15192587_1221602991267848_5129405102644708088_n.jpgXALAYAA OBBOLEESSAA:
OBBOLEESSA KIYYA: HOJJATAA MOOTUMMAA WAYYAANEE TAHE MARAAF.

(Saphaloo Kadiir’iin)

Si haa gahu salaamanni koo xalayaa obboleessaa tan dhaamsa Oromummaa hilatte tanaan obboleessa kiyya mana abbaa isaatti maqaa hojjataa mootummaatiin alagaan fe’achaafi ergachaa jiruuf bakka jirtutti. Fayyaa keetii? Yaa obboleessa kiyya! Ani immoo waan dhiigni obboleeyyan keenyaa kan alagaan akka galaanaa dhangalaasaa jiru dhihaa barii na wallaalchisee, iyyeensi harmees hirriiba na dhoorke malee fayyaan qaba jechuuf afaan guuttadhee dubbachuu baadhuus numa jira dikee mana ambaa irra maramee booyaa. Yaa ilma aayyaa! “Nagayaa keetii?” jedhee jalqabuuf akka nageenyi hin jirre beeka. Silaa nageeyni jiraatee anaaf ati yoom akkanatti wal irraa fagaanna jetteeti. “Nama ollaan nagaayaatu nagaya” jedha turee mitiiree abbaan keenya (Oromoon) duruu. Eeyyee kaa! Namni ollaafi maatiin nagaya hin qabne, bakka nageeyni ardiirra hin jirretti nagaya kam wal gaafata? Jechuu isaatii bar. Waa’ee nagaya wal gaafachuu kana yoon kaasu hoodaafi aadaa, haalafi akkaataa abbaan keenya nagaya itti nama gaafatu tokkoon yaadadhe. “Akkam nagaya jirtuu? Fayya isin fayyumaa? Nuti bullee (oollee) isin ooltanii (bultanii)? Nuti nagayaa isin nagayaa? xiqqaaf guddaan, dhiiraaf dhalaan, namaaf sa’aan, maatiif waatiin, aaliif ollaan, firaaf firiin, gadaafi gandi, mukaaf citaan …… biyyaaf biyyoon marti nagumaa?” jedhee kan bahariif barraa mara gaafata ture. “Gara keenya roobee gara keessan waa roobee? Tulluun maal jetti? Gadaan maal fakkaata?……” jedhees meeqa iyyaafata. “Nagaya isinitti haa tahu, nageeyni isiniif haa baayy’atu…!” Jedhees yoo manaa deemu nagaya maatiif hawwee, hawwii keessoo isaas gumaacha. Yoo eebbifatuus “Yaa waaq nagaya nu godhi! Nagaya buusi, nagayatti nu oolchitee (bulchitee) nagayatti nu bulchi (nu oolchi)” jedhee kadhata ture. “Nagayaafi buna hin dhabinaa!” Jedhee gaafa buna dhuge warra buna obaase eebbisa. “Nagaya quufaa!” Jedhee gaafa quufe warra eebbisa. “Aanan kan nagayaatu mi’aawa!” Jedha ture gaafa barbaachisummaa nageyaa ibsu. Yoo nageeyni hin jirre aanan illeen dhandhama dhaba jechuufi. Dhugaadha! Abbaan keenya, Oromoon nagaya jaalaata, uumaaf uumamni isaa marti gaaddisa tolaaf dadaati. Hundaafi hundeen isaa nagayaaf wabii tahee kan nagaya booreessuus waardiyaa tahee ofirraa eega ture. Burqaaf bu’urri isaa nagayaaf abbaa akka tahe ni yaadattaa mitii? Moo arra warra mana keenyaa dhaalee saamaa, siis fe’achaa jiru kana fakkaachuuf dagatte? Walumaagalatti abbaan keenya maddaafi mallattoo nagayaa akka tahe arrallee qalbiin qaxaph na jetti. Kana tahuu atiis beekta. Duuba nuti ilmaan Oromoo ofiifuu ambaasaaddara nageenyaatii, Warri arra nagaya keenya ofumaaf booreessee nagaya kee siif eegna, biyya shoorarkeessee biyya tasgabbeessina jechuun namaafi mana tokko tokkotti saroota ramadanii nutti duchiisaa jiran kun eenyu isaan? Dhugatti gaaffii tanaatu sammuu kiyya keessaa wacaa jira. “Nagaya nu dhoorkanii nagaya hin qabdan nuun jedhan” jechuun dhagaye.

