ODUU GAMMACHIISA: SHAAMPIYOONII OROMO SKANDINAVIYAA BIYYA SWEDEN

Akkuma kanaan dura sin beeksisaa turre bara kana walargaan Oromoota biyyoota kaaba Awurooppaa ykn Iskaandaniviyaa keessa jiraatan magaalaa Guddoo Sweden kana taate Stockholm tahuu ibsinee turre.

Bara kana – GIBB Jila Oromoo kanaaf sagantaa babashanniinsoo tahaniin sagantaa isaa xumuratee jira.

Guyyoota lamaan waliin dabarsinu keessatti sagantaalee gurguddaa armaan gadiitu sin eeggata.

GUYYAA DURAA 7-07-2017

  1. Gaafa Adoolessa/07/2017 guyyaa guutuu spoortii gosoota garagaraatu dorgomtoota biyyoota adda addaarraa dhufanifi gareelee as jiraatan jidduutti raawwataa oola, yeroon sagantichaa ospoortii 8:30 – 16:00
  2. Galagala marii addaa dargaggoota Oromoo biyyoota skandaniviyaa keessa jiraatan waliin haala yeroo fi egeree oromoo irratti mariin gaggeeffama.

    Yeroon isaa 18:00 – 20:00

  3. Eebba kitaaba waloo Zalaalam Abarraa, OBOMBOLEETTII jedhuufi waarii aartii fi hogbarruu Oromoo tu siniif dhiyaata.

GUYYAA 2FFAA QOPHIILEE GURGUDDOO

  1. Guyyaa guutuu gosoota ispoortii adda addaafii gulaallii xummuraa fi tapha Geebatu taphatamaa oola.

    9:00 – 16

  2. Galagala agarsiisa#Aadaa_Oromoofi tiyaatiraafi doo’itu garee #GIBB (GUMII IJOOLLEE BOORANAABAREENTUU)iin dhiyaata.
  3. Sirna BADHAASA_GEEBAA_MEEDALIYAA tu taasifama
  4. Walaloowwan addaa addaa waloo zalaalam Abarraa fi Caalaa Hayiluutiin dhiyaatu.
  5. Untold_Stories of Ethiopia’s human_rights_violations falmituu mirga namoomaa kan taatee aaddee Melody_Sundeberg dhaan dhiyaata.
  6. agarsiisaa fiilmii_Siifan,kan artist Keyirat Yusuf AsaantiiFilms tu dhiyaata.
  7. galgalli aadaa bifa addaan itti fufa.

Dhangaaleen nuti siniif qopheeffanne kana qofaa miti, kaan isaa qaaman koottatii dhamdhama siniin jenna. Walargaan keenyaa magaala Stockholm haa tahu!

https://www.facebook.com/plugins/video.php?href=https%3A%2F%2Fwww.facebook.com%2F100017647411583%2Fvideos%2F115973159000931%2F&show_text=1&width=560

Advertisements