SEENSA

Barruu kana keessatti seenaa, Finfinnee yaada baayyee gababdu irraa dubbadheen yaadan ka’efattin darba. Kun seensaaf seenaa, Finfinnee isin yaadachisuuf male seenaa, Finfinnee wali gala miti. Yoo seenaa, Finfinnee barressun jalqabame kitaaba gudda tokko ta’u danda’a. Tarii bar-tokko barreffamu mala. Amma garuu rakko siyaasaa fi dinagdee ishe hudhe irraan waa xiqqo dubbadha.

Finfinneen haandhura Oromiyaati. Bara 1886 ykn dhufaati ilman garbboomfattu; Miniliki dura SIRNA GADAA MACCAA FI TUULAAMA tin hogganama turte. Finfinneen wiirtuu Maccaa fi Tuulaamati. Akkasumas magalaa Gudditti Oromiyaati. Bakka harra masaraa biyyoleessa/galmii, Miniliki itti ijaarame ilmaan, Abisiniyaa bara dhufaa darbaa irra ta’ani impayeera Itiyoophiyaa afaan qawween tiksaan sun galmaa Abba Gadaa Tuufaa Muunaa ture. Warri, Abisiniyaa dha beelaa fi lolan biyya isanirraa godaanani dhufaan. Lolaa fi afaan qawween, Finfinnee dhuunfatan. Sababiin isaas humnoota biyyota alaatin lenji’ani, meeshaa jabanaa bara sana hidhachiifamani jaarmiyaa siyasaa fi amantiitiin ijaaramun hoggansaa fi hoggana wal-ta’a qaban. Sadarkaa sanatti, Oromoon sirna Gadaa yoo qabatellee haggansa, hogganaa fi jaarmiyaa wal-ta’aa, Oromoo guutuu hammatu dhabuun sababii dadhabina keessa qabu ture. Deggersa humnoota alagaa dhabunis shora olana qabaatera. Abbotin Gadaa Oromoo ballina lafaa fi lola guyya guyyaa irratti godhamurraan kanka’e sirna Gadaa fi bulchiinsaa gosaa gosaatti, Oromiyaa addan qoqqoaddatan. Kun immo kufaatii hamma harra, Oromoon keessaa dhidhitachaa jiruuf saaxile. Laalaa sana waan ofirra qabnuuf harra gosa, amantii fi naannoon ijaaramuun bu’a isarra balaa/gaga’ama isatu caala jenne ifatti dubbacha jirra. Qabsoo waggota shantamaan goonee kana keessattis kanumatu mirkana’e. Harralle sadarkaa Qabsoon Bilisummaa Oromoo/QBO galma ishetti dhi’acha jirtutti gosummaa fi naannumman of-duuba deebisa jira. Kufaati keenya kaleessaa of booda yommu millannu fi dadhabina keenya yommu qorannu gosummaa fi naannumman gufuu keessaa, Oromoo ture dha. Harraas dhibdeen guddaan keessa, Oromoo isuma kaleessa sana. Ilmaan garbbomffattu, Habashaa dadhabina keessa keenya kanattii daraan injifannoo gudda argatan. Harras rakko sana irra aanu dadhabne.

Miniliki Abba Gadaa Tufaa Muunaa afaan qawween akkuma injifateen, Oromoota; Abichuu fi Galaan ajjessu, harka muruu, jilba muruu, ciqilee muruu fi lafarra buqqisu hojii godhate. Lafa isaan irraa dhabamsiifaaman irra immo ilmaan, Abisiniyaa qubsiisu jalqabe. Kun Finfinnee qofaa osoo hin taane guutuu, Oromiyaa keessatti bifa wal-fakkataan itti fufe. Lafa Galmaa Abba Gadaa diiganitti galma mootummaa, bakka galma Qaalluu diiganitti immo mana sagadaa/ Bataskanaa ykn Orthodox dhaabbatan. Bataskanoonni, Finfinnee keessa jiraan heeddun isaani galma Qaalluu fi Odaa Oromoo irratti ijaaraman. Galmi bulchiisa mootummaa fi waajjiroonni dur-dur ijaamani immo Dirree Muudaa, Irrechaa, Gumiigayoo, galma Caffee fi galmaa Abba Gadaa irratti ijaaraman. Guutummaa impaayeeraa Itiyoophiyaa keessatti haluma wal-fakkataatu hojjetama ture/hojjetama jiras. Akka qoratootni seenaa bara Sanaa barreessanitti, Miniliki, Oromoo kitila shan fixe. Isaan keessa gosti, Oromoo Abbichuu fi Galaan warra gosti isaani dugugga sanyii, Oromoo sanan dhabame keessa warra gosti guutun dhabamedha.

Finfinneen 1886 tti, Minilikiin dhuunfatamte. Minilik gaara Inxooxxoorratti bataskaanaa fi galmaa mootumma ijarrate ture. Kan inni gaara Inxooxxoo filateefis tooftaa lolaaf daahanno fi teessuma mijataa waan qabuf. Saabaabiin isaas, Miniliki, Oromiyaa guutumman guutuutti hin dhuunfatin jira. Kanaaf Abboti Gadaa Oromoo wajjin lola dhawata geggessaa jira. Miniliki bulchiinsa siyaasaa hoggana haatii warraa isaa ,Xaayituu Butul immo Bataskanaa hogganti turte. Kanaaf lafa harkii, Minili ga’etti bataskanni, qeesonnii Abisiniyaa fi ilmaan Habashaa lafa qabatu. Kanaaf ilmaan Habashaa kuma dhibbotaan lakka’amantu, Finfinnee dabalate,Oromiyaa keessa qubsifame. Oromoon immo kitilaan biyyasarratti ajjeffame/ajjefama jiras.

