https://OROMIYAANWANOFITIABBAATUUEGATAA.COM19399505_1444935138934631_4600689617402541666_n.jpgby D’R (Saphaloo Kadiir’iin)
 
OPDO fi Wayyaaneen tartiibni qubee afaan Oromoo akka hanqina qulqullina barnootaaf bu’ura tahetti kaasuun tartiiba qubee Afaan Oromoo jijjiiruu qofa osoo hin tahin gabatee A B C guutumatti kitaaba barataa kutaa 1ffaa keessaa dhabamsiisuun isii waan nama gaddisiisu qofa osoo hin taane tooftaa afaan saba kanaa hundeerraa ittiin dhababsiisuuf kaayyeeffatte tahuu kan mul’isuu dha. Osoo tartiibni qubee afaan Oromoo dhuguma qulqullina baruumsaaf bu’ura tahee hayyoonni, ogeessoonni, doctoroonni, proofeesaroonni dhaloota qubee danuun kun samii bu’anii laata nama jechisiisa. Jijjiiramuun tartiiba qubee afaan Oromoo akka furmaata qulqullina baruumsaatti amma odeessan kun garuu waan hin fakkaanneefi gonkuma kan hin danda’amneesi. Sababniis qubeen afaan Oromoo akka afaanoota biraa kan akkanumatti dhufe osoo hin taane lubbuun lagoo hin qabne danuun itti kafalamee, gatii dhigaa fi lafee danuun kan arkamee dha.
 
Afaan Oromoo akka afaanoota biraa madda aadaa, calaqqee hoodaa, eenyummeessaa seenaa fi dagaagsaa hog-barruuf aartii sabaa qofa osoo hin taane afaan godaannisa seenaa hamaa qabuu dha. Afaan Oromoo wanti afaan biraa irraa adda godhu yoo jiraate afaan jaarraa hedduuf dhiibbaan adda addaa irratti godhamee dha. Baroota dheeraa gaafa afaanoonni hedduun afaan barnoota irra afaan miidiyaa tahee ture keessatti afaan keenya akka afaan midiiyaa hin taaneef “Afaan Oromoo raadiyoo cabsa!” jechuun sirni nafxanyootaa afaan Oromootti shira xaxee miidiyaarraa uggaraa turan. Afaan kun qabsoo jabduun afaan miidiyaa eega tahe booda afaan barruu tahuuf gaafa warraaqaa turetti ammoo akka qubee Afaan Oromoo kan ammaa kanatti hin fayyadamne shirri hedduun itti xaxamee dura dhaabbatamaa ture.
 
Dhugaan jiru garuu tartiibni qubee qulqullina barnootaaf sababa tahee osoo hin tahin jibba afaan kanaaf qaban irraa dhabamsiisuuf shira xaxamee dha. Dhimma kana yeroo hedduu namoonni dubbachuu baatuuf ani garuu keessa kiyya na guba. Yoon laalu keessaafuu Oromiyaa keessatti rakkoolee hanqina qulqullina barnootaa kan tahe danuu keessaa ijoon qabiyyee barnootaati ja’een murteessa. Qabiyyeen barnootaa kan miira ilmaan Oromoo mirqaansuu miti. barnoonni amma joollee Oromootiif Oromiyaa keessatti kennamaa jiru guutumatti sirna barnootaa dadhabaa tahuu daran kan eenyummaa fi maalummaa Oromoo awwaalu, seenaa, aadaa, sirna, hoodaa fi afaan saba bal’aa kana hundeen balleessu tahuu waan hedduun mirkaneessuun ni danda’ama. Hanga gaafa duraa illee xiqqo wayyaa ammaffaa guutumaan guututti sirni barnoota Oromiyaa keessatti kennamu laaqamaa sammuu daa’imman Oromoo laaquu, sirna barnoota xiin-sammuu dhaloota Oromoo ganaanuu fi kan maalummaa saba guddaa kanaallee bocoluu dha.
 
