Bilisummaa fi Tokkummaa

Bilisummaa fi Tokkummaa

Uummata tokko saba jechuu kan dandeessisu, afaan tokko, aaadaa tokko, dinagdee wal qabataa, yaadaa wal fakkataa fi dangaa biyyaa tokko qabaachuu dha. Uumatni Oromoo guddina hawwaasan saba tokkicha tahuun waan wal nuu gaafachiisu hin qabu. Yoo hiikaa sabaa irratti kan waliif gallu tahe Uummatni Oromoo saba  tokko tahuu kan  haaluu hin dandeenyu.

Sagalee tokkummaa jedhu qabatee dogongora heddutu deemaa jira. Ummatni Oromoo tokko tahuu qaba yoo jennu maal jechuu keenya?  Akka uummatni Oromoo lama sadii jiruu goone fudhachuu dhaan tokko tahu qaba jechuun sabni Oromm jira jennee isa fudhanne wajjin faaluu taha. Kanaafii  jecha keenya kana garaa uummataatti gototuu dhiifnee gara namoota dhuunfaa fi ijaarsoota deebisuu qabna.

Uummatni qabsoo bilisummaa oofaa jiru keessatti miti biyyoota bara dheeraa bilisummaa qabaatanii jiran keessatti yaada adda addaa qabaachuu irraa kan ka’e ijaarsa garaagaraa akka mul’atan ni aggarra. Ijaarsonni kun amma seera biyyaa sana wajjin faalaa hin taane nagaan taa’itaa mootummaa qabaachuu fi illee dorgomuu irraa kan isaa dhowwu hin jiru. Keessatti biyyoota Demokraasi Dhiyaa (Western Democracies) keessatti   soda tokko malee yaadaa ofii ibsachuun  rakkoo hin qabu. Biyyoota warra abbaa irreen (dictatorial) bulan keessatti yaada fi ijaarsa addaa qabaachuun rakkoo qaba.

Seenaa qabsoo bilisummaa ilmaan Oromoo dhuunfaanis tahee gurmuun amma yoo godhan seenaaf dhiisee gara haala har’a keessa jirruu deebi’uun fedha.  Qabsoon bilisummaa uummata Oromoo har’a guddatee diina kokee qabee jira. Bilisummaa galmaan gahuuf tokkummaan maa’ii murteessaa dha. Ijaarsota  siyaasaa karaa araaraa fi munguddummaa tokko gochuun yaadamuu yaada utuu hin jalqabiin kufee dha. Namoonni ijaarsa siyaasaa dhaabbatan ijaarsa jiru keessaas  foxxoqanii haa bahan ykn haaraa yoo ijaraman yaadaa qaban kan ijaarsa biraa adda tahuun ni mala. Yaadni isaanii bakka biraatti fudhatama hin qabu jedhanii yoo yaadan gahaa isaanii karaa isaan itti fakkaateen ijaaramanii qabsoo saba isaaniif  gomachuuf fedhii qabaatanii argamuun deegaramuu qaba. Hegree Oromiyaa keessatti gahaa isaanii raawwachuuf of qopheessuun hammeenya hin qabu. Warra adda bahee diinaaf hojjetuu fi diina wajjin dhaabbatu  irraa kan hafee ijaarsonni siyaasaa qabsoo saba isaanii gofachiisuuf hin ijaaraman.  Akkataa itti qabsoo saba isaanif gummaachan irratti dogongorri jiraachu danda’a.

Dogongorri yoo  jiraate karaa tokko duwwaa tahuu hin danda’u. Ijaarsi jaban warra xixxiqqaa tufattee yoo bakka dhowwatee, warri xixxiqaan isa guddaa irraatti mufatee sadarkaa jibinsaa irra yoo gahee wal abaaruu, maqaa wal xureessuu, fi yoo danda’ame wal dhabamsiisuuf yaaluun dogongora guddaa dha. Diina wajjin tahan wal rukkuchiisu fi wal balleessuuf haalli kun mijjawwaa dha. Qadiida Wandabee diina wajjin tahee Abbishee Garbaa  kan galaafachiise  haala amma hubannu kana wajjin wal  fakkaata  akka ture seenaa darbe irraa agarra. Diinni waloon qabnu kun garuu ayyaana yoo argate hunda keenya kan dhabamsiisu dha.

