BISHAAN MIILA GA’EE,, MATAA HIN HANQATUU !!!!

 

Jalqaba, Mata duree kiyyan akka dansaatti isiniif ibsa .1. “Bishaan miila ga’ee , Miila hin hanqatu” kanan jedhee, Qabsoo   Oromoo Namoota muraasaan eegalamee, sadarkaa sabaatti guddachaa dhufuu qofa osoo hin taanee, Guutuu Oromiyaa haguugaa jiraachuu argisiisuuf ta’uu dursaa naaf hubadhaa. Kana malees, Qabsoon Oromoo Gootoota muraasaan eegalamtee, Gootoota kumaantama horachaa jiraachuu argisiisuuf ta’uu qalbifadhaa. 2“Dhukaasii Elemoo,,Qeerroo hin hanqatuu” Qabsoo Oromoof dhukaasii Elemoo kan jalqabaatii jechuun rakkisaa ta’uus, Ega gabrummaatti kufnee kaasee, dhukaasii diina ofirraa kaasuuf dhukaafamu waggaa 150 ol ta’eera. Haa ta’uutii kan Elemoo seenaa qabeessa. Oromoon akka gurmuutti ykn akka dhaaba siyaasaatti Gabroonfataa ofirraa kaasuuf sochii eegaleef dhukaasii Jaal Elemoo Qilxuu ka jalqabaatii. Jalqabbiin sun, dhiibbaa diinni nu irratti taasisaa jiruu fi Biyya abbaa keenyaa irratti mirga ofirraa ittisu qabnuun, Diinaan Dirqamnee Dhukaasaa Qeerrootti ce’uuf , yoo isarra dabrees,  Dhukaasa Ummata Oromoo maraatti tarkaanfachuuf yeroon nu haftee gabaabdudhaa. Badiin diinaa Elemoo dhukaasaaf dirqisiiftee, Qeerroo fi Qarree Oromoo dhukaasaatti ceesisuuf sa’atiin achii gadi lakkaa’aa jirti. Kun waan hin hafnee. Bishaan miila ga’ee mataa bira geenyaan, liqifamuutu dhufa. Dhukaasii Elemoo Qeerrootti tarkaanfannaan xumura gabrummaa ta’uun ifa . kana diinaa fi firaaf akka gaaritti ibsuufii barbaachisaafan filadhee.

Bara 2000 kaasee Fincilli Xumura Gabrummaadhaa dhaloota haaraan eegalamee, amma Qeerroon sochii hundaa dhunfatutti , isa Boodas Qeerroo fi Qarreen Qabsaa’oota Qabsoon siila’aniin Hogganamanii diinaa wayita raasaa turanitti, gama diinaanis, firaanis yaadaa fi ilaalcha hedduutu dhihaachaa ture. Namoonni waan kun itti hin fufu jedhanii eegalee, Qabsoo Ijoollee keenyaa marmaranii hanga kiishaa isaanii keessa naqachuuf yaalanitti arganeerra.

Dhugaadhaa wareegama hedduu jabaa kafalaa jirra. Garummoo filmaata biraa hin qabnuu. Har’aa nuutu wareegama baasaa jirrun onneen nu madoofti ta’aa. Boruu garuu gama keenyaan gammachuu ta’ee, gama diinaan gubannaa ta’aa. Kunimmoo waanuma arguuf teenyuudhaa.diinni qabsoo Biyya keessaa gaggeeffamaa jiruun waa hedduu itti maxxansee fi xureessee akka barbaadutti dhiheesseera. Oromoonni iji isaanii hanguma ilaaltu yaadanis, qabsoo irraa fagaatanii jiraachuu isaanii osoo hin qeeqiin, warra dhiiga itti lolaasaa jiruu fi lafee itti cabsaa jiran irratti waa hedduu dubbataniiru.Waggaa sadan kana waan dubbatamee fi katabamee seenaatu ol kaa’ee jira. Waan sun hundumtuu afarfamee garuu, kan hin tarkaanfatu jedhamee tarkaanfatee, kan hin badaa jedhamee lubbuu qabaatee, kan ni laafata jedhamee jabaatee diina morma hudhee jiru ta’uu yennaa argan maaluma jedhu laata ?

