1200px-Benishangul-Gumuz_in_Ethiopia.svg

Oroomoon naannoo bulchiinsa Beenshaangul jala jiran sababa Oromuummaa isaanii hidhamuun mana hidhaa maikelawii tti dararamaa jiru.

“Ergaan kun kan na qaqqabe Oromota matakka (naannoo Beenshaangul Gumuz) jiraatan irraadha. Rakkina isaan irra gahaa jiru akka sabni Oromoo bakka biraa jiru akka beekuuf dhaammatan waan ta’eef mee marsaa irratti baasaaf.” Abdii

Abdii Lammii irraa

Akkuma beekamu mootummaan wayyaanee biyyaa Itiyoophiyaa busha jedhu, uummata biyyittii  rakkina adda addaan miidhaa jiraachuun eenyu jalaa illee dhokataa miti. Keessumaa ammo Uummata Oromoo irratti dararaa inni waggaa 25 oliif gochaa ture, keessattuu waggoota lamaan darba kana fi eega oromiyaan  labsii atattaamaa jala galtee as Oromoon bakka kamuu jiru hidha fi ajjeechaa, dararaa kana hin jedhamne jala jira. Akkuma naannoo kamuu, Oroomoon naannoo bulchiinsa Beenshaangul jala jiran sababa Oromuummaa isaanii hidhamuun mana hidhaa maikelawii tti dararamaa jiru.  Isaan keessaas maanguddoon waggaa 70 ol akka keessan jiran illee jiru.  Oromota Matakka, bakkoota Wambaraa, Gaalessa jedhamuutii qabamanii dararaan kana hinjedhamne irrati raawwatamaa jiran keessaa:

  1. Habtaamuu Bayyanaa
  2. Kaffaaloo Nigaatuu Baddeessoo
  3. Dheeressaa Kabbadaa
  4. Bilisummaa Dhaabaa Taaddasaa
  5. Fiqiruu Zallaqaa Wirtuu
  6. Tasfaayee Abbabaa Gannatii
  7. Abdiisaa Dhinsaa
  8. Jabeessaa Akkumaa
  9. Hundasaa Hayiluu
  10. Fayyisaa Oljirraa
  11. Dhugaasaa Baqqalaa
  12. Waaqtolee Hayiluu Tufaa
  13. Qana’aa Hayiluu Tufaa
  14. Caalii Yaadataa Hayiluu
  15. Faqqadaa Taaddasaa Hayilyy

yoo ta’an ammaaf namoonni heddun ammo achibuuteen isaanii kan hinbeekamne jiru. Mootummaan wayyaanee waraana konkolaataa 6 itti bobbaasuun oroomota naannoo Beenshaangul keessa jiraatan sababa oroomummaa isaaniif jecha hedduu hiraarsaa jira. Kanaa, Uummanni Oromoo, rakkina nuti keessa jirru kana akka nuuf beekaniif, rakkina keenya illeehawwaasa addunyaaf akka nuu beeksisan dhaammanna.

Advertisements