Dhimmi FinfinneeOromoof dhimma abbaabiyyummaa ti malee faayidaa addaa tii mitiOromoof dhimma abbaabiyyummaa ti malee faayidaa addaa tii miti

Abdii BoruutiinQabsoon Bilisummaa Oromoo (QBOn) yeroo ammaa sadarkaa guddaarra gahee, gama tokkoon diina raasaa haa jiraatu malee gama biraatiin garuu qormaata guddaa keessa galee jira. Hireen nuti akka uummataattis ta’ee akka sabaatti qabnu qabsoo akka ibiddaa boba’aa jiru kana caalaatti cimsinee injifannoo argachuu yookaan ammoo baduu keenya ta’a. Gabaabumatti boqonnaa murteessaa fi haala baay’ee ulfaataa keessa seennee jirra jechuu dha. Mee laalaa, hubadhaa, kan yeroo dheeraa hafee waanuma waggoota muraasa dabran kana keessatti ta’aa jiru yoo ilaalle, duula hamaatu bifa fi tooftaalee adda addaatiin nurratti gaggeeffamaa jira. Dhimmoota ciccimoo ijoo ta’an tokko tokko kaasuuf:

Tokkoffaa, maqaa Maastar Plaanii Finfinneetiin Oromiyaa bakkee lamatti addaan baasuuf yaalame ture. Wareegama ulfaataa kaffaluudhaan mormiin uummata keenyaa itticimnaan, karoorri kun yeroodhaaf waan dhaabbate haa fakkaatu malee, lafa jalaan hojiirra oolaa akka jiru mamiin hin jiru. Karoorri diinaa kun malaa fi tooftaa addaa addaatiin hojiitti hiikamaa jira jechuu dha.

Lammaffaa, injifannoolee gurguddoo QBOn galmeesse keessa isa hangafa kan taate Qubee Afaan Oromootti muudaa uumuuf; achumaanis suuta suuta sirumaayyuu balleesanii dhabamsiisuuf shirri irratti hojjetamaa turee kunoo dhiyoo kana gadi bahee mul’ate. Qubee keenya balleessuu jechuun eenyummaa Oromoo balleessuu fi awwaaluu waan ta’eef, kunis bu’aaleen QBO hagam gaaga’ama guddaa keessa akka seenan mul’isa.

Sadaffaa, maqaa faayidaa addaa Ormiyaan Fifinneerraa qabdu jedhuun shira yeroo dheeraa irratti hojjechaa turan bilcheessanii gadi baasuudhaan kunoo qormaata biroo QBOtti uumanii jiru. Kuni ammoo dhugumatti faayidaa addaa Oromiyaaf argamsiisuuf otuu hin taane, dhimmi kun caalaatti sirumaayyuu shiroota hundaa ofkeessatti hammatee; bifa fi ayinaa biraatiin waan gadi bahe fakkaata.

Egaa, wanti dhimmootni gurguddoon sadeen kun agarsiisan, Oromoo fi Oromiyaa lafarraa dhabamsiisuuf diinni keenya hammam muratee fi kutatee akka ka’e fi QBOn qormaata fi gaaga’ama hamaa keessa akka seene dha. Ilmaan Ormoo Oromummaa fi Sabboonummaan itti dhaga’amu hunduu yoomiyyuu caalaa balaa guddaa nuttii deemaa jiru kana alaalatti arganii; otuu balaan kunis nu hin balleessin dafanii furmaata barbaaduu qabu. Furmaatni jirus isa tokko qofaa dha. Amantiidhaan, gandaa fi naannoodhaan akkasumas ilaalcha siysaatiin walqoqqooduu dhiisanii yoomiyyuu caalaa tokkummaadhaan ka’anii gabrummaa bar-dhibbee tokkoo olii kana xumuruu dha. Filannoon (option) biraa hin jiru. Wanni diinotni keenya ittiin nu gowwoomsuuf qunxuranii nutti darban gonkumaa furmaata ta’uu hin danda’u. Yoo abbaabiyyummaa keenya guutumaa guututti mirkaneeffanne malee, faayidaa addaa wanti jedhu gonkumaa jiraachuu hin qabu.

Gara dhimma mata duree barreeffama kanaatti deebi’uudhaaf, waayee Finfinnee laalchisee wanti seera fi heera biyyattii sanaa keessatti lafa kaayame (keeyyatni 49) sun durumarraa (jalqabarraa) kaasee shira ittiyaadamee lafa kaayamee dha jedheen amana. Akkuma seenaan saba Oromoo ragaa ta’uu fi diinniillee kana amanee fudhatetti, Finfinneen qaama fi handhuura Oromiyaa ti; diinqa Oromoo ti. Namni tokko mana isaa, golaa fi diinqa isaa keessatti ammoo abbaa manaa ti malee diinqa isaa keessatti faayidaa addaa namni kennuuf hin jiru. Waayeen Finfinnees isa kanarraa addaa miti. Akka lafa Oromootti, akka handhuura Oromiyaatti Oromootu abbaa biyyaa ishiirratti ta’uu qaba malee, algaa fi diinni gara biraatii dhufanii nuuf kennuu ykn nuuf murteessuu hin danda’an. Tuffii fi ilaalcha gadaantummaa isaan nuuf qabanirraa maddeeti akkanatti nutti qoosu malee murtiin Finfinnee kan uummata Oromoo qofaa dha.