Wayta ammaa tartiiba qubee afaan Oromoo kitaaba barataa kutaa 1ffaa A B C D irraa gara L A G I M jijjiiruu qofa osoo hin taane kitaaboonni barnootaa Oromiyaa keessatti baratamu marti kan sirrii osoo hin tahin waanuma afaan amaaraatiin barreeffaman fakkaata. Sababniis kallattiin kitaaboota afaan amaaraa kan eenyummaa fi ol aantummaa warra habashaa calaqqisu, kan ciminaa fi humna qabeessummaa sirna wayyaanee kan dhaadheessuu dha. Tooftaan kenniinsa baruuf barsiisuu amma Oromiyaa keessatti kennamaa jiru adeemsa keessa guututti kan kolonummaa sammuutiif (mind colonization) saaxilu, kan yaada ilmaan Oromoo kolaasuu fi if wallaalchisuu irratti dhiibbaa guddaa godhu akka tahe ragaan ni mul’isa. Sirni barnootaa Oromiyaa keessatti kennamaa jiru kun kan maalummaa Oromoo dhabamsiisuuf kaayyeeffame afaan habashaa irraa kallattiin gara afaan oromoo kan garagalfaman, kan seenaa, aadaa, duudaa Oromoo hin ibsine tahuu isaanii eenyullee kan raga bahuu dha.
 
Keessattuu gosti barnootaa kan akka kitaaboota barataa seenaa (history), afaan Oromoo, barnoota lammummaafi amala gaarii (Siviksii) hundeerraa yoo jijjiirame malee akkuma dur eenyummaa Oromoo bifa ammayyaan ukkaamsee, dhugaa oromoo tan ganamaa san hunxuxatti hususee, haqaa saba bal’aa kana dhooysee dhaloota Oromoo ilaalcha yaada sammuu isaanii kan micciruu dha. Gosa barnootaa kana qofa osoo hin tahin guutumattuu sirni barnootaa Oromiyaa keessatti kennamaa jiru mara dhugaan keessaa angoolalamee kan soba yaraa qofaan guutame tahuu yeroo adda addaa akka kootti waaniin gad fageenyaan hubadheen qaba. Kitaaboonni waggoota muraasa muraasaan kan jijjiiramu waan taheef yeroo ammaa kutaa 1ffaa qofa osoo hin tahin hanga kutaa 8 kitaaboonni kan bocolaman tahuu ragaa baayy’een mirkaneessuun ni danda’ama. Dhugaa dubbachuuf barattoonni wagga saddeet dura Kutaa 5ffaa baratanii fi kan amma Kutaa 5 baratan dandeettiin isaanii dachiif samii dha. Kitaaboonni gosa barnootaa tokko kutaa wal fakkaataa kan amma baratanii fi kan duraanii adda addaa fakkaata. Kun ammoo guutumatti qabiyyeen barnootaa sammuu ilmaan Oromoo kan hin si’eessinee dha. Sababa san keessaa muraasni:
 
1) Kitaabni seenaa tokko seenaa saba tokkoo qofaan guutamee, seenaa saba biraa kan awwaalu yoo tahe keessaafuu biyyoota sabaaf sablammoota danuu of keessaa qabdu keessatti kitaaba seenaa tahuun hafee kitaaba sheenaa taha. Kitaaboonni seenaa kan wayta ammaa ilmaan oromoo kutaa gadiitii hanga garareetti barachaa jiraniis marti seenaa warra habashoota kan maqaa Itoophiyaa takkittii faarsuun maraatan, warreen sirna nafxanyootaa deeggaran qofa goota ja’ee kan dhaadheessuu dha. Seenaa warreen Itoophiyaa takkittii jaaruuf qabsaawan malee seenaa gootota Oromoo kan afaan, seenaafi aadaa saba guddaa kanaa deebisuuf qabsaawanii kufan tokkolleen irra hin jiru. Duuba akkamitti kitaaba seenaa jechuun barachuufi fudhachuun danda’amaa? Kitaabni Minilik akka gootaatti faarsu, kan seenaa Bakar Waareefi Leenjisoo Diiggaa maqaa hin tuqne, yoo tuqees akka warra ijaaramuu Itoophiyaatti gufuu tahee godhee, gootoota akka Elemoo Qilxuu fi Taaddee Birruu akka shoorarkeessitootaa fi finciltootaatti kaasu kitaaba seenaati ja’amee barachuun hangam miira ilmaan Oromoo dammaqsee barachuuf mirqaansa?
 
