Itiyoophiyaan hanqinni roobaa itti dabalaa isee mudachuu malu hongee uummata biyyattii miliyoona saddeet ta’u gargaarsa akka eeggatan taasise hammeessuu mala jechuu dhaan ogeessonni tilmaama haal qilleensaa akeekkachiisaniiru.

Xiinxala haal teessuma lafaa UStti hayyuu saayinisii waa’ee qilleensaa kan ta’an Dr. Chris Funk qorannaan isaan irratti fuuleffatan Afriikaa fi biyyootii Asia irratti.

VOA tajaajila gaanfa Afriikaaf akka ibsanitti naannoo galaana Pcifictti waggaa kana El Ninon mudachuu isaaf carraan jiru dhibba irraa harka shantama jedhan.

Itiyoopiyaan keessumaa kutaa biyyattii gama kaabaa keessatti walakkeessa baatii Waxabajjii hanga walakkeessa baatii Fulbaanaatti rooba guddaa argatti.

Kutaa tilmaama qilleensaaf itti aanaa directora kan ta’an Dula shaanqoo yeroon roobaa baatii Guraandhalaa hamma Eblatti jiru duruu hanqate jedhan. Roobii baatii Bitootessaa kan barana yeroon robe xiqqoo dha. Baatii Ebla fi Caamsaa keessa fooya’inni hammi tokko argamus ga’aa miti, naannolee gama kibba Somaalee fi Oromiyaa keessattis roobi ga’aan hin roobne jedhan.

Uummata Itiyoophiyaa miliyoona 7.78 kanneen gargaarsa midhaan nyaataa eeggatan keessaa miliyoonni 3.6 Oromiyaa keessaa ti.

Advertisements