Humnoonni fashisti,Xaaliyaani 5 Waxabajji 1836 tti Finfinnee dhuunfatan. Galmii Dhaabbata Tokkummaa Afirikaa/ DHTA ykn Organisation of Africa Unity /OAU’n 1963 keessa Finfinneetti hundeffame. Bara 2002 tti DHTA gara Tokkummaa Afirikaa/TA ykn African Union/AU tti jijjirame. Waal-ta’an hoggansa isaas, Finfinnee ta’e akka itti fufu murta’e. Yerooma wal-fakkataatti United Nations Economic Commission for Africa waal-ta’a hoggansa isaa, Finfinnee godhate. Akkasumas 1965 tti Finfinneen Council of the Oriental Orthodox Churches taate.

Akka lakkofsa ummata 2008 taasifametti ummata magalaa Finfinnee 3,384,569 tu lafa 5,165.1/km2 (13,378/sq mi) irra jirata.

Lakkofsi ummata magaala Finfinnee/MF keessaa baayyinni ummata Oromoo barabaraan gadi adeema. Kan ilmaan Habashaa immo guyya guyyaan dabala adeema. Kunis kaayyoo fi tarsiimoo dhan itti yaadame hojjetama jira. Kaayyon ani barru kana barressuuf ka’e enyutuu Finfinnee keessa qubatee jiraa fi Oromoon akkamittin ilalamaa ykn of ilalaa jira, Finfinnee keessatti yaada jedhurra ka’a. Kanaaf amma gara ijoo dubbin ka’ettan ce’a.

Heerri Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigirayii/ABUT dhimma afaan hojii MF hin dubbatu. Hata’u iyyu male MF afaan Amaraan hojjeta. Akka Heera ABUT “MF bakka teessoo mootummaa Federaalaa fi itti waamamni ishees mootummaa federalaaf” jedha. Akka bu’a qoranna obbo Milkeessaa Miidhagaa kora Hayyota Oromoo, Fulbaana 2016 Yunibeersiitii Finfinnee keessatti geggeffame irratti ibsetti “ummati Oromoo %19.51, ummati Amaraa %47, ummati Guraagee %16 Finfinnee keessa jiraata”. Baayyiinni ummata Oromoo Finfinnee keessa jiratu baayyina ummata, Jibutii fi Komoroo wajjin wal-qixa. Ummati Oromoo MF keessa jiratu bayyiinni isaa ummata Jibuutii fi Komoroo wajjin wal-qixa kun wagga 130, Finfinnen, Habashootaan dhuunfatamte keessatti mana baruumsaa tokko, gazeexaa fi barrulee gaggabdu tokkolle MF keessa hin qabu.

Magaalonni Oromiyaa keessa jiraan heedduun isaani bakka qubsuma waraana, Miniliki turan. Adeemsaa keessa ummati itti galuun maagala ta’e. Akka bu’a qoranna Ob.Milkeessaa tti “ baayyinni ummati Amaraa magaala Finfinnee 1910 keessa %20 gadi ture, baruma kana keessa ummati Oromoo MF keessa jirataa ture Afaan Amaraa hin beeku ture, 1958 keessa ummati Oromoo %18 titti gadi bu’e, 2007 tti ammoo %20 ta’e”. Adeemsii akkasi kun sirna siyaasaa gita bittu alagaa wajjin deema. Biyyota garbumma jala turaan keessatti gochi akkasi kun mullatera. Abban biyya dhabame ykn sab-bicuu ta’ee giti bittu immo humna murtessaa/balla ta’e jechudha. Harrralle waanti ABUT guutuu Oromiyaa keessatti lola kallatti hunduumaan ummata Oromoorratti adeemsiisaa jiraanif kaayyoon isaa kanuma.

Hubachisia: barruu koo kan Qabsoo Bilisummaa Oromoo fi Wal-xaxiinsaa Gaanfaa Afirikaa jedhu 4 bitootessaa 2017 marsaaritii Ayyantuu.net irratti maxxanfame irratti kaartaa asi gadii kana fayyadameen ture. Hata’uyyuu malee ergaa kaartaan kun dabarsituu dubbistootni waan hubataan natti hin fakkannef. Kanaaf akka armaan gadittin ibsa na caqasa.

Kaartaa tokkoffaa

Finfinnee
Kaartaa tokkoffaa. Magariisi akka ambeebatti gargar cicitte mullatu, Oromiyaa ABUT meeshaa cunquursaa Oromoo; Dhaabbata Dimookiraasii Ummata Oromoo /DHDUO tin bulchaa jiraanidha. Oromiyaan balloon gaanfa qabdu irratti sararaamtee jirtu immoo ishee ABO’n dhiigaan tarareedha. Ilmaan Abisiniyaa guutummaa impaayeericha keessa dhangala’aani dinaagdee biyyichaan duroomani jiru. Kana cinattii aadaan, Afaani fi seenaan isaani lellifamu bira taree saboonni kibbaa sadarkaa Afaani fi seenaa isaani moggatti dhiisaani Habashumma fudhatan bira ga’a jiru. Kanarra ka’uun, Itiyoophiyaan, Oromiyaa addan kutee impaayericha dhuunfate akka jiru kaartaan kun mullisa.

