatef irra osoo hin maqin; dhibdee ABUT naannoo Oromiyaa Bahaatti uuma jiraanitti fulleffachurraa mootummichuma hundee dhan dhabamsiisuuf qabsoon akka haaratti tooftaa adda ta’een belbelu qabdi.  Ummatni Oromoos kan isa lola jiruu fi isa weerare qabenyaa isaa saame godansisa jiru ABUT ta’u beeke isa yeroo kami caalaa humna isa walitti fidee mootummaaa Weyane hundee dhan hurgufu danda’u qaba. Waanti ABUT gochaa jiran erga lama qaba:

1. Imala waggota digdamii shani dhawata dhawatan Oromoon gocha jiru irra rawwatani abdi kutachu isaaniti.

2. Qabsoo hidhanno daangaarran ol seenu  to’achu fi QBO  tumsa sab-bicu dhawachun hongessu, yoo dadhaban immo ummatni Oromoo baroota kamittille akka inni saboota impayeerichaa wajjin nagatti hin jirannef diinumma giddu buusu.  Kana lamanitti immo milka’a waan jiraan fakkata. Sab-bicuun harra ABUT wajjin ta’ani nu ajjesa, nuu saamaa fi nu godaansiisaa jiran yoo nuti dhifne ille waan godhan waan beekanif nun amanan. Kanarra waanti nuti hubachu qabnu ABUT akka salphatti angoo siyasaa gadi lakkisuuf hin ta’u. Ballessani baduf waan deema jiraan fakkata dhumni isaani. Badiin ABUT fiduu keessa ba’uun ille waggota dheera dhalootan lakka’amu fudhachu mala ta’a. Waanti isaan harra Gaanfa Afirikaa fi biyya keessatti sabootaa fi saboota giddutti gocha jiraan dhaamsa kana dabarsa jira.

Amalli ABUT rakko keessaa isaani fi biyya keessa yeroo mara rakkoo naannoo fi ollota ykn addunyatin furachu yaalu male kallattidhan lafa rakko sanatti hin bu’an. Kanaas dantaa isanirra ka’ani daldala siyasaa ittin geggeffachuuf godhu. Yeroo rakkon tokko isaan mudatu rakko bira isa fakkatu fi isarra gudda tokko uumani ittin rakko sana ukkamsa jiratu. Tooftaa fi tarsiimoo ABUT Bahaa Oromiyaatti lola kaasaa jiraanif

  1. Dhihenya kana Misiri fi Iran humna waraanaa isaani galaana Barbara irra qubsisu fi Saud Arabiyan immo Asab irra qubachu isanitif balaa itti dhufaa jiru of-duratti argun isaan hin oolle. Oromoo wajjin diina tarsiimoo ta’aniru waan ta’ef tumsa Sumaaloota barbaachaaf waan isaan haawwan tolatti guutaafi jiru.
  2. Tumsa ABO fi ABBO sab- cibuu wajjin bara 2015 tolfatan; Humnoota Tokkummaa Dimookiraasii fi Bilisummaa Sabootaa / HTDBS  sana gufachiisu fi
  3. Sochiin Misir, Eritiriyaa fi Sumaliyaa dabalate kara Bahaatin goodhan dandii ittin biyya keessa seenu akka hin argannef naannicha qulqulleessani to’achuuf.

Shirri isaan xaxaan kun immo walirra tuulame tuulame gaafa dhowu to’achuuf rakkoo mootummaa tokko ykn lama osoo hin taane kan  godinichaa ta’a. Kanaaf rakkoon akkasi akka hin dhooneef warri irra dantaa qaban rakkoo sana achumatti urursani raffiisuu yaalu.  ABUT kana waan hubatanif humnoota godinicharra dantaa qaban keessattu USA fi UK of-duubatti abdachaa lola kana kaasaa jiru. Kunis yeroo fi fira  ittin bitachu qofaaf yoo ta’e male fuurmata waaraa hin ta’u. Waggota digdami shaanan kana ABUT rakkoo wal-xaxaa godina kanatti cacalaqisu kanatti daraan fayyadamani daldala siyasaa kanaan humna isaanin olitti ittin duromaniru.Haxxuummani fi habshalumman kun garu lafa ga’ee dhaabbatu/dhowu qaba.

Wagga afurtaman kana rakkon qabatamaan saboota Gaanfa Afirikaa keessatti hojjetama dhufe  hidda gadi fageffachaa fi wal-xaxaa  jira. Akkuma oolee bubbuleen rakkorratti rakkoo biroon dhalataa deema. Osoo tokko jalaa hin furin kan biroon itti ida’ama  jira. Halli kun immo deeme deeme dhibdee keessa ba’u hin dandenyetti nu geessaa waan jiru fakkata.

Furmati kana cufa qabsoo dhaamaa ka’aa deemtu kanatti ummatni Oromoo xumura gochudha.  Rakkoon Gaanfa Afirikaa  wal xaxee walirratti ida’ama jiru kun Bilisummaa Oromoo qofaan furmata argata. Osoo Oromoon hin bilisoomin Nagaan waaraa fi dimookiraasiin Gaanfaa Afirikaas ta’ee impayeera Itiyoophiyaa kessatti hin dhalatu. Sababiin isaas sabni guddichii Gaanfa Afirikaaf nagaa fi dimookiraasii maddisisuu danda’utu Oromoo qofadha. ‘Oromorraa ba’a ulfataa fi gudda godina Gaanfa Afirikatuu jira’.  Jedhe Obbo Leencoo Lata. Ummatni Oromoo kana beeke akka saba gaafatama fi dirqama gudda qabutti ilaalchaa fi amala isa tolfate socho’u fi saboota cunquurfamoo godinicha of jalatti hirirsu qaba.