Kaayyoon barruu kiyya har’aa dubbii kakaasuuf miti. Har’as seenaatu raawwatamuuf jiraa, waan kaleessaa irraa baradhaatii , dhaloota har’aa of laachaa jiruuf kabajaa qabaadhaa jechuufi. Mana ho’aa keessa teenyee xiinxalaa fi yaada baatii tokkof illee hin turree gumaachuu irraa akka of qusannee waan ijaaraatti ceenuu hubachiisuufi.

Addatti bara 2015 kaasee daa’immanii kaasee hanga maanguddoo ganna 70tti wareegama kafalaa jiran. Kun eenyun illee gaddisiisuun hin hafu. Garuu ammas furmaata biraa hin qabnuu. Bilisummaan wareegama malee argamtuu gonkumaa eessallee hin jirtu. Kanaaf ammallee wareegama ulfaataa kafaluun keenya hin hafu. Wareegamnii kun jabiinaa fi wal jala yaa’uu keenyaan hanqifamuu mala. Garuu waan hin hafnee. Yeroos Yaadoota ka’anii turan kaasuun barbaada. kan diinni miidiyaa fi sabaa himaalee irratti dubbatu osoo hin taanee, ofiima keenya waan ofiin jennee turre keessaa:-

  1. Lubbuu ijoollee maa ficcisiisuu ?
  2. Fiixa ba’iinsa hin qabu , har’aa ho’ee boruu qabbanaa’aa
  3. Sochiin Qeerroo Abbaa hin qabuu !!!haadha itti barbaannaa ,,,,kk
  4. Dhaloota keenya hidhaatti fixanii..
  5. Tapha ijoolleetii ,,,
  6. Dhaloota barnoota irraa kutaa jiruu ,,, kkf jedhamanii jiru. Qabxiilee muraasa kana maaliif kaafnee ? jennee mee haa eegallu . gaaffiin akkasii jalqaba irratti kan ka’uu, dantaa ofii dursuuf jedhameeti. Inni lammaffaa, Naamuusaa fi kabajaa eenyuf akka qabanillee wallaaluu irraati. Inni sadaffaan, Qabsoo keessaa fagaatanii madaala tilmaamaa ykn xiinxalaa keessa gangalachuun qabsootti fudhachuu irraati. Kun deebii gababaa ta’aa. Deebii qabatamaan ammo waan yeroo san jedhamee fi waan qabatamaa amma jiru wal bira qabnii ilaaluudhaa.

FINCILLI MATAA FI GURRA ITTI GUGUDDIFNEE KUN MAAL UUMEE ?