Yaa obboleessa kiyya! Abbaa bideenaatiifi firri isaa guutuun obboleeyyan keenya irratti akka bobbahan dhagayeen jira. Ilmaan abbaa keenya dhaloota nu boodaa mara duguugaa jiraachuu isaanii yoon dhagayu garaatu na raafame, ijaatu imimmaan na guduunfate. Atiis waliin jirta jechuu gaafaan dhagaye irraa hanga ammaa niin booya. Nagaya biyyattii eegna jedhanii gaafa obboleeyyan kee duguugan maali ati seenaa abbaa keenyaa itti hin himtuu? Hoodaaf asxaan isaa nagaya irraa ijaaramuu, aadaan isaa faajjii tolaaf dadaa tahuu, nutiis duruma hiikkaaf gatii nageenyaa baraa guddachuu keenya itti hin himtuu? Arra hin jedhin malee abbaan keenya yoo tarkaanfatu faanaaf faantoon isaa qabbana ture. Kan of bira dabree addunyaafuu sirna kabajaaf ulfinaa, koota nagayaa kalaqee raabse tahuu maaliif jara yeyyiin kana itti hin himtu? Siitu waliin tumse kanaaf arra warreen nagaya laaquufi maqaa uumamaa namarraa haquu malee hin beekne kun nagaya mana keessanii eegna jechuun obboleeyyan keenya galaafachaa jiran. Silaa haa tahuutii warra hundeen nagayaatiif nagaya akkam eeguuf?…. Aahh….! Dhiifama guddaa naaf godhi yaa ilma aayyaa! Haasawa koo komiiniin jalqabee mitii? Yoon haala kanaan itti fufe xalayaa tanaahu osoo ijoo dubbii kootii irraa hin hubanne karaatti dhaabda jedheen shakka. Garuu tasa waan obboleeyyan keenya tahaa jiran yaadadheen garaan aaree gara komii biraa naan maqe bar. Eeyyee! karaatu gaaratti naan kute malee silaas dubbiin qabadhee baheefi bakkiin imaammadhee imala jalqabe illeen kan biraatii mitii beektaa kanuma turee. Silaas osoo quuqaan cinaachatti nama ejjuu hirriiba akkam rafuuf gad ciisan, ciisaniis hanga quuqaa dirra nama waraanu san ofirraa buqqaasanii maal rafu? Tulluun fuul dura kee dhaabbattuus yoo qalbiin hin agarre ijji ilaaltuus hin argituu bar. Bakka nama nyanyaatu malee hooquu fedhaniif hin hooqan. Kan qalbii nama dhiphisu, kan garatti nama dhimmisu, kan sammuu keessaa gururi’uu, isa hidda dhiigaa keessa oliif gad ori’u, kan sombi qufa’u, kan surrii nama naanneessu, isa mar’umaan nama guduunfu malee baasuu hamilaniif hin baasan. Walitti cuuncuunu malee waan tufuu barbaadan qofaaf miirri hancufa namaaf hin cimmisuu mitiiree? Kanumaatu laphee koo hatee, qubbeen kiyya micciiree, kallattii koos jijjiiree xurree komii irra naan kaate malee malee silaas kanumaan dubbachuuf xalayaa siif barreessuu murteesse……. Ammallee niin kutee mitii? Tole, Dhiifama ammallee! Ijoo dubbii koottiin deebi’a, hadaraa obbolummaa xalayaa kana dubbisii xumuri.

