Gammoo Landanitti Waxabajjii 14, 2017 gubate

Gammoo Landanitti Waxabajjii 14, 2017 gubate

Magaalaa Landan keessatti Robii darbe Waxabajjii 14 bara 2017 gamoon darbii 24 qabu tokko irratti ibiddi ka’e lubbuun namaa galaafachuu isaa fi kanneen eessa buteen isaanii dhabame jiraachuun gabaafamaa jira.Namoota lubbuun isaanii darbe ykn eessa buteen isaanii dhabame jedhaman keessa lammiwwan Ityoophiyaa ni jira.

Guyyaa 3 booda jechuun Dilbata darbee Waxabajjii 18 bara 2017 walakeessa halkanii irratti namnii tokko konkolaataa gara namoota Masjiida cina deddemaa turanti ofuun kudhan madeessuun tokko ajjesuun gabaafamee jira.Kan musleemoota irratti qiyyaafate gocha shoroorkaa jedhamee jira.

Namnii konkolaataa kana kireeffataa ofaa ture adii umriin isaa 47 Darren Osborne jedhama.Musleema ta’u keenya qofaaf sodaa keessa jirra jedhu musleemonni hangi tokko.

Dura ta’aa Waldaa hawaasa oromoo Yuu Kee (UK) kan ta’an Obbo Leenca Abba Garoo haala uumaman lamaan kana keessatti Oromoon midhamuu hin dhageenye jedhan.

Advertisements