ABUT Oromiyaa yoo xiqqate bakka lamatti ciruu fi Oromoo sab-bicuu gochurratti halkaani fi guyya hojjecha jiru. Wagga shantama olif, Sumalootni, Sumaliyaa gudditti ijaaruuf qabsa’a jiru. Harra hoggansa wal-ta’aa tokko jalatti hogganamu yoo dadhabaan ille biyyi, Sumaliyaa fi Sumaleen addunyarratti beekamaniru. Biyyotini hallu diimaa dibamaan akka biyya Sumaliyaatti of beeku. Garuu gariin isaani, Itiyoophiyaa fi Kenya keessa jiratu. Mohammed Said Barren humna itti dhabe male bara 1977 tti, Sumaliyaa guddiitti kana ijaaruuf lola Baha Oromiyaarran jalqabe. Harras Lolli ABUT Baha Oromiyaarraan geggessa jiraanif duubbee siyaasaa sana qaba. Kanas taarsiimoo siyaasaa fi Oromoo sab-bicuu tti deebisuutu duuba jira. Akka bulchiisaa DHDUO harratti yoo Master pilani Qindawa Magaala Finfinnee/MPQMF dhugome Oromiyaan ishee magarisa sana taati. Ilmaan Abisiniyaa impayeericha keessatti saba guddaa/murteessaa ta’u. Gaafa sana yoo dimokiraasii dhan impaayericha bulchaan yaaddoo hin qaban. Sababiin isaas isaantu humna murtessa qaba waan ta’ef. Humnaan ukkamsaani barabaraan bitu akka hin dandenyee inuma beeku. Kanaaf dimookirasii dura waantii isaan gochuuf akekkataan impaayeericha keessatti dinagdee, aadaa, Afaan, sabummaa, amantii fi humna waraanan akka of-duuba hin deebinetti of ijaaruu fi Oromoo immo sab-bicuu fi lamsha’aa taasisudha. Amma karoora bara fagoo kana of-duratti egeree/ilmaan isaanif hojjecha jiru. Qabsa’onni ABUT ofi dullomaniru garuu waan hunduumaa ilmaan isaanifi fi dhalootaaf hojjecha jiru Yeroo hundumaa dhadannoon isaani ‘matakati’ jedha. Dadhannoon, Abbayi Walduu ummata Tigiraayif dhadate “hamma dhaloota saditti humni angoo siyaasaa nu harka fuudhu hin jiru” jedhe abdachiise Adollesaa 2016 tti.

Kaartaa lamaffaa


Kaarta lamaffaa. Kaartaa lamaffaa kanarratti dhaamsaan dabarfachuu barbaade akka kanatti fufe jiru ta’a. Wa’ee MPQMF armaan olitti ibseera. Ammo abjuu fi adeemsa Sumaliyaa guddiittin isinitti hima. Kaayyoo fi akeekii lola Sumaloota 1977 tti Baha Oroomiyaatti jalbee fi amma ABUT tin utubame adeemsifaama jiru barruu kiyya duraa irratti ibsera. Amma garuu, sumaliyaa guddiittin lafarratti yoo dhugoomtee maal akka inni, Oromiyaa fi Oromoo godhu isinitti mullisun carraqa. Lollii MPQMF fi Sumaliyaa guddiiti Oromoo irratti jalqabe akka jiru ijaa keenyaan arga jirra. Akka TVO DHUO hogganamu gabasettii “lolli kun jalqabe torbaan lama keessatti, Oromootaa kuma soddama/30,000 lafaa fi qe’ee isaanirra buqqise” jedha. Kun isa DHDUO amane gabase qofa. Akka OMN gabasetti immo “Oromoonni dhibba afuri/400 oli ajjefamaniru” jedha. Lolli kun akkuma itti fufeetti jira. Hata’uyyuu malee amma ammatti humni ykn mootumman maaliif kana gootu jedhe ABUT seeraanis ta’ee jaarsummadhan gafate hin jiru. Yaadumtissalle waan jiru natti hin fakkatu. Yeroo baayyee hayyoonni fi qabsa’onni, Oromoo “erga ABUT angoo siyaasaa irra kufee booda seeraan gaafanna” jedhu. Kun dubbi midhaan hin qabne dha. Erga kufeeti inniyyu kufe essaa ti? eenyuun eenyuun gaafattaa?. Ammoo erga kufee gaafachuun bu’aan isa maali?. Silallee harra akka inni darbee hojicha itti hin fufnef naasiisuufis ta’e adabuuf yeroo sirrin amma. Waldaan Abboti Seeraa Oromoo Hagayya 2016 tti ABUT kufuutif kerkera jira kanaaf angoo siyaasaa fi bulchiinsa biyyatti irratti maariyanna jedhe jaarmiyaalee siyaasaa fi waldalee Hawwasaa fi amantii Oromoo, London, Biritaniyaatti waame ture. Isa duras ta’e isa booda garuu achii buuteen isaani hin bekamu. Nama dhuunfaati kaasee hanga jaarmiyaa siyaasaa biyya alaa fi saba-himatti cuftinu yeroo sochiin tokko biyya keessa dhowu angoo siyaasaa qooddachuu fi wal-ta’iinsa/tokkummaa Oromoo irratti hojjechuuf dammaqu. Isa duras ta’e isa booda immo QBO hin yaadatan. Adda Bilisummaa Oromoo/ABO fi hoggana isarratti dhaaga holola darbatu. Namoonni gariin ABO fi hoggana isa hamachuu fi abaruu hojii qabsoo godhataniru. “Namoonni of keessaa miya’a ykn waan gaarii hin qabne yoo nama biroo hadheessan waan miya’an of see’u” jedhe obbo Leencoo Lataa. Gababaatti yoo, Sumaliyaa guddiittii fi MPQMF milka’ee, Oromiyaan ishe magariisa Dhiha fi Kibba sana qofa taati. Oromiyaa ABO’n dhiigaa fi lafee qabsa’oota, Oromoon taararee sun lafee/skeleton qofa taati. Dimshashumatti kaartaa kana lamaan iarratti waantin jechu barbaade kanuma.