Yaa Obboleessa kiyya! Anaafi ati ilmaan Oromooti. Abbaan keenya Oromoo tahuu saglanii sabbaatu nu beeka. Haati teenya Oromiyaa tahuu kan nu hin beekne hin jiru. Nuti arra abbaan bideenaa abbaa keenya ajjeessee harmee teenya humnaan dhaaluus, anaafi si gargar fageessee, ati ofitti si qabee ana immoo achi na qabee duugdaaf garaa walitti nu godhuuf wixxifatuus anaaf ati dhukti keenya dhuka lafee tokko tahuu ni beekna. Nuti dhiigni keenya gadaameessaafi gudeeda tokko irraa walitti burqe. lafeen keenya jirma lafee tokko bu’ura godhatee hidda tokko irratti ijaarame. Foon keenya inni qaamni keenya maragameen kun dirra tokkorraa mogalame. Gogaan keenya inni arra qaama lamaan uwwifame kun afrii takka irraa baqeeffamee nutti haguugame. Kun dhugaa uumamaati malee kan fakkeessuuf akkeessuuf walitti firoomnuu miti. Eega dhiigni Oromummaa hidda obbolummaa keenya walitti guduunfee bakkaan itti sirraa hafuufi akkaan itti sirraa fagaadhu hin qabu. Atiis immoo qabda jedhee hin yaadu. Arra haalli jireenya gargar nu dhilee, shirri abbaa bideenaa sarara odeeffannoo keenya kutee wal iyyaafachuu fi wal odeeffachuu nu daangeessuus anaaf ati wal yaaduufi wal dheebochuu dhiifna jedhee hin yaadu. Mee laali! ati manuma abbaa keenyaa keessatti alagaaf gabroomtee, ani immoo fagotti na fufee qe’ee ormaa keessa akka sareetti oliif gad na kaachisaa jira. Ati manuma abbaa keenyaatti akka harree alagaan si fe’achaa, ani immoo dikee ambaa irraa akka saree harka namaa na kajeelchisaa qabeenya abbaa keenyaa irraa agabnee hanga yoom jiraanna? Kun gaafii yeroo mara sammuu koo keessaa dhawwaaquudha. Garuu deebii ofiif deebisuuf dirqama siin mari’achuun qaba malee kophaa koo deebisuuf baayyee ulfaata. Anaafi ati kaleessa waaqni obbolaa godhee nu uume waan taheef dhimma keenya irratti waliin mari’annu malee kophatti murtii laachuun akka hin danda’amne beekta. Ani kiyya murteeffachuuf ati immoo kee murteeffachuuf abbaan keenya kun keessanii malee kun keeti kun kan isaati jedhee wanti nuuf laate akka hin jirre beekta. Qoodni keessan waliini jechaati nu guddise ture abbaan keenya. Mee yaadadhu! Gaafa lubbuun jiru abboon gaaddisa odaa guddaa ooyruu teenya walakkaa san jala taa’ee wal bira nu fidee harka keessan wal irra kaayaa wal qabadhaa jedhee yeroo nuti wal qabannu “Wal malee hin murteessinaa, isin kan waliiti, waliif waliin jiraadhaa. Gargar hin bahinaa, waliin kaadhaa, waliin nyaadhaa, sammuun keessan waan tokko haa yaadu, garaan keessan waan tokko haa nyaatu, garaafi gaarri wal isin hin dahin, alagaafi dhagaan isin hin danda’in, rasaasaafi basaasni walitti isin hin buusin, qoorraafi qoriin addaan isin hin baasin…..” jedhee eega nu eebbise booda “Kun eebba qofa osoo hin ta’in wa’adaasi” jedhee kan nutti himu san ni yaadattaa? Wa’ada inni nu qabsiise saniitu akkaan sin irraanfanne na daangeessa.