Ilmaan oromoo bifa kamiin iyyuu ijaaramuuf walabummaa qabaachuu qabu. Xinnaa fi guddaan oromoo biyyaa keessaa fi alaa jiru yoo ijaarame qabsoo bilisummaa saba Oromoo  gahaa guuddaa fida. Sabni amma kana baayyatu ijaarsa tokko jalatti ijaaramuun haalan jabaataa dha. Waldaa amantoota, ijaarsa  bartoota, oggeesotaa, dubartotaa, hojjetotaa fi qutatee bulaan yoo karaa danda’aniin ijaaraman  Qabsoo Bilisummaa Saba Oromoof gummaacha guddaa kennu.

Dhaaba  Siyaasaa Qabsoo Bilisummaaf godhamuu  fi dhaaba siyaasaa biyyaa nagaa keessatti  godhamu jidduu garaagarummaa guddaatu jira. Qabsoo keessatti  beela,  dheebuu,  wareegamuu fi harka diinatti kufanii dararamuutu jira. Haala kana keessatti wal hubachuu fi waliin hojjechuun salphaa miti. Haalli jiru haala du’aa fi jireenya waan taheef  warri haala kana irraa muxxannoo hin qabne homaa itti hin fakkaatu. Kanaafuu akkuma isaanitti mul’atutti yaroo qeeqanii fi ceephan dhageenya.

Karaa biraa immoo yoo ilaallee namoota waldaa tokko keessa ta’ee waliin Waaqefachuu dadhabu fi warra hawaasa tokko keessa tahe nagaa wal gaafachuu dadhabutu warra siyaasaa geessuu fi rakkina ifatti mulatu qabu kana walitti araarasuuf yaroo olii fi gad kaatan nama gadisiisa. Dhugaa yoom hubannee? Yoomis fudhannee kaayyoo ittiin bulmaataa godhannaa?  Kan nama biraa irratti agarruu maaliif of irratti hin agarru?

Ijaarsi siyaasaa akeeka,  kaayyoo, tooftaa fi tersimoo irratti hundaa’ee ijaarame qaba. Qabsoo keessatti warri akeeki, kaayyoo fi ilaachi isaanii wal fakkaachaa dhufe walitti baqaa deemu. Guddina sadarkaa qabsoon uummataa keessa jirutu haala kana mijjeessaa deema. Haala kana dhiibaan argmsiisuuf yaaluun bu’aa guddaa hin fidu.

Olitti bilisummaa galamaan gahuuf tokkummaan maa’ii murteessaa dha jedheen jira. Tokkummaa maa’ii  jedhee kan an hubadhuu fi fudhadhu  kan armaa gadii of keessaa qaba:

  • Diinni uummata Oromooisa duraa kan taate Mootummaa TPLF damabasuu Irratti haa xiyyeefannu
  • Ololaa fi arbsoo ijaarsaa fi nama Oromoo kam irratti tahu hattattamaan haa dhaabbatu
  • Waacha waliif dhaqanee walii haa gummachnu fi wal haa jajabeessinu
  • Waltajjii argamu maraa irratti argamanii karaa illee fi ilaameen karaa nagaa haa marihannu
  • Biyya alaa keessa warri jiru hojii deplomaasii fi hiriira nagaa bahuu irratti wal gargaaruu
  • Oromonni ala jiran qabsoo biyya keessa deemaa jiruuf karaa dandameen haa gumaachaan.

Waan ifa tahuu qabu tokko walaalummaan keenya diina keenyaaf gargaarsaa guddaa akka tahee jiru dha. Utuu nuyi balbala keenya cufannee  diinni dinqa keenya gallee waan nu borcuuf hin jiru. Oromiyaan kan hunduma keenyatti. Kan wal waakannu hin qabnu. Yoo tokkummaa maa’ii dhabnee fedhiin keenyaan injifannoo yaroof illee taatu diinaaf dabrsinee kennaa jirra. Kana dagachuu hin qabnu.

Uummatni Oromoo biyya keessa jiru tokkummaa maa’ii waan qabuuf diina holachisaa jira. Kanaafuu diinnni kun karaa adda addaan akka dhiigni ilmaa Oromoo dhangaluuf shira xaxxaa jirti. Namni baayyeen diaspora jiru  galee Oromiyaa keessa jiraachuuf illee fedha waan qabu  hin fakkaatu. Garuu cinqi uummatni keenya keessa jiru gabaabsuuf tokkummaan maa’ii hojiin agarsiisuun yaroon isa amma.

Injifannoo Ummata Oromoof!
Gadaan Gaddaa Bilisumaa ti! Damee Boruu irraa

Advertisements