Keeyyatni 49 durumaanuu shira ittyaadamee dha wantan jedheef, silaa Oromootu Finfinneerratti abbaa biyyaa ta’ee; magaalattiis bulchinsa naannoo Oromiyaa jala galchee; sabaa fi sablammoota achi keessa jiraataniif garuu faayidaa addaa akka qabaatan godha ture. Amma garuu dubbiin gargalchaa ta’ee, akka Ormoon Finfinneerratti abbaa biyyummaa hin qabneetti faayidaa addaa jedhanii wan tokko tokko qunxuranii nutti darbuuf yaalaa jiru. Shira diinaa kana keessatti, hanguma fedhe xinnaatanillee bu’aaleen irraa argamuu danda’a jennee, gowwoomuudhaan dhimma baay’ee murteessaa ta’e kana akka laayyootti ilaaluu fi fudhachuu hin qabnu. Diddaan ittifufuu qaba. Wanti har’a diinaan murtaayu kun fuulduree keenya dukkana godha. Rakkoo booda hiikuun rakkisaa ta’u keessa galuuf deemna. Gaaf tokko yoo Oromiyaan walaboomte, Finfinnees ni deeffanna wanti jennu hin jiru. Dhimmi kun dhimma adda ta’ee dha. Wanti kun otuu seeraan lafa hin kaawwamin diduu qabna. Shira alagaa kan tuffannee irra dabruun badii guddaa fida.

Akkuma yeroo Maastar Plaanii sana ammas dhimma Finfinnee kanarratti diddaa fi fincilli Oromoo keessaa alaann, kaabaa kibbaan, bahaa lixaan akkasumas jiddugaleessaan cimee shira diinaa kana fashalsiisuu qaba. Shira guddaa balaa hamaa nutti fiduuf deemu kanatti yoomiyyuu caalaa itti dammaquu qabna. Yoo dhimmi Finfinnee kun akka diinni barbaadutti murtaaye, sana booda waan itti’aanee nutti dhufuuf deemu tilmaamuun rakkisaa ni ta’a jedhee hin yaadu. Dhimmi Finfinnee murtaayuuf deemu kun Maastar Plaanii bifa biraa akka ta’u namuu hubachuu danda’uu qaba. Jechoota damma irra diddibanii dhiyeessan kanaan gowwomuu hin qabnu. Shirri kun ammoo waan yeroo dheeraa irratti yaadamee, karoorfatamee fi ittiqophaayamee as bahee dha. Sochii uummata Oromootu isaan dirqisee dhimma kana akka gadi baasan isaan taasise jennee yaaduun dogoggora. Kun yeroo isaa eeggatee gadi bahe malee waan durumaan murtaayee lafa kaayamee dha. Dhimma kana har’a dhaabuu ykn boru dhabamuu keenya.

Akkuman jalqaba barreeffama kanaarratti tuqe, Qabsoon Bilisummaa Oromoo (QBOn) yoomiyyuu caalaa qormaata cimaa keessa seentee jirti. Sadarkaa baay’ee murteessaa ta’erra geenyee jirra. Hireen nuti kana booda qabnu waa lama qofaa dha: wareegama kamiiyyuu kaffallee abbaabiyyummaa keenya mirkaneeffachuu yookaan badii nu marsaa jiruuf ofqopheessuu dha. Kun sodaachuu fi abdii kutachuu otuu hin taane, balaa hamaa nutti deemaa jiru alaalatti arguu dha. Diinotni keenyas yoomiyyuu caalaa tooftaa fi bifa haaraa ta’een ofcimsanii QBO dhabamsiisuuf muratanii fi kutatanii jiru. Gama isaaniitiinis hiree lama qofaatu jira: injifatamanii hundeedhaan buqqayuu isaanii yookaan injifatanii gabrummaa yoomiyyuu caalaa hamaa ta’e nurratti fe’anii bar-dhibbee tokkoo ol nurra turuuf deemu. Sana booda garuu Oromoo fi Oromiyaan akka hin jiraanne ammuma beekuu qabna. Egereen keenya, jiruu fi jireenyi keenya, hireen keenya wanti hunduu nu harka jira. Yoo waliigalle, yoo wal obsine, yoo wal jaalanne, …yoo humna keenya cimsine injifannoon xumuraa kan keenya ta’a malee kan diinaa akka hin taane mamiin hin jiru.

Dhumarratti, dhaamsi gabaabaan ani qabu, adeemsa qabsoo keenyaa kana keessatti waan tokko hubachuu fi sararas jala butuu qabna. Innis wareegama barbaachisaa ta’e kamiiyyuu kaffaluudhaan, abbaabiyyummaa keenya yoo hin mirkaneeffanne, gaafiin Oromoo karaa kamiinuu deebii argachuu akka hin dandeenye sirriitti hubachuu qabna. Gaafiin uummata Oromoo inni guddaa fi xumuraas gaafii abbaa biyyummaa ti; kanaa ala wanti biraa kan furmaata xumuraa (lasting solution) fidu hin jiru. Dhimmi Finfinees kanarraa adda ta’ee hin laalamu. Dhimmi Finfinnee dhimma abbaabiyummaa ti malee faayidaa addaa tii miti. Hiree keenya numatu murteeffata malee diinni fi alagaan nuuf hin murteessu.

Galatoomaa

Advertisements