Obboleessa kiyya! Yaa gudeeda aabboo! Xalayaa tana yeroon siif barreessu waan obboleeyyan keenyarratti alagaan tahaa jiru mara yaadadheen imimmaan hadhaa’aa makaa dhigaatiin bora’e ijarraa xuruursaa, copha dhiigaa diimaan fuula koo dhiqachaati. Anaafi atiis kan diinni ajjeessaa jiru waliin burqaan keenyaa laga tokko. Bu’ura Oromummaatiin gadaammeessi dhiigaaf lafee keenyaa waan tokko taheef isa onneen kee dhikkafatee guunguumtu kiyyaas guunguuma. Fagoo walirraa jiraannuus laphaalapheessi keenya rukuttaa wal fakkaataa qaba. Kutaan qaama tokko yoo madaa’u ykn rukutamu dhukkubbiifi laalaan abbichatti dhaga’amuun hin oolu. Anaaf ati walirraa fagaannuus qaamni keenya tokko waan taheef akkuma qubni miilaafi qubni harkaa wal irraa fagaatuus yoo qubni miilaa gufatu ykn kan harkaa gubatu qaamni guutuun laalaa dhaga’uu san narraa fagaattuus miidhaan kee natti dhaga’ama. Dhibeen kee na dhukkubsa, dhibeen koos si dhukkubsa. Dhibeen nu lamaanuu dhukkubsu tokko waan taheef qorichi nu barbaachisuus tokko. Qaama wal fakkaataa dhibee tokkoon qabame dawaan isaas tokkumaa mitiiree? Eeyyee! Akkuma anaaf ati ilmaan abbaa tokkoo taanee dhibeen nutti jirtuus qorichi nu barbaachisuus tokkuma akka tahe mamii hin qabu. Dhibeen hamaan nu qabe kun maqaan isaa gabrummaa akka tahe ni beekna. Ogeessi yaalaa immoo qorichi keessan bilisummaa akka jedhamuufi bakkaa fi akkaataa itti argamuus nutti himuu isaa waan dagatte hin sehu. Arra dhibeen baakteeriyaa roorroo alagaan daddabru wal biraa nu fageessullee immoo qoricha milkooynee fayyinee walitti deebi’uun keenya hin hafu. Eeyyee kaa! burqaa keenyaatu kaleessa tokko ture waan taheef boru funyoon mar’umaan obbolummaa harkisee walitti nu deebisuun hin hafu. Waaqni saglan booraanaa, shanan bareentumaa, inni sagaltama garbaa dhibee keenyaaf qoricha nu milkeessee fayyummaan walitti nu deebisuu ni dadhaba jettee yaaddaa? Inni kaleessa gudeeda aabboo keessaa nu burqisiisee gadaameessa aayyoo keessa tiruu haadhummaa nu boraafachiise, hidda handhuraatiin dhiigaafi suga nu soorachiisee, qilleensa somba tokko nu hargansiise kan eega dhalanne boodaas harma harmee teenya Oromiyaa waliin nu hoosise san kana godhuu akkamitti dadhaba? Hin dadhabu.

