Kumsaa Walisoo irraa

Akkuma uummanni Oromoo beeku, faashistiin Tigree biyya keenya (Oromiyaa) kan qabatte meeshaa waraanatti fayyadamuu qofa otoo hin taane, loltoota Shaabiyaa, loltoota ABO fi Dh. D.U.O. fi mootummoota warra lixaatti fayyadamteeti. Erga shira addaddaa Shaabiyaa wajjin xaxxee ABO qaama ce’uumsaa keessaa raayyaa lakkoofis isaa 20,000 olitti tilmaamamu akka mooratti dachaasee meeshaa hiikkatu taasiftee, warra siyaasaa hariyattee biyya dhuunfattee dabni (shirri) ishiin uummata Oromoorratti hojjatte jecha kamiinuu barreefamee hin dhumu. “Oromoo Oromoodhumaan qabi.” isa jedhu toftaa Abashoota kaleessatti fayyadamteeti OPDO-tti gargaaramtee qabeenya Oromoo bakka hundaa saamuu calqabde. “Oromoo keessaa hariinu malee magaalli Finfinnee hin qulqullaawu.” jechanii,  dabballoota OPDO itti erganii ilmaan Oromoo naannoo Finfinnee jiraatan lafa isaarraa kaasanii, lafa maatii Oromoo, beenyaa tokko malee, irraa hariyanii Tigreef kennani. Yemmuu ilmaan Tigree lafa Oromoo gurgurattee duruumtu, Uummanni Oromoo seenaa isaa keessatti waan hin beekne, waanni haaran itti dhufe. Kadhataa taye. Man dhabaa taye. Salphate.

“Uummata lakkoofsi isaa baay’atu ni xiqqeessina. Warra lakkoofsi xiqqaatu ni baay’ifna.” jedhanii ilmaan Oromoo lafarraa duguugutti calqabani. Kanaafi-

  1. Uummata ollaa wajjin wal-lolchiisuf warra ollaa fakkaatanii Oromoo waraanani,
  2. Dargaggoo Oromoo akka mana hin godhanne mana hidhaatti galchani,
  3. Akka hayyoonni Oromoo hin baay’anne barattoota manneen barumsatii hariyani,
  4. Akka Oromoon daldalee hin buufanne daldala keessaa baasani,
  5. Akka dargaggoon hojjatee hin jiraanne toftaan biyyaa baqachiisani,
  6. Dubaroota Oromoo toftaan irraa dhalchuu calqabani,
  7. Lafa Oromoo qonnaaf tawu hundaa maqaa inveestimeentitti qabatanii irraa fudhatani,
  8. Albudaafi waan lafa keessaa qotamu irraa fudhatani,
  9. Warshaalee hundumaa akka Oromoon hin dhaabbanne dhoowwanii ofiif warra investarootaa wajjin qooddatani,
  10. Magaallen Oromoo galii qabaatan, kan akka Dirree dhawaa faa dhuunfatani.
  11. Waan biyya keessatti hojjatamu, waan bu’aa qabu akka namni isaanii (Tigroonni qofti) hojjatan taasisani,
  12. Mana hojii keessatti yoo Oromoonni waan hojjatan taye, mindaa isaanii irraa dhoksaan (shiraan) kutanii akka Tigrootaf galu ta’e,
  13. Bosona Oromoo barbadeessuu hojii taasifatani,
  14. Naannoo Oromiyaa keessatti akka waanni gaggaarin hin hijaaramne (infrastructure development) taasisani.
  15. Otoo ofii isaanitii qabeenya saammatanuu akka daandin hin baane dhoowwani,(xiyyaara faa dhiibanii kaasuu taye.)
  16. Akka uummanni Oromoo teeknolojii ammayyaatti hin fayyadamne dhoowwame.
  17. Otoo Oromiyaan lagoota bishaan akkana baay’atu qabuu, akka uummanni hongeen dhumu taasisani,
  18. Akka uummanni sodaa keessa jiraatu meeshaa waraanatiin taasisani.
  19. Toftaan Oromoon akka Oromoorratti ragaa sobaa bawu godhanii Oromoonni akka wal hin amanne taasisani.
  20. Yeroo filmaataa otoo namni isaan hin filatin sobanii, meeshaa waraanatti fayyadamanii mu’anne jedhanii labsatanii Oromoota mirga ofiitif dubbate mana hidhaatti fixani, kkkf .