FINFINNEE HARRAA

Akka bu’a qoranna Ob. Milkeessaa tti 1997 tti gandoota baadiyaa 23 tu bulchiinsa MF jala gale. Ummataa gandoota kana keessa jiraatan keessa %70 ol, Oromoodha. Gaafa gandoota baadiyaa 23 bulchiinsa MF jala galchaan dhimmotni aadaa, afaanii, mana baruumsaa, enyuumma fi buufata fayya/hospitala tokko ille ilaalcha keessa hin galle. Bara 2003 tti immo sunu hafe bulchiinsa gandoota baadiyaa fi lafaa naannoo sana akkuma jirutti dhunfatan. MPQMF maqaa ittin wali gala giddugalessa, Oromiyaa seeraan dhuunfatan male bulchiinsii fi ummati, Oromoo naannoo sanarra buqqifamera. Kaan immo ammayyuu buqqifama jira. Dhugaa lafarra jiru yoo ilalle bulchiinsii MF daangaan isaa asi ykn achi waanti jedhamee beekamu hin jiru. Yo kara Baha ilalle hamma Bushooftu ga’utti, Finfinneen ballatera. Kanaa immo ummatatu irra qubate jira osoo hin taane, lafa gudda investeroota, Tigireetu diilloo itti ijarratte jira hamma, Adaama ga’utti. Kara Kaabatiin yoo ilaalle bulchiinsii MF, Kotobeetii kaase, Walloo fi Tigirayitti geesurran daangaa hin qabu. Kara Dirre Xiyaraa; Boolerraan yoo caqsne bulchiinsii MF gandootaa baadiyaa keessa darbe, Tulluu Diimtuu ga’e Yerar/Garjiiitti deebi’a. Karaa, Sulultaan immo, Suluulta darbee laftii heedduun dhuunfatamera. Karaa Dhihaatiin immo, Burayyu darbee, Holoota darbeera. Lafti kun cufti 1997 kaasee maqaa investment; daraaraa omishuu, warshaa dhaabuu, gumurukii fi kk fadhaan samame. Yeroo sanatti qotee bulaan naannoo sanaa mormuuf yaale ture. Garuu deggersa ykn sagalee dhabe faca’e. Barataan ture bara sana nan yaadadha baratootni, Hamboo fi Calliyyaa, Mandii fi Dambii Dollotti mormi jalqabani turan. Garuu humni waraana guddan itti gadi dhiifame torbaan tokko kan hin calle keessatti ukkamsani. Dammaqinsii ummata Oromoos sadarkaa harra kanarra hin geenye ture. Harra lafa bara sana saaman seera qabeessaan itti fayyadamuu irratti ABUT nu fixa jira.

Akka qorannaa Ob.Milkeessatti “MF keessa olma da’immani kuma tokko/1000 ol, mana barumsaa sadarkaa tokkoffa dhibba saddetti/800 ol, mana barumsa sadarkaa lamaffaa dhibba lamaa/200 fi qopha’inaa dhibba fi kudhan/110 jira”. Kana kessaa manni barumsaa Afaan Oromoo hin jiru. Gaafa gandota baadiyaa digdami sadi/23 ofitti dabalaan sana mana baruumsaa, buufata fayyaa fi tajaajila bu’aralee hawwasaa adda addaa wajjin dhuunfatan. Sun cuftinu Amariffatti jijjirrame jechudha. Akka bu’a qoranna biiroo barnoota MF baasetti “mana baruumsaa konyaa, Gullallee, Aqaaqii, Yakkaa, Kolfee, Boolee fi Qallittii keessatti Afaan ittin barsiifamuu Afaan dubbatamu gadi waan ta’ee fi barsiisoonnii fi baratootni wal-hubachu dadhabani jedhe” ture. Ta’us furmati hin laatamin hafe.Akka bu’a qoranna ob. Milkeessatti ammoo “mannen barnoota, Oromiyaa keessa jiraan %8.5 Afaan Amaraatin barsiisu”. Yeroo Fincilli Xumura Garbumma/FXG, Burayyuu keessatti geggeffama ture ABUT saboota Afaan Amaraa dubbatani mana baruumsaa as jiruu kana ijoollee keessanif Afaan Amaratti jijjirra jedhe gowomsa ture.

MF keessaa Raadiyoonii FM kudhan/10 tu jira. Ja’a/6 kan dhuunfaati. Afur/4 immo kan mootummati. Gazeexaa kudha torbaa/17 fi magazinii digdamii tokko/21 tu MF keessa dalagaa jira. Hata’uyyu malee, Afaan Oromoon kan dalaguu tokkolle hin jiru. Saba-himaaleen kun cufti QBO irraa yaaddoo fi sodaa waan qabaniif aadaa, seenaa, Afaani fi enyummaa, Oromoo dhabamsiisutu dalagalee isaani duubaan calaqqisa. Innis mirga bicuu heerrii federeala, Oromoof kennulle hin kabajan. Inumayyu faallaa isaa yeroo isaan hojjetan arga jirra. Gariin saba-hima maqaa dhuunfaan ijaaraman kana harkaa duubaan ABUT hoggana. Kanaaf holola isaani ittin geggeffatu. Fkn FM Zamin kan qoondaala ABUT; Mimmi Sibaatuu ti.

Qabsa’oonni, Oromoo gameyyin 1960 keessaa jalqabani QBO bu’uressuu fi qooda irra fudhachaa turan. Harra ijoolleeni fi akakayyuun isaani Afaan Oromoo hin beekan. Qabsoo abban isaani fi akakayyuun isaani itti dhiigaa turan beekuun hafnaan Afaan Oromoo hin beekan. Yeroon mana baruumsa ture ijoollee dhiigaan, Oromoo ta’ani garuu aadaa, seenaa, Afaani fi enyummaa, Oromoo hin beekne heeddun arge. Irra heeddun isaani maatiin isaani qabsa’oota turan. Keessattu bu’uressitootaa fi hoggantoota Maccaa fi Tuulaama akkasumas ABOti. Kana yeroon jedhu maatii qabsa’oota biyya Hambaatti dhalatani guddatan dabalate. Akkan MF keessatti hubadhetti namoonni akkasi kun immo QBO akkuma alagaan ilaluutti ilaalu. Waanti nuti harra dhiigaa fi jirru kun dhalootatti hin darbu yoo ta’e gatii hin qabu. Namootni tokko tokko akkas jedhu “akakayyuun koo, Oromoo dha garuu, ani Afaan Oromoo hin beeku”. Kaan immo akkas jedhu “maatiin koo Oromoo dha garuu, anii Afaan Oromoo hin beeku” jedhu. Jechoonni kun warra, Oromoo facasuuf irratti hojjeta jiru heddu gargaraa jira. Isaanis akkasuma jecha nu seenaa jiru.