Yaa obboleessa kiyya! Oromiyaan arra alagaan dhaalamtuus nu lamaaniifuu haadha teenya. Duuba mee osoo haati teenya roorroo alagaatiin imimmaan lakkuu dhangalaaftuu akkamitti cal’isuu garaan si danda’e? Diinni obboleeyyan keenya biqila qaccee lafaa dhufaa jiru kan boru guddatee firii ayaa ta’u yoo rasaasaan qaxara qoorsu, jaarsoolii keenya ibiddaan gombisanii, obboleettii keenya isii da’iifa dahuuf guyyaa lakkaawwattu rasaasa garaa keessa baasanii, gadaameessaa tarsaasanii ulfa culqa surriin faca’ee, mataafi qaamni mormatti addaan luqqa’e isa dhiigaan dheengiyame reeffa haadhaatiin wal maddii yoo ciibsan maaltu sitti dhaga’ame? Dhiiga obboleeyyan keenyaatiin haati teenya Oromiyaan jaalattee osoo hin taane dirqamtee qaama dhiqachaa jirti. Qabeenya abbaan keenyaa harmee irratti waliin nuuf dhiise taatu arra abbaan bideenaa si maxxanfatee qoqoraa jira. Haati teenya harka ilmaan isiitiin jaalattee osoo hin tahin dirqamtee qabeenya saamamaa jirti. Maqaa hojjataa mootummaatiin mindaa garaa kee bira siif hin dabarre sitti laatee tooftaa hawaasa tajaajiluu jedhuun si golgee yoo albuda keenya kan silaa anaaf si qofaaf oolu yoo saamu, yoo qabeenya keenya mara hammaarratu, obboleessa keenya kan mormuufi saamina didu osuma ati agartu ija kee duratti ajjeessaa, kaan biyya irraa baqachiisee garbaafi galaanitti akka gataman godhaa jiraachuu garaan keetiifi kiyyaas ni beeka. Dhiigni obboleessa keetii yoo dhiiga saree tahu xiqqollee sin suukanneessuu? Yaa Obboleessa kiyya! Ati dhala Oromoo taatee maqaa ummata tajaajiluutiin wixina alagaa irkisaa jirtu mee waan tokko yaadadhu. Maqaan kee kan ittiin hojjattu hojjataa mootummaa jedhamee beekkama. Kan jarri alagaa keessoon sitti hasaasan ummata tajaajilaa jirta kan jedhuudha. Hayyee! kanuma fedhellee haa tahu. Ogummaa qabduun ummata ofii tajaajiluun gaariidha. Garuu mee eega tajaajilaa hawaasaa taate gaaffii muraasa haa si gaafadhu. Ummanni tajaajiltu kun dhiiga keeti. Obboleessa, obboleettii, haadhaafi abbaa keeti. Kan ija kee duratti ajjeessaa jiran isaanuma. Duuba gaafa isaan mara si jalaa duguugan maal tajaajiluufi? Akka itti aabboof aayyoon si barsiisan ni dagattee? Ogummaa qabduun ummata keessaa baate, maatii kee kan si dhalanii si barsiisan tajaajilaa eega jiraattee mee ogummaa qabduun tajaajila bilisaa laattee beektaa? Ogummaa qonnaa yoo barattee jiraatte guyyaa tokko xaa’oo abbaa keetiif bilisaan laattee beektaa? Ati ogummaa barsiisummaatiin obboleeyyan kee tajaajilaa jirta yoo tahe seenaa warra kaabaa (tan warra abbaa biideenaa) tan Minilikiifi tan Yohaannis malee guyyaa tokko seenaa obboleessa kee kan eenyummaa kee falmuuf diina dura dhaabbatee lole kan akka Bakar Waareefi Leenjisoo Diigaa faa barsiiftee beektaa? Ogeessa fayyaa yoo taatee guyyaa tokko oboleessa kee rakkataa kan hiyyummaafi dhibeen yarachiiftee mana yaalaa dhufe qoricha bilisaan laatteefi jirtaa? Ogeessa seeraa taatee mana murtii jirta. Obboleeyyan kee tasa wal badanii himannaaf gara kee dhufan kan harka sitti jiidhe bilisa gootee hiyyeessa adabde maallaqa irraa guuruu, yoo maallaqa dhabe mana hidhaa galchuu malee takkaa akka abbaan keenya nu barsiise sanitti bilisaan walitti araarsitee nagayaan akka galan gootee beektaa? Poolisiifi nagaya eegduuniis yoo alagaan “inni kun shoorarkeessaadha qabii mana hidhaatti galchi ykn biyya jeeqaa jiraa rasaasaan laboobi” jedhe qawwee sitti kennee si ajaje “lakkii obboleessi kiyya mirga isaa gaafate malee shoorarkeessaa miti” jettee harka irraa deebifattee beektaa? Mee ogummaa biraa qabaattuus roguma jirtuu of gaafadhu. Eeyyee! Akka ati deebii hin qabne beeka. Hayyeeree! ati ummata kee tajaajilaa jirta moo dukkaana warra wayyaanee gurguraa jirta? Kanaafuu ati hojjataa wayyaaneeti. Dafqaaf dhiiga obboleessa keetii dabarsitee gurguraa jirta jechuudha.