Shira akkanaa hojjachaa baraabarummaan jiraachuu waan hin dandeenyef, gara fuulduraatti yoo Oromoon tokkoomee jabaatee haqa ofii falmate rakkoo nutti fiduu dandawu jedhanii toftaa addaddaa yaadanii sagantaalee (plans) baafatani. Sagantaalee isaanii keessaa-

1.(plan A)

Gambeellaa, Lixa Oromiyaa, Beshangulii fi Lexaafi Kaaba Amaaraa kutatanii Tigraayitti dabalatanii biyya isaanii hijaarachuu, kanaaf immoo akka lafa qonnaaf uummata naannoo sanarra jiraatan buqqisanii hariyuu yookaa ajjeesuu yoo tawu, umna electriikatiif akka tawuuf laga Abbayyii maallaqa uummanni Toophiyaa baasun daangaa Sudaan irratti (Beeshaangul keessatti) hudhani. Akka biyyi dubbii hin kaafnee jedhanii toftaan lafa naannoo kana jiru maqaa daangaa sirreessuu jedhuun sobanii Sudaaniif kennine jedhanii parlaamaa Toophiyaa mallateessisuuf yoo yaalan, jarmayaalen addaddaa (ABO, G-7, faa) toftaa kana yoo morman, akkasumas uummanni Amaaraa waayee Walqaayitii fi Xagadeerratti jabaatee yoo lolachuu calqabu, sagantaan kun mamii keessa waan isaan galcheef, sagantaa isa lammaffaatti darbanii, kunoo yaalaa jiru.

2. (plan B)

Wallo (Kaaba Oromiyaa), Affaar, Baya Harargee murattee Ogaadeen (Somaalee)tti dabalattee biyya ijaarrachuuf shara xaxaa jirti. Akkuma hundinuu beeku, bulchiinsi Somaalee(Toophiyaa) obboo Abdii Ilee “Oromoo fi Amaarri ni baayyatuu Tigree wajjin jiraachuu nuuf wayya.’ jedhee uummata Ogaadeen burjaajessuu erga calqabee yeroon dheerateera. Hooggantoonni OPDO- magaalaa Dirree Dhowaa maqaa “kan federaalaati” jedhuun erga kennaniifii bubbuleera.

Tigreen sagantaalee ishii bakkaan ga’achuuf yoo karaa Lixaa itti jabaatte waan Amaaraa fi Oromoo wajjin walitti buutuuf sodaattee, kunoo, Somaalee fi Affaar keessaa nama tokko tokko daddabalattee Oromoo qofarratti duula bantee jirti. Uummanni filachuu baatus, meeshaa waraanatiin Tigroota wajjin walii galanii warri nutu isin bulcha jedhanii uummata Oromoo akka Tigreen rakkina kana hundaaf saaxilte godhan Hooggantoonni OPDO, Piresideentii Toophiyaa tayee kan hojjatu Dr. Mulaatuu Tashoomaa, abbaa dubbii parlaamaa Toophiyaa tayee kan hojjatu Obboo Abbaa Duulaa Gammadaa, minsiteera dhimma alaa tayee kan hojjatu Dr. Warqinaa Gabayyahu, akkasumas hooggantoonni bulchiinsa naannoo Oromiyaati fi miseensonni OPDO (4000000-5000000) rakkina kana hundaaf itti gaafatama qabu.

Tigreen “Uummanni naanno sana (ba’a Oromiyaa) jiraatu refereendamiin haa murteessu.” jette. Eenyummaa ofii eenyutu refereendamiin murteessa? Kun waan nama gaddisiisu. Yemmuu Bulchiinsi naannoo Somaalii Oromiyaa keessa seenee Oromoo dhiisatii Somaalee tayaa jedhee uummata Oromoo sossobu, gantuuf gunaa kennu bulchiinsi naannoo Oromiyaa eessa jira? Waayee filmaata biyya Toophiyaa keessa jiru ammam akka dhugaa hin taanefi bu’aan isaa maal akka taye eenyuyyuu ni beeka. Waayee filmaata darbee, isa 100% arganne jedhanii uummata soban namni hin yaadanne hin jiru.

Kanaafuu, Oromoon rakkina kanarratti taa’ee wal ilaaluu hin qabu. Bakka jiru hundaa tokkummaan ka’ee wal cinaa dhaabachuu qaba.

Advertisements