6 Hagayya 2016 gaafa Hirira guddicha magaaloota dhibba lama/200 keessatti hirirtootni ba’ani sagalee isanai dhagessiffachaa fi wareegama turan. MF keessattis iyyama ABUT malee yeroo duraatif hirirri geggeffame ture. Sochi FXG geggeffame keessa inni MF adda ture. Sababiin isaas humnaa tikaa fi poolisii caalaa kan hirirtoota karaa dhowatee konkolaachiiftoota MF ti. Yommu hiriirtootni wal-ga’u jalqabani kaasani konkoolachiiftooni daandii cufaani xurrunbaa ittin korii kararraa ari’aani afuufuu jalqaban. Sana boodaa daandii dhorkatan. Hirirtootni dhibba saddetti/800 ganama sa’a 7:00 dura Hulluqa Kormaa ga’an. Daandii konkoolachiiftootni waan dhorkatanif dandii miillaan namni lama irra deemurratti hirirani sagalee mormii isaani dhaggesisuu jalqaban. Battalumatti hirirtoota dandii qallo dheeraarraa faca’ani jiraan, Agaziin tokko tokkon isaan to’ate. Waan nama aja’ibu immo yommuu, Agaziin dhukasaa fi reebicha jalqabu danidiin sila cufaame xurrunbaan iyyisifamu tokko utuu hin hafiin naannoo sana baallee baasee waan barrise fakkata. Tarii konkaalaachiiftootni suniyyu humna tikaa ABUT ta’u malu. Garuu akka sochii gaafa sanatti utuu hirirrii sun cimee itti fufe ta’e, hirirri sana mormu biroon waan qopha’a ture natti fakkata. Hirirtootni gaafa sana qabamani reebamani fi hidhaman akka natti himaanitti “mana namoota dhuunfaa Afaan Tigirinya dubbatani keessatti, namoota uffata sivil uffatantu nu reebee” naan jedhani. Namni “guyya sadiin magazina nama dhuunfaa keessatti hidhamen reebame” nan jedhes jira.

BOOLEE, LAAFTOO FI QOSHEE

Bara 2015 keessa saamicha lafaa gandaa qotee bulaa Boolee Bulbularratti bifa addaa/ humnaa waraanaa fi tikaan ABUT tin jalqabe. Ganda qotee bulaa,Warra Gannuu keessatti mannen jiraatoota heddu diiguun namoota gariin ajjessani, gariin immo madessani, kaan immo hidhan. Utuu baayyee hin turiin, Oromoota ,Boolee Bulbulaa keessaa afoosha qabani namoota soddomi sadi/33 afoosharra qabani akkuma jiranitti mana hidhatti darbani. Ajjechaa Warra Gannu tti ABUT rawwateen wal-qabate sochiin MF keessatti dho’uuf kaanan yeroof dhaabani turani. Guyyota murasa booda immoo Laftootti humna tikaa isanitin lolan/humnan mana jiratootaa diiguu fi ajjessu jalqaban. Asittis mormii fi dura dhaabbanna gudda isaan hin egnetu isaan mudate. Humnoonni tikaa fi ajajoonni isaani isaani irra ajjeffaman. Namoonni heddunis wareegaman. Bulchaan Konya, Laaftoo fi ajajaan polisii aanaa sana irra ajjeffame. Saba-himaleen garagaraas gabasan. Kanaaf ammas utuu hin jaallatani of-booda deebi’an. Hata’uyyu malee manoonnii diigamani fi namoonni ajjeffaman akkuma sanatti hafan. Yeroon kun yeroo FXG, Oromiyaa keessa belbela jiru waan ta’eef ABUT heddu rifatani turan. Sababiin isaa QBO Shaggar seennan isaanif akka dhumate beeku. Lafoota irratti waranni geggeffamu kun immo investeeroota biyya keessaa fi alatti dursee gurgeramera. Kanaaf muddama jiran. Bitootessaa 2017 tti ammo gandaa “Qoshee” jedhamu keessatti sochiin adda dhaga’ame. Lafatu sigigate namoota dhibbaa fi afurtama/140 nyaate. Saba-himan ABUT dursee taatee sana lafa kosiin itti gatametu sigigate jedhe gabase. Kanaaf saba-himaleen cuftinu lafa kosiin itti gatametu sigigate jedhani gabasan. Garuu dhugaan jiru utuu laftichi hin sigigaatin dura laftichi gurgrame ture. Ummata laficharra jiratuunis irra ka’a jedhame qajeelfami kenname ture. Ummatichi lafa dhaquu waan hin qabneef callisema ta’a ture. Battala isaan hin yaadinitti balaan kun irra ga’e lubbun namoota sana darbe. Doozeeriin reeffaa namoota barbaaduu mana namoota sanas diigaa deema. Akkataa itti ABUT itti dubbicha afarsuu barbaaduus waan duubaan harka keessa qabu fakkata. Guyya tokko boooda baratoota, Yunibeersitiin gargarsa namooma godha jechuni fi Alamuddin saba-hima ABUT gadi ba’e kitila afurtama/K 40 kenna jechun sun na shakkisise. Balaa sana booda namoota naanno sanatti hafaan godansisaan. Silaas kan barbaadaama jiru laficha waan ta’ef.

Muxannoo wagga 26 ABUT irra arga jirurra enyunu hata’u dantaa isanif jecha ajjesuuf garaan isaani hin seesu. Gaafa galma, Miniliki seenan angoo irrati qabsa’ootaa fi hoggantootni gameyyin meeqaa akka wal-fixaan mudanno dhiho Ayyalomfa qabna. WAREEGAMTOOTNI IRRECHAA IMMOO BARABARAAN YAADATAMU. Ani dhumaati namoota dhibba fi afurtama/140 qoshee sana keessa ABUT harka qaba jedhen amana. Kanaaf dhumaati fi balaa sana cufaaf ABUT itti gaafatama.