Yaa obboleessa kiyya! Dhaamsiin xumura irratti siif qabu yoo jiraate barana haalli obboleeyyan keenya jalqaban kun adeemsa sirriiti. Sochiin bilisa of baasuuf, qabsoon gumaa abbaaf obboleeyyaan keenyaaf kafaluuf, harmees miidhaafi roorroo abbaa bideenaa jalaa eewaluuf, anaas dikee ambaarraa na galchuuf, siis mana abbaa keenyaatti alagaaf gabra tahuu kana jalaa si baasuuf warraaqsi obboleeyyan keenya barana jalqaban kun tarkaanfii dhugaati. Obboleeyyan keenya nu boodaan dhufan kun onnee abbaa keenyaa san qabaachuu waan hubatte natti fakkaata. Akkaan ani sodaadhee biyyarraa dheeysu, atiis manuma abbaa keenyaatti wandaqa akka taatu kan nu dirqe onnee akka abbaa keenyaa finiintuu diinaaf hin sagadne dhabuu keenya akka tahe ni beekta. Obboleeyyan keenya mirga isaaniif falmatan, kan haqa abbaa keenyaa deebisuuf xurree isaa qabatanii ka’an kana ukkaamsuuf, warraaqsa isaanii qancarsuuf si kan gurshaa xiqqoon soban kana fayyadamaa jiraachuu of beekta jedheen tilmaama. Osumaan ani taa’uu, osoo atiis ulee alagaan sitti kenniteen kaan aaggachaa kaaniis dhooytuu sadarkaa tanaan gahan qabsoo. Baayyeen isaanii dhiigaan seenaa gaarii nuuf galmeessanii dabraniis kanneen lubbuun hafan ammallee falmaa itti cimsaa jiran. Aniis xalayaa kana akkaan siif barreessu kan na taasisees kanuma. Eegaa yaa ilma aayyaa! Alagaan arra harmee teenya Oromiyaa dhaale, abbaan biddeenaa kun ati hojjataadha jedhee si ramadee kafaltii aanan xuuxxoo daa’imaa hin binne kanaan sobee wal irratti nu duulchisaa jira. Dhugaa dubbachuuf ati gadaameessaa Oromiyaafi gudeeda Oromoo keessaa baatee yoo obboleeyyan, haadhaaf abbaa keenya afaan deebitu, yoo qaama kee irraa ibidda shiddu, yoo harmee Oromiyaa alagaa saamsiftu muka kibriitii fakkaatta. Kibriitiin haadhaaf abbaa keessaa bahe dhiitee alagaaf ibidda qabsiisa. Mukni kibriitii cinaachuma haadha keessaa bahe irraa ibidda qabsiisuus inniis gubachuun isaa hin hafu. Ibiddi inni qabsiisu alagaaf malee isaaf humaa hin fayyadu. Kana atiis ni beekta. Kanaaf yaa obboleessa kiyya kan maqaa hojjataatiin alagaaf fe’amaa jirtu takka dhaabbadhuu of ilaali mee. Naaf gahe gabrummaan jedhii falmadhu. “Alagaa ilkee koflaa, fira gaafa goflaa!” Jedha turee mitii abbaan keenya. Wa’ada gadaameessaa tokko keessa nu boraafachiise san yaadadhu mee. Qorii obbolummaa tan harmeen teenya waliin nu soorte san qaxaph jedhi mee. Anumaaf siitu waliif fooni. Nuti obboleeyyan keenya waliin malee alagaa waliin hin miidhagnu, humaatiis bu’aa hin qabnu. Qilee abbaan biddeenaa jidduu keenyatti qote kana duuchinee, dallayya shiraaf alagaan nu jiddutti ijaare kana jiigsinee walitti haa baanuu mee. Atiis gama keetiin diigi aniis gama kiyyaan niin diigaa. Ulee alagaan sitti kenne darbi, aniis sodaa biyyaa na baafte darbeen nu lachuu obboleeyyan keenya waliin taanee falmaa cimsinaa. Ati gama keessaatiin ciri, aniis gama alaatiin ciraan girdoo walakkaa keenyatti alagaan hidhe tana marree handhura harmee teenyaa Finfinnetti walitti dhufna. Gargar faffacaanee humna dhabne malee galata isaatii rabbiin baayy’ina nutti hin qusane. Baayy’ina keenya kana irratti waliif galtee qabaannaan nuti galaana gufuuf kulluuda fedhe gangalchu tahuu keenya yaadadhu. Daqiiqaa tokkoof ija guduunfadhuu shira alagaan nuttiin jiru kana sammutti yaadi mee. Kan arra alagaan qabeenyuma abbaa keetii kan ati walitti qabdee geessituuf irraa xiqqo harkarratti sii qicu kanaaf jettee roga alagaa dhaabbachuun kee boruuf sheenaa madaa qubaa akka sitti hin taane adaraa. Xalayaan kiyya kun akkuma si geesseen dubbiftee murtii boonsaa akka fudhattu, alaagaan siif riqicha tahuun naaf gaha akka jettuun abdiin sirraa qaba. Yaa obboleessa kiyya! Silattuu kan karaa yoo tahe malee kan garaa waa hin xumuramtuu, hundaafuu sitti dheereessuu koof dhiifama jechaa arraaf asumattiin goolaba. Xalayaa biraatiin hanga walitti deebinuu ykn qaamaan wal agarruu nagayatti naaf turi. Dhaamsa kiyya kana akkuma xalayaan tun si geesseen naaf barreessi. Gadaan gadaa bilisummaa nuuf haa tahu.

Obboleessa kee: Ilma Gudee irraa.

Obboleessa kiyya: Ilma Aayyaa tiif

Saphaloo Kadiir / Abdulbasit Kedir
Sadaasa, 2016

Advertisements