Bitootessa 28,2017/Gocha gara jabinaa hamaaf ajjeechaa suukanneessaa raawwachuun maqaa ABO tu akkas godha jedhuun waggoota dheeraa umurii dheereffattee turuun Wayyaanee beekamaadha.Gocha sana itti fuukleffachuun tibba darbe jechuun ji’oota muraasa duras dalagaa hamaa manneen kadhataa gubuu raawwattee  Dhaabaaf,qaama biraatti maxxanfachuuf yaalaas turte.Adeemsa sanas uummanni irra aanuu hubachuun naannoowwan ollaa Oromiyaa uummata keenyaan walitti buuftee utuu jirtu tibbana,Godina Jimmaa Aanaa Limmuu saqqaa magaalaa Atinaagootti motummaan abbaa Hirree harkaa woyyaa jalaatiin dukkaana uffataaf Sheedii (Mana woldaa) dargaggoof kennamee ture abiddaan barbadeesse.ABO tu isin keessa jira jechuun hololtoota isaa OPDO keessw lakkisee jiraachuun himame. Namoota manneen duraa gubate
1,Zamzam Arabuu
2,Samauraddin Maamud
3,Maxammir She Daahud
4,Addisuu Raggaasaa
5,Mohammad Nagaa
6,Nuuraa Adam
7,Ajaa’ib Abdallaa
8,Abdoo Nuuraa fi
9,Garaahib She Shariif
Yoo ta’an Waan furmaatni irra gahame hanga ammaa kan hin jirre ta’uu dubbatan

Advertisements