MAQAA GANDOOTA FINFINNEE

Bara 1970 moota keessa gaafa QBO eegaltu, isa jalqaba qabsa’onni maqaa isaani jijjirratan. Fkn Yohannis= Leencoo, Abdur Karim= Jaarraa tti jijjirratan. Qabsa’onni maqaa Amaraa, Arabaa, Israa’eel qabaata turaan cufti maqaa Oromootti jijjirratan. Sana booda maqaa lafa Oromoo, maqaa Oromootti deebisan. Fkn Addis Abeba= Finfinnee, Asebe Tefer = Ciroo fi kkf dha. Battaluma sanatti qubee Saaba/Amaraa dhiisaani Qubee Afaan Oromoo Afaan hojii jaarmiyaa, barnootaa godhatan. Osoo akaksitti QBO belbela jirtu 1991 jijjiramni ta’e. Sana booda Heeraa fi Mootumman duraan ture jijjirame. Hata’uyyu malee heeraanis ta’e labsii dhan hagganni ykn mootumman maqaa MF deebisee ykn moggase hin jiru. Garuu ummati Oromoo sagalee tokkon wal-ta’ee Addis Abeba lagate. Finfinnee jedhe waan waamef harra alagaanis, Finfinnee jedhe waama. Akkuma kana maqaa gandoota, Finfinnee keessa yoo maqaa Oromoon itti moggafaten sagalee tokkon wal-taane waamu jalqabne gaaf-tokko alagaanis utuu hin jaallatin fudhachu mala. Isa jalqaba garuu osoo nama bira hin dirqisisiin ofirra ha jalqabnu. Lagadhu/didii maqaa alagaan gandoota, Finfinneef moggase.

1. Adaamii………………………………………….Semen mezegaja, semen hotel
2. Agamsa………………………………………….Anuarmesgidi,Merkato
3. Alloo riqichaa…………………………………Ingiliz embassy
4. Awwaroo………………………………………..Aware
5. Baabuu…………………………………………..Addisu Kera
6. Baddaa Ejersaa………………………………..Res Kesa –sefer
7. Birbirsa gooroo…………………………………Georgis, Piasa
8. Burqaa……………………………………………Yeka Mikael
9. Caffee Araraa……………………………………..Yeketet 12
10. Caffee muudaa…………………………………..Lideta
11. Caffee Tumaa……………………………………..Sidist kilo
12. Calcallii………………………………………..Sar bet
13. Laga Harree…………………………………… ..Lagahar
14. Caffee annani…………………………………….Meksiko
15. Daalattii ……………………………………….Aret-kilo
16. Dabbasoo…………………………………………Goteraa, Wallo sefer
17. Dachee Gorbaa…………………………………….Addis-ketema
18. Dhummugaa………………………………………..Ginfille
19. Didimtuu…………………………………………Shehojale
20. Dolloo buddenaa…………………………………..Bekilobet
21. Dooqaa Booraa…………………………………….Hayahulet
22. Fichee…………………………………………..Talian-mishig
23. Garbii…………………………………………..Sengatera,ambeta,mekelakia
24. Golboo…………………………………………..Gofa, Kera
25. Haadaa ammaa……………………………………..Tele,Geraji,cerqos
26. Harawwaa…………………………………………Kacha fabirika
27. Harbuu…………………………………………..Shola
28. Heexoo…………………………………………..Behita
29. Hulluqa Kormaa……………………………………Ras Birru Sefer, mesqel adde bebah
30. Hurrumaa…………………………………………Ferensahi/France
31. Hurufa Bombii…………………………………….Jenmeda
32. Hurufaa Raaree………………………………….. Ras Geneme sefer, Addisu Mikael
33. Jaajjaa…………………………………………………..Bihere-tsige
34. Kormaa ykn Raaroo…………………………………Res Tesema sefer,tikur anbesa,immigration
35. Labuu………………………………………….. siga meda, tataki
36. Laftoo…………………………………………. Bunna bordi
37. Lumee……………………………………………Yosef sefer/Yosef betekiristian
38. Madaaroo…………………………………………Ayer tena
39. Malkaa Ooboshee ………………………………… Bambis
40. Mardee…………………………………………..Aroge ayar marefia
41. Muujjaa………………………………………….Shiro-meda
42. Qaalee…………………………………………..Asko
43. Qarsaa…………………………………………..Shereten, Hilten, Xiyibet
44. Qirxii…………………………………………..Belah Zeleke-menged
45. Sammu gulaalaa……………………………………Meta daricha
46. Sokoorruu………………………………………..Meselemia,Amanuel,koasmeda
47. Sulula Garbii…………………………………….Tekileheyimenot
48. Tulluu Daalattii………………………………….Aret kilo betemengist
49. Tulluu dheertuu…………………………………..Gofa betemengist
50. Tulluu ejersaa……………………………………Hana Mariam
51. Waayyuu………………………………………….Kechene-medenialem
52. Waddessaa………………………………………..Cherchir godena

FINFINNEE 1974 BOODA

Bara 1974 booda adeemsi siyaasaa impayeera Itiyoophiyaa hundee dhan jijjirame. Abban lafummaa fi sanyalumma, Amaraa mormii guddatu mudate. Kanaaf sabummaan adda adda baba’ame ijaramun jalqabe. Sana booda siyaaasaa sabumma irratti hunda’etu beekamti argate/fudhatame. Sadarkaa kanatti saboonnii fi ummatootni maagaala joonji siyasaan rukutaman. Sababiin isaas jiraatootni magaala sabumma tokko hin qaban. Gariin isaani haadhan saba bira, abban saba bira irra dhalatan. Kaan immo haadha mana ykn abba manatiin saba biradha. Kanaaf siyaasaa sabumma irratti hunda’e fudhachun waan isaan diiguuf sabumma caalaa biyya lellisutti fulleffatan. Gochii akkasi hedduminan magaalotta, Oromiyaa keessa jiraan keessatti mullata. Magaaalonni, Amaraa fi Tigirayi keessa jiraan rakko kana hin qaban. Magaalotni, Amaraa keessa jiran, Amaraa dha. Kan Tigirayis ,Tigireedha. Oromiyaan garuu sabootaa fi ummatoota, Oromoo hin taaneetu dhuunfate jira.

Finfinneen uumama isheetin lafa dhaloota, Oromoo yoo taate ille harra garuu ummatootni keessa jirataan saboota biroodha. Oromoon MF keessatti sab-bicuu fi iyyessa ta’e jira. Oromoon qe’ee isaa irratti iyyessaa fi alagaa ta’e bulaa jira. Alagaan, Finfinnee keessatti duroomee, abba biyya of godhe bulaa jira. Oromoon MF keessatti shakkamaa fi sodaatama jirata. Finfinneen haandhuura, Oromiyaa taatee garuu saboonni ishee keessa jiratan, Oromoorraa soda fi yaaddoo qabu. Kanaaf gaafa QBO finintu jaraatootni MF yaaddootu isan qabata. Callisani osoo hin taane muxaanno irra ka’an qabu. Innis: Addi Bilisa Baasa Ummata Eritiriyaa/ABUE gaafa guutummaa, Eritiriyaa dhuunfate ummatoota, Asmaraa keessa jirata turan kuma jaataama/60,000, Tigiraayi keessatti akka koositti dhangalaasan. Beleshangul ummata Oromoo Asoosaa keessa jiratu konkoolaata biyyoo guuruun akka biyyootti, Mandii fi Begiirratti dhangalaafte. Jiraatootni MF sodaa kana waan qaban natti fakkata. Heeddun isaani ilmaan nafxanyootaa waan ta’anif jibbinsa, Oromoos qabu. Kanaaf dhaabota maqaa tokkumma, Itiyoophiyaan ijaaraman humna isaani guutu deggeru. QBO ykn ABO immoo akka diinaa isaanitti ilaalu. Halli kun immo ABUT daraan fayyadera. Dhugaa dubbachuuf jiraatootni MF ABUT gararra jibbu. Garuu dhaaba itti chichani/amanani deggeraan immo hin qaban. Qabsooni fi jaarmiyaaleen biyyatti keessa jiran tumsa fi deggersaa ummata magaala hin argatin jiru ammalle.

Bara 1974 as jiraatootni magaalaa jaarmiyaa siyaasaa cimaa deggeran hin arganne. ABUT 2005 dura xiyyeffanna isaani jiraatoota magaalaa fi saboota wal-makaa irra ture. DHDUO bu’a tooftaa qabsoo sanati. 2005 asi garuu xiyyeffannan ABUT jiraatoota baadiyaa giddu galeffate socho’a jira. Dhaabonni maqaa tokkumma, Itiyoophiyaan qabsa’aan immoo ABUT faana deemu. 2005 dura akkuma ABUT xiyyeffannan isaani jiraatoota magaala ture, isa asi immo jiratoota baadiyaa giddu galeffatan. Fkn qabsoo Kaaba Itiyoophiyaa; Amaraa fi Wal-qayiti fakkenya ga’adha.

QBO’n gaafa jalqabes ilmaan qotee bulaa qaroodhan MF keessatti 1973 hanga 1976 tti socho’a ture. Bara 1976 hnaga 1991 immo Gobollee fi Yaabus keessa nanna’a ture. Bara 1991 immo, Finfinneetti ol deebite. Bara 1992 biyya hambaatti gadi ba’e. Bara 1993 booda bu’uressitooni fi hoggantootni muraatoo fi jajjabon dhugaatti qabsichaaf mana ba’an ni wareegaman. Qabsa’onni qubaan lakka’aman qabsicha dandamachiisuuf biyyota ollaa keessatti dhamati guddadhan qabsicha deebisaani gadi dhaabun biyyatti ol deebisuuf ijjibatan. Sadarkaa kanatti ABUT heddu of ijaare, biyyota dhihas firoomfate. Waraannii fi humni tikaa isaani biyyota Dhihaan leenjii fi hidhanno humna isaani olitti argatan. Kanaaf qabsa’onni, Oromoo dura dhaabbachuuf duubbees waan hin qabneef marfama hamaa keessatti hadhaa qabsoo dhandhaman. Kana keessatti hoggantootni fi ajaajootni heeddun wareegaman. Kana cinatti diigamsi keessaa fi foxxoqinsi isaan mudate. Hamma harratti diigamsii fi foxxoqiinsii akkuma itti fufeetti jira. Sadaarkaa kanatti qabsoo qara lama ykn sadii kan marfama keessatu geggeffama jira. Kanaaf 1992 booda QBO fi MF deebi’ani wal-argachu hanqatan. Jiraatootni MF fi QBO halaalatti oduu/ maqaa dhan malee wal-hin barin jiru. Qabsoon biyyatti keessatti geggeffamu immo deggersa jiraatoota Magaala argate male milka’u hin danda’u. Bara 1991 dura qabsoon hidhanno milkii fi deggersaa jabaa qaba ture. Kanaaf deggersa jiratoota baadiyaatin galma ga’e. Qabsoo hidhanno keessatti sagalee murteessa kan qabu jiraatoota baadiyaa ture. Qabsoo jaarraa 21ffaa keessatti immo murteessan jiraatoota maagalaati . Kanaaf QBO wagga tokkof utuu wal-irra hin citiin deemte deemte, Sabbataa, Burayyuu, Suluultaa, Galaan, Sandafaa, Laga Xaafoo geessee of-irra deebite. Akka wareegaama, gootummaa fi cichoominaan belbela turten, Finfinnee ol seente ta’e dhumate ture.

Gaafa QBO, Finfinnee marsite mootummoonni Gaanfa Afirikaa heeddu rifatan. Sababiin isaas seenaa haaratu Afirikaa keessa jalqaba jira. Afirikaa keessatti abbaa Irree fi Garbomfataan hidhanno malee kufaani hin beekan. QBO’n ABUT Gaanfa Afirikaa sodaa fi yaaddoo tokko malee to’ate jiru lafaan ga’uuf raasuu isa yommuu argan.