2) Kitaabni oromiyaan jaarraa tokkoof walakkaa dura biyyaa bilisaa tan if dandeessee bulaa turte tahuu hin ibsine, kitaabni Itoophiyaan eega jaaramtee jaarraa tokko qofa tahuu hin mul’ifne kan sobaan Itoophiyaan akka biyya umrii waggaa kuma sadi qabduutti ibsu, kitaabni qabsoo gootoonni Oromoo mirga abbaa biyyummaa deebifachuuf taasisan hin ibsine, kan Oromiyaan nafxanyootaan weeraramuu hin calaqqifne kitaaba seenaa tahee baratamuuf akkamitti ulaagaa hin guuta? Keessattuu kitaaboonni sadarkaa gad aanoo waan seenaa dhugaatiif bu’ura tahan osoo hin kennine ilaalcha daa’immanii kan micciiru, seenaa Oromoo kan guutumatti laaquufi bocoluu dha. Oromoota dhugaa moggatti tufee warreen dur keessaa kan akka Goobana Dacee, kan ammaa ammoo warra akka OPDO qofa akka goototaatti faarsu, kitaabni barnootaa kan sirna Itoophiyaa eegu qofa dhaadheessu, kan dhaaboota siyaasaa biyya bulchu qofa sirrii godhee ibsu kitaaba barnootaa osoo hin tahin dambii ittiin bulmaata dhaaba siyaasaati. Kana barnoota ja’anii akkamitti mirqaan baratanree?
 
3) Kitaaboonni afaanii kamui duudhaa, aadaa, afoola, hog-barruu, seer-luugaafi maalummaa dhufaatii afaan sanii himuu qaba. Seena dararaa kan kaleessa afaan kun keessa dabree fi gidira inni keessa ture mul’isee haala itti guddina afaan kanaa dhugoomsuun danda’amu irrattillee waa akeekuu qaba. Qabsaa’oonni afaan kana dhiigaaf lafeen barreessanii biqilchanii asiin gahan maqaan isaanii dhooyfamee OPDO’n dhufaatii afaan kanaa humaatuu irraa quba hin qabneefi waan takka irraa hin beeyne akka quuqamtoota afaan kanaa if fakkeessuuf carraaquu fi shorroquun keessaa calaqqisu akkamitti baratama?
 
4) Kitaabni gosa barnoota Afaanii eega tahe afoola, maakmaaksa, hog-barruu, sirnaa fi seera afaan saniitu keessatti baratamuu qaba. Hibboo, maakmaaksa, oduu durii, sheekkoo fi kkf yoo kitaaba san keessatti ibsamu kanuma saba san keessaa fudhatame tahuu qaba. Qabatama jiru yoo fudhanne kitaaba Afaan Oromoo joolleen Oromoo amma barachaa jiran jalaa hanga gubbaatti foolii maalummaa saba kana kan ibsu waan xiqqollee hin qabu. Keessattuu waggoota saddeettan dabran kana afaan Oromoo qofa osoo hin taane qabiyyeen kitaaboota barnootaa Oromiyaa keessatti baratamu guutuun kan hamilee barattoota Oromoo doomsuu fi mirqaana barachuullee gad buusu akka tahe eenyulleen ni hubata.
 
Sababootaan olitti fakkeenyaaf tuqe kana dabalatee qabiyyeen kitaaboota barnootaa Oromiyaa keessatti kennamaa jiran danuun kan maalummaa saba kanaa hundee irraa jijjiiru waan taheef sababa ijoo rakkoo qulqullina barnootaa fide akka tahe hubatamuu qaba. Akkuma namni soorata jaalatu dhoorkamee soorata hin jaalanne dirqiin yoo nyaachisan bokoku san barataan qabiyyee barnootaa hin jaalannee fi hin barbaanne dirqiin barsiifamu sammuun isaa hin fudhattu. Mata dureen barnootaa marti kan dhimma isaa hin kaafne yoo tahee akkamitti mirqaanaan barataree?
Walumaagalatti sirni barnootaa ilmaan Oromoof laatamaa jiru kan Oromiyaa dhugaafi seenaa Oromoo jiddugala godhate osoo hin tahin kan akkuma sirna nafxanyoota kaleessaatti maalummaa saba guddaa kanaa guutumaa-guututti balleessuuf karoorfamee dha. Kanaaf rakkoo qulqullina barnootaa ijoon qabiyyee kitaaba barnootaa tahuu hubachuun qabiyyee barnootaa kan dhimma Oromoo irratti xiyyeeffate ilmaan Oromoof qopheessuun dirqama tahuu hubachuu qaban. Qulqullina barnootaa Oromiyaa keessatti mirkaneessuu fi jijjiirama bu’uraa fiduuf tartiiba qubee afaan Oromoo jijjiiruu osoo hin taane qabiyyee barnootaa kan eenyummaa fi maalummaa Oromoo calaqqisan, kan foolii Oromummaa urgaa’an qopheessuun dirqama filannoo biraa hin qabne tahuu gad jabeessee ibsaan barruu koo goolaba. Horaa Bulaa!
 
#Saphaloo_Kadiir
Advertisements