Waanti harra humnoonni Afaan Tigirinya  dubbatan Marab oli fi gadi gochuuf carraqaa jiraan gitaa fi mirga isaa hin qaban. Aadaa fi seenaan isaanis isaanif hin iyyamu. Aadaa dimookiraasii fi nagaa of keessattis ta’e ollota isaani wajjin qabatani waan  hin beeknef, hin qabnef. Ija keenyaan argaa akkuma jirru maddi rakkoo Gaanfa Afirikaa isaan kana lamani. Anatu sirra beeka lakki anatu sirraa gootaa fi anatu sirra duressaan wal-dorgoomu keessa nagaa godinicha booressani ofis nagaa dhabani yaaddoodhan guyya tokko yomuu fixan guyya bira simatu.

QBO marfama hamaa fi wal-xaxaa kana keessaa baatee of-dura furga’udhaf  qabsa’ooni Oromoo Afaan tokkicha dubbachu, hirira tokkicha seenuu fi kaayyodhan masakamun dirqama ta’a. Hawwasii Oromoo gosaa fi amantin  wal-qooduu fi ijaaramun balaa hamaa Oromoof ittin dhumatu ta’u isaa  beekani haal-duree tokko malee irraa dhaabbachu.  Dhaabbileen amantii, Hawwasaa, Afooshaa, wal-gargaarsaa, Sportii, Waldaa Qorannaa Oromoo/WQO, Waldaa aartiistoota Oromoo, Waldaa Maccaa fi Tuulamaa, Saba-himalee Oromoo, Waldaa Dubartoota Oromoo, Abboti qabeenyaa Oromoo fi gaazeexessitootaa ykn barressitooni Oromoo qabsa’ootaa fi jaarmiyaalee siyasaa Oromoo irratti dhiibbaa cimaa wal-irra hin cinne  gochudhan keessa mooraa QBO tasgabbessun of-dura furgasu qabna. Qabsa’a qabsa’aa biroo hamatu, jaarmiyaa jaarmiyaa birootti duulu, gosa ykn nama gosa  biroo jibbu fi amanti ykn nama amanti  kan namoota  biroo moggessuu balaaleeffachuu fi moggatti baasu qabna. Oromoon wal- malee fira tokkollee hin qabu.

Xumura

Sabootni Gaanfa Afirikaa walitti hidhaminsa seenaa, aadaa, amantii fi sanyumma walin qabu.Tessumni lafaa fi qubsumni saboota Gaanfa Afirikaa jabesse walitti isaan hidha. ABO’n jila marsa sadif 1975 ti kaase 1980 tti ummata Sumsalee wajjin wal-ta’iinsa rra ga’uuf ijjibatuyyu wareegama fi gaga’ama QBO yeroof of-duuba deebisen xumurame. Akeeki Sumalootni 1977 kaasani yeroo adda addaatti  Oromiyaa weeraranif daangaa biyya isani hamma laga Hawwasiti balliffachuf. Bara 2001 kaasee Gaanffi Afirikaa biyyota Dhihaa, Raashaa, Chayinaa fi Araba xiyyeffanna addatin harkiisaa jira. ABUT wal-dorgommi Gaanfa Afirikaa irratti godhamutti fayyadamun daldala siyasaa fi dinagdee humna isaani olitti ittin duromaa fi tumsa adda adda horacha jiru. Yaadni MPQMF mootummaa cee’umsaa keessatti yoo calqabeyyu tooftaa adda addaatin dhoksaatti hojjetama turun 2008 tti mullinatti hojjechuuf qophiin isaa jalqabame. Kaayyoo dhokataan MPQMF duuba jiru baayyinaa Oromoo fi ballina Oromiyaa sab-cuutti deebisudha. Weeraarri Sumaalee fi MPQMF ergamaa fi kaayyo tokkicha qaba. Kanaaf abba fi ilma ta’ani wal-tumsa jiru. Galii siyasaa ABUT lola amma Bahaa Oromiyaatti labsiterra argattu sochii QBO naannichatti ta’u galma isarra maqsu, maqaa goolessitumma itti moggasun daldala siyasaa Gaanfa Afirikaa irra argata jirtu ol dabachu fi  humnoota gaalana Barbara kan Misiri fi Iran to’achuf. Sumaalootni hawwi wagga afurtama humna itti dhaban tolatti kennaffi waan jiraanif ‘nuf tumsu; hojii basasaa galanarraa’ jedhani abdacha jiru ABUT. Humnoonni Afaan Tigirinya dubbatan Marab oli fi gadi humna fi gita ittin godina Gaanfa Afirikaa tasgabbessan hin qaban. Aadaa fi senaan isaanis isaanif hin iyyamu. Ummatni Oromoo gaafatamaa fi dandetti Gaanfa Afirikaa tasgabessu fi misoomsu waan qabuf amalaa fi ilaalcha isa tolfate saboota naannoo isa of jalatti hirirse qabsoo fininsuuf ba’aa guddatu tu irra jira. QBO marfama hama keessaa fi alaa wagga dhibbaa fi shantamaa oli keessa jirti. Kanaaf mooraa QBO tasggabbessuu fi of-dura furgasuuf hal-dureewwan adda adda Waldaalee garagaraatin guutamu qaba.

Bilisummaan Oromoo: nagaa waaraa fi dimookiraasii godina Gaanga Afirikaati. Abbaa Maccaa D. Sa’oo

Advertisements