  1. Albashir; mootummaan Sudaan Kaabaa hidhamtoota siyasaa biyya isa keessa jiran cufa akka gadi lakkisu waada seene
  2. Salbakir; mootumman Sudaan Kibbaa mormitoota isaa wajjin ararame
  3. Sumaliyaan nama mootummaa nuuf ta’a jedhan filatan, nama ABUT barbaadu didan

Museevini; mootumman Ugandaa yaaddoon lafa qaqqabu egale
Saba himaan biyyota Dhiha QBO dhaga’u hin feene akka CNN, Bloomberg,China fi kkf gabasuu egaalan
Mootummoonni Dhiha wagga 30 kadhatamani sagalee, Oromoo dhaga’u didaani balbala banana simachu egalan

Halli kun kan nutti agarsiisu QBO galma mootumma/ MF tti dhi’achu isheeti. Waggota dheeraaf baadiyaa keessa gaafa isheen turte namni gurra kennef hin turre. Oromoon dhaga’u hin feeneyyu heeddutu ture. Anga’oonni DHDUO fi qoondaaltootni ABUT tokko tokko dhiifama gaafachuu fi gaabbuu egaalan. Qabsa’onni Oromoo gameyyin abdii kutaatani manatti gagalani turaanis mana gadi baba’u itti fufan. ABUT waan takka godhee fi yaadee hin beekne ifatti/mullinatti seeraan waraana ummatarratti labse. Labsiin sun immo enyummaa isani isaan of- keessatti dhokfatani raroo hoolaa uffatani biyyota Dhihaa gowomsa turan bineensumma isaani saaxile. Kanaaf akka dura jaalala fi amantii mootummota anga’oota Dhiha biratti qaban harra hin qaban. Kun cuftinu jiraatootni magaala sagalee fi humna murteessa qabachu isaniti. Sababiin isaa addunyaan harra addunya odeffannoti. Odeffaano dabarsuu fi fudhachuuf carra gudda kan qabu immo jiraatoota magaalati. Odeefaannoon harra akka rasaasaati. Kanaaf ABUT rukutta odeefannotin jonja’e. MF magaala guddiitti Afirikaa, bakka iddo bu’onni biyyota Gamtoman/ BG ykn UN jiru, Saba-himaan biyyota Dhiha jiru, Dipilomastotni fi ummatootni biyyota alaa jiraan waan ta’eef sagalee fi dhageetti gudda qaba. ABUT wagga 26 QBO baadiyaa fi biyya ollatti ukkamsa turulle amma garuu Finfinneetti marsitetti.

QBO FINFINNEE SEENSISU

Akka furmaatatti kanan heeru QBO Finfinneetti ol-galchu dha. Kunis kan ta’u malu tooftaa fi tarsiimoo qabsoo fi yeroon gaafattun masakamu ta’a. Kanaas akkas ta’u qaba ykn kanatu gaarii dha jedhe gabaa kana keessatti akkan dubbadhuf narra hin egdan jedhen abdadha. Hata’u iyyu malee amman booda jiraatoota magaala irratti xiyyeffachun dirqama ta’a. Kana yeroon jedhu jiraatootni baadiyaa hin fayyadan jechu akka hin taane isinif gala jedheen yaada. Qabsoon amantii, kutaa, gosaa, korniyaa hunda hin hiramchiifne tuulla cidii dha. Hammam guddatu ille bu’a hin qabu. Tooftaa fi tarsiimoo jiraatootni magaala, Oromiyaa fi kan biroo itti QBO deggeran mala dha’un barbaachisa natti fakkata. Hammi ummati Oromoo hidhanno malee qabsa’uu qabu caala qabsa’era. Utuu ummati, Oromoo MF keessatti murteessa ta’era ta’e qabsichiyyu xumurame wagga tokkoffa isa kabajaa jirra ta’a. Hubannaa fi beekumsa jiraatootni MF QBO tif qaban heeddu dhugarraa fagoodha. Karaa ittin isaan hubachiisaan mala dha’uun hojii aritiin hojjetamu qabudha. Akka ummati Oromoo biyya isaa keessaa saboota biroo ari’uuf hin teenye qabsoo dhan agarsiifnerra. Garuu ammayyu wal-ta’insa haqaa fi galmee irratti hunda’e walin hin qabnu. Gargar fageenyaa fi uumamni magaaloota, Oromiyaa keessa jiranis yoo addan nu fageesseelle wal-ta’iinsaa qabsoorratti hunda’ee tokko qabaachuu dandeenya. Innis akka si gaditti caqasi.

  1. ummatoota Oromiyaa keessa jiraataan cufaaf odoo isaan nun gaafatin lamumma Oromiyaa kennuufi. Yoo didanis mirga guutu qaban
  2. Dirqama lammiin Oromoo tokko qabu akka gitaa fi humnaa isanitti itti kennu
  3. Sagalee isaani ta’u, hawwachuu, misoomaa, Saba-himaa fi hojii hawasaa keessatti of eggannodhan hirmachisu

Rakkini fi dhiibbaan isanirra ga’u akka lammi biyya keenyarra ga’etti fudhanne deggeruu fi gargaarsa namooma gochufi qabna
Yoo QBO tif hirisuu hin danda’amu illee ta’e tumsa godhachuf halkaani fi guyya irratti hojjechu. Kunis qabsoodhan dhugoma.

Hubachiisa: akka lammii biyya keenyatti ilalla jechun immo mirga hiree keenya nu murteessu jechu akka hin taane quba qabadhu. Mirga guutuu qabu jechuunis mirga nam-tokke isaan qabsa’aa jiranif jechudha. Garuu mirgi isani kan saba isani giddu galeffate/waalteffate jechu miti. Gabaaba dhumatti mirga nam-tokkee/individual right jechudha. Mirga sabumma ,Oromiyaa keessatti, Oromoo qofaatu qaba.

Bilisummaan Oromoo: kabajamu mirga saboota cunquurfamoo fi Oromiyaa keessa jirataniti.

Advertisements