  1. Fincila saba keenyaatti aanee ka dhufee, wareegama isaan kafalaniidha. Wareegamnii kun garuu firii Gootummaa sadarkaa addunyaatti galmeesiseen dabree jira. Har’aa wareegamni ulfaataan sun, dudda wayyaanee cabsee akka teesse dubbattu taasisseera. Taa’anii haasa’uutti aanee ciisanii haasa’uutu dhufa. Kunimmoo dhawaataan itti fufa. Wayyaaneen kaleessa barcuma paarlaamaa dhibbeentaa 99% mo’adhee kan jettee addunyaatti gabaafattee biyyee kan nyaatee wareegama ijoollee kanaanii . wayyaanee kana dubbattee waggaa 1 booda guutuu Oromiyaa keessatti Seenaan sun hundi addunyaatti kan mul’ifame.kun wareegamuun lammiilee keenyaa sun firii akka godhatee nu argisiisa.
  2. Wayyaanee maallaqa biliyoonaan ramaddee kan irratti hojjachaa turtee qabsoo Oromoo ABOn durfamu, akka fedhii namoota muraasaa fi garee tokkotti fudhachiisuuf amma dandeesse ifaajjaa jiraattee. Maallaqi daldaltoota siyaasaa bitanii Biyyoota of cinaa hiriirsuu waan laayyoo miti. Garuu kun hundi dhiiga ijoollee keenyaan dhiqamee ifatti ba’eera. Gaaffii qabsaa’oonni barootaaf kaasaa fi itti wareegamaa jiraatanii fi jiran , kan namoota muraasaa osoo hin taanee, kan Ummata Oromoo ta’uu fi Ummati Oromoo ABOn akka isa bulchuu akka barbaadan ifatti kan ittin mirkaneeffamee fudhatama argateedha.
  3. Mootootii hundaa irra diinni innikkaa Oromoo wayyaanee ta’uu kan itti mirkaneeffattee, qabsoo ummata oromoo goolessummaan wal qabsiisanii dhabamsiisuuf sochii taasifteedhaa. ABOn shororkeessaa addunyaa ta’ee, akka Biin laadeen akka barbaadamuu fi Ummati Oromoo akka Iraaqii fi Afaagaanstaan akka tumamanii dhumaniif shirri baroota dheeraaf hojjataa jiraatte salphaa miti. Warri wayyaaneetti maxxananii fi bitamanii jiran waan kana hangam gadi fageessanii akka ilaalanii jiran naaf hin galu. Wayyaaneen diina keenya ishee dumaati. Amaarri fi warri kaan Biyyuma keenya irratti nu cabsu uyaalan. Wayyaaneen garuu addunyaa irraa nu dhabamsiisuu ykn addunyaa nutti dulchisuu yaaltee jirti . kun yoomillee seenaa sana keenya keessaa hin badu. Sammuu dhala Oromoo hundaa keessaas hin badu.egaa Qeerroo fi Qarree seenaa wayyaanee xuraa’aa akkasii addunyaa irratti saaxilanii qabsoon Oromoo gaaffi abbaa Biyyummaa malee kan shororkeessummaa akka hin taanee, ABOn kallacha qabsoo Oromoo ta’uu mirkaneessan.
  4. Waggoota dheeraaf addunyaa irratti sabni Oromoo kaleessa sirna mataa isaa qabaachaa akka turee fi gabrummaa jalatti akka kufee jiru, aadaa fi jireenya hawaasummaa mataa isaa akka qabu , gaaffiin Oromoo addunyaa irratti fudhatame akka argatee kan ittin mirkaneeffame, Sabni Oromoo saba of bulchu akka ture kan mirkaneessu sirni gadaa UNESCO tti hatattamaan akka gadi ba’uu kan taasisan seenaama ijoollee keenyaa ilaalcha tuffii hedduun irratti ka’ee kanaati. Waan addunyaa kana irratti ta’uu hundaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitu of harkaa qaba. Dhaabbati mootummoota gamtoomanii ammoo addunyaa kana irratti waan jiru hundaaf ragaa isaa kan qindeeffatuu fi mirkaneeffatu karaa UNESCO kanaatii . kanaaf dhiigi ijoollee keenyaa Gootummaa akkasii galmeessee dabree jira. Qabxiileen kun sadarkaa addunyaatti kan ilaallee qofaadhaa. Sadarkaa wayyaaneetti ammo lakkofsayyuuu hin qabu.

Mee waanuma gabaabaa kana irraa maal baranna. Tilmaama kaleessa lallabaa turree fi haala qabatamaa har’aa keessa jirru, addatti seenaa bifa haaraa Biyya keessatti argaa fi dhaga’aa jirru kana waliin yennaa madaallu , gara fuula duraatti akkam ta’uu qabnaa ? jennee of gaafannaa laata? ? moo, waan yeroos kaafnee xibaarree dhiifnee, waan eegalamee sun saganteeffamee kan gaggeeffamaa jiru ta’uu amannee qooda fudhachutti ceena. ? sochiin kun qindaa’aa ta’uu fi umurii qabaachuu qofaa osoo hin taanee xumura wayyaanee akka tolchuu ragaa hedduu ammaaf tarrisuu hin dandeenye of harkaa qabaafan kaasaa jiraa. Kan dabree abbaa salphisee fi ol kaasee taajjabaa, waan boriif of qopheessuun barbaachisaadhaa.

Sodaa fi shakkii tokkollee hin qabnuu . wayyaaneef dhumateera. Siyaasii yeroo isaatti kufuun waan hin hafnee. Har’a jabiina wayyaaneen osoo hin taanee sagantaa harka keenya jiru irraa wayyaaneen jiraachaa jirti. Wareegamni keenya hanga har’aa gumaa baasutti akka hin geddaramneef , waan eeggachuu qabnuu fi dantaa siyaasaa keenya ilaallachuu irraa ta’uu mala. Qawwee hidhachiifamuunis adeemsuma keenyaa tolchuuf, qawwee qooduun duuba maal akka jiru hubachuu irraa ta’uu malaa haa obsinu. qabsoo keenya irratti shakkinu hin qabnu. Tarkaanfii barbaannu bakka barbaannutti fudhannuu addunyaan akka nurra hin ilaallee beekna. Gara keessaattis ta’ee alaatti gumaa ba’uun dhihaachaa jira. Oromoon kana gochuuf mirga guutuu itti qaba. Kutaa 2ffaan itti fufa.

HORAA BULAA !!!!!